Gabaasa FDG Oromiyaa (via Sagalee Qeerroo Bilisummaa) – Sadaasa 26, 2015
Jaafar Yuusuf: “Wal Irratti Hin Laallu” [New Oromo Music]
VOA: Hiriira Barattoota Oromiyaa Keessaa fi Deebii Mootummaa
Namoo Abaataa | VOA
Torban tokko duraa jalqabee, hiriirri barattootaa, Shawaa Lixaa magaalaa Giincii keessatti geggeessame, hidhamuu namoota hedduu dhaqqabsiise – jedhu – jiraattonni magaalattii. Paartiin mormituu Kongiresiin Federaalawa Oromoo immoo, kaleessa magaalaalee lama ka biroo, Jalduu fi Najjoo keessatti, har’a immoo Amboo, Mandii fi Qilxuu-Kaarraa keessatti hiriirri barattootaa kun itti fufee geggeessamuu isaa dubbatu.
Giincitti lafti mana-barnootaa fuudhatamee, kaabinee aanaa sanaaf kennamuu, isteediyeemiin Giincii gurguramuu, ka magaalaa Giincii cina jiru – bosonni Cillimoo namoota dhuunfaatti gurguramee muramuu jalqabuu mormina – jechuun, hiriira barattoonni geggeessanii fi tarkaanfii humnoota mootummaatiin fudhatan – jedhame, akkasumas, hiriirawwan wal-fakkaatoo Jalduu fi Najjootti, Mandii fi Qilxuu Kaarraatti itti fufan jedhamaniif, qaamni mootummaa Raadiyoo Sagalee Amerikaatiif deebii kenne.
adarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti, Abbaan Deemsa Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Koomishina Poolisii Oromiyaa – Solomoon Taaddesee, Giinci keessatti hiriirri geggeessame sun hiriira bifa nagaan geggeessame otuu hin taane, ka qabeenyaa namoota dhuunfaa caccabsuu fi humnoota nagaatti dhagaa guuruutti deeme waan ta’eef, tarkaanfiin seeraa fudhatamuu dubbatu.
Sababaa kanaan barattoonni adda durummaan geggeessuun isaanii beekame kudha-afur qabamanii ka seeratti dhiheeffaman ta’uu dubbatu. Ka magaalaa Jalduu keessaa garuu, hiriirri geggeessame nagumaan xumurame, jedhan.
Hiriirawwan barattootaa Oromiyaa keessaa ilaachisuuf gabaasaalee dhiheessinee fi deebii Aangawaa Poolisii Oromiyaa guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.
– VOA
Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa – Sadaasa 25, 2015
Walgahiin Dachee Oromiyaa Qubattoota Alagaaf Laachuuf Akeekkate Mormii Ummataan Fashale
(SBO – SADAASA 25, 2015) Ummata Oromoo ifaa fi tooftaa dhoksaatiin lafa isaa irraa buqqisuudhaan alagoota Kaaba irraa dhufanii fi warreen alaa sirna isaaf meeshaa tahaniif hiraa kan jiru mootummaan abbaa irree Wayyaanee jidduu kanas naannawa Finfinneetii lafa Oromoo qubattootni saba Amaaraa akka qircataniif shirri xaxe mormiin ummataa isa mudate.

Walgahii Kiibxata dabre, Sadaasa 24 bara 2015 magaalaa naannawa Finfinnee, Laga Xaaxoo – Laga Daadhiitti ergamtoonni Wayyaanee gaggeessan irratti Naannoo Amaaraatti lafti waan itti dhiphateef bakki qubsumaa Oromiyaa irraa haa kennamuuf jechuudhaan dachee Oromiyaa qubattoota saba Amaaraaf laachuuf yaaliin taasifamee jira.
Jiraataan naannichaa haalicha itti dhiheenyaan quba qaban akka SBOf ibsanitti, qondaala Wayyaanee kan sadarkaa naannoo lammummaan Amaaraa irraa tahe walgahii ummataa Sadaasa 24 gaggeeffame kana irratti ummanni Amaaraa waan dacheen itti dhiphateef lafti Oromiyaa irraa akka kennamuuf wayta yaada dhiheessetti ummata waltajjicha irratti hirmaate irraa mormiin jabaan waan isa mudateef karoorichi fudhatama dhabuu jiraataan naannichaa kun nuuf himaniiru.
Ergamaan Wayyaanee kun aangoo qabutti dhimma bahee Oromoota lafa isaanii irraa buqqisee qubattoota Amaaraa qomoo isaa tahaniif laachuuf yaada kana ummatatti dhiyeesse kan nuun jedhe jiraataan naannichaa, namni kun qondaala sadarkaa naannoo tahee waan mootummaan Federaalaa murteessuu qabu ummatatti gadi buusuun isaa waan lama of keessaa qaba jedhe. Innis tokkoffaan Ummanni Oromoo dacheen isaa alagootaaf raabsamuu irratti ejjennoo yookan mormii akkamii qaba isa jedhu yaada kanaan tuqee ilaaluu yoo tahu, inni biraan ammoo kallattiidhaan mootummaadhuma olii irraa ajaja fudhatee Oromoo dachee irraa buqqisuu fi alagoota dhuunfachiisuuf hojjechaa jiraachuu isaa ifatti agarsiisa jedhan.
Naannawa Laga Xaaxoo – Laga Daadhiitti gamoowwan ijaaraman kan Habashoota Kaaba irraa dhufuun qubatanii tahuu kan nuuf himan jiraataan naannichaa haasofsiisne, ummanni Oromoo garuu jireenya gadadoo keessatti argama jedhan.
Habashoonni diina jala fiigaa jiran kunneen kanaanuu quufuu dhabanii dachee Oromiyaa Amaaraa irra qubsiisna kan jedhu yaaduun isaanii ummaticha haalaan mufachiisuus dubbataniiru. Walgahicha irratti kan hirmaate ummanni Oromoo jiraataa naannichaa tahe yaada ergamaan Wayyaanee Kaaba irraa tahe kun dhiheessetti hedduu dallanuudhaan, “Yoo yaada dachee keenya irraa nu buqqistanii, Habashoota qubsiisuun sagantaa keessan tahee fi yaalii akkasiitiin nutti deemaa jirtu tahe, waan dachee keenya irraa qabdan xaxadhaatii biyya keessanitti nu irraa galaa.” jechuudhaan dallansuu qaban ibsachuu isaanii ifa godhan.
Murtii walgeettiin dabballoota Wayyaanee maqaaf Caffee Oromiyaa jedhu dabarse, kan magaalonni walitti dabalamuu ilaalchisee ofii murteeffachuu danda’u ykn REFERENDUM gaggeeffatu jedhu ilaalchisees jiraataan Laga Xaafoo Laga Daadhii kun SBOf yaada isaa kenneera. Akka inni jedhutti kan wayta ammaa kana heddumminaan magaalota naannawa Finfinnee keessa jiran keessa qubsiifamaa jiran alagoota keessumaa Habashoota Kaaba irraa Oromiyaatti godaansifaman waan taheef Oromoon waa’ee dachee isaa, afaanii fi aadaa akkasumas hegeree biyya isaa irratti murteeffachuudhaaf sagalee waakatama; fedhii alagaatu murtaawa jedhe.
Kuni tahuun ammoo akkuma amma qondaalli Wayyaanee dhalataa saba Amaaraa tahe kun yaade, Oromoo buqqisanii Habashoota Oromiyaa irra qubsiisuufis tahe afaan hojii naannichaa Afaan Oromoo irraa gara Afaan Amaaraatti jijjiiruuf kan sagalee qabaatee murteessu qubattootuma heddumminaan Oromiyaa keessa jiran kana tahu; kun ammo Ummata Oromoo fi Oromiyaaf balaa guddaa tahuu ibseera.
Ergamtichi Wayyaanee Dhaabaa Dabalee haasawa jidduu kana waa’ee babal’ina magaalota Oromiyaa ilaalchisee taasiseen magaalotni kunneen akka kan USA babal’atu, guddina waloo tarkaanfachiisna jechaa turuu fi guddina dijiitii lamaa Wayyaneen lallabu ilaalchisee yaada kan nuuf laate jiraataan Laga Xaafoo Laga Daadhii kun, karoorri baanamu kun akkuma argaa jirru duubni isaa dachee Oromoo qircuu fi alagoota irra qubsiisuu dha erga jedhee booda, wayta hiyyummaa fi beelli ija baasee ummata keenya fixaa jiruttis olola dharaa kana lallabuun dabballota OPDO hammam ummata Oromoof akka diinummaa qaban mul’isa jedheera.
Jiraataan naannichaa walgahii shiraa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti gaggeeffame ilaalchisuudhaan SBOf yaada laate maayii irrattis, rakkoo diinnii fi ergamtoonni diinaa nutti asiin deemaa jiran kana furuudhaaf karoora shiraa Wayyaaneen qopheessee bifa adda addaatiin Oromootti baasu mormaa fi fashalsaa, rakkinicha hundee irraa furuudhaaf ummanni Oromoo bakka jiru maraa tokkummaadhaan ejjennoo jabaan mirga hiree murteeffannaa isaa dhugoomfachuuf qabsaawuu qaba jedhe.
Habtamu Lamu: "Wallaggaa Daawwanna" [Oromo Music via Raayyaa Studio]
Godina Lixa Wallaggaa Ijoolleen Oromoo Ukkaamfaman
Godina Lixa Wallaggaa Ona Ganjii irraa dargaggootni Oromoo barreessaa kitaaba UDDEELLAA, Galataa Caalaa Baayisaa akkasumas obboleessa isaa Qadiidaa Caalaa Baayisaa fi Takkaalliny Bantii Baay’isaa jedhaman humnoota tikaa Wayyaaneen ukkaamfamuun eessa buuteen isaanii dhabame.
(SBO – SADAASA 25, 2015) Dargaggoo Galataa Caalaa Baayisaa Sadaasa 21/2015 galgala keessaa sa’a 10:00 irratti magaalaa Ganjiitii qabamee waajira poolisii Ona Ganjiitti geeffamee ergasii bakka buuteen isaa dhabamuun gabaafamee jira. Obboleessi isaa Qadiidaa Caalaa Baayisaa fi Takkaalliny Bantii Baayisaas guyyuma kana isa faana qabamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira.
Barataa leenjii barsiisota Naqamtee waggaa 3ffaa kan ta’e dargaggoo sabboonaa Galataa Caalaa, dhiheenya kitaaba mata dureen isaa UDDEELLAA jedhu barreessee gabaa irra kan jiru ta’uunis beekameera.
Dargaggootni sabboontotni Oromoo kunniin badii dalagan qabaatanii kan ukkaamfaman osoo hin taane, Oromummaa isaaniif ejjennaa qabantu akka ukkaamfaman isaan taasise.
Dargaggootni Oromoo Galataa Caalaa Baayisaa, Qadiidaa Caalaa Baayisaa fi Takkaalliny Bantii Baayisaa yeroo ammaa kana bakki isaan buufaman haga ammaatti hin baramin jira.
Yeroo ammaa kana mootummaan wayyaanee Sochii FDG barattoota, dargaggoota ykn Qeerroo Oromoon finiinaa jiruu fi sirna isaa raasaa jiru dhaabuuf dargaggoota barattoota qaroo fi jajjaboo ta’an dhaabbilee barnootaa fi hawaasa keessaa funaanee hidhuu fi ajjeesuu bal’inaan geggeessaa jira.
Barattootni/Qeerroo fi dargaggootni akkasumas sabboontotni Oromoo gama isaaniitiin hidhaa fi ajjechaan gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi falmaa bilisummaa irraa nu hin deebisu jechuun FDG jalqaban finiinsuu irratti argaman.
Eebbaa Coqorsa:- Gaafa Handaraafaa (Walaloo)
OMN: Oduu – Sadaasa 26, 2015
Barattooti Oromoo Gullisoo Mormii Dhageessisan
(Oromedia, Gullisoo, 27 Sadaasa 2015) Barattooti Oromoo Gullisoo miidhaa fi roorroon ummata Oromoo irraa akka dhaabbatu gaafachuuf hará Sadaasa 27 bara 2015 waaree booda mormii bahan.
Oduun Oromiyaa Lixaa Gullisoo irraa nu gfahe akka ibsutti, gaaffiin barattoota Oromoo bakka iyyuutti bifa walfakkaataan belbelaa jira.
Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Gullisootti guyyaa haráa waaree booda sa’a 2:30-2:45 keessatti hiriirri fi mormiin gaggeeffame kan miira hooáa qabu ture.
Mormii Barattooti M/b Qophaa’inaa fi Sad. 2ffaa adeemsisan kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee humna hidhataa guddaa barattootatti bobbaaseera.
Sababa kanaan barattooti mormii isaanii dhageessisaa jiran, otuu gara ummataatti hin dabalamiin addaan citanii jiru.
Akka gabaasaan keneya ibsetti, humni poolisii konkolaataa lamaan godina irraa ergame gaasii imimmaan nama boochisuun hiriiricha addaan bittineessaniiru.
Hiriirri kun kaayyoon isaa dhiittaa fi saamicha Oromiyaa keessatti raawwatmaa jiru balaaleffachuu fi gaaffiilee mirgaa barattooti Oromoo bakka addaddaatti kaasan cina jiraachuu isanii mul’isuuf taúu odeessi nu gahe dabalee hubachiiseera.
Dr. Asaffaa Jaallataa: Sabboonummaa fi Qabsoo Oromoo (K/ 2ffaa | Simbirtuu)
London | Dec. 12, 2015 | Annual General Meeting of Oromo Relief Association-UK
Miseensota fi deggertoota WGO fi gaarii kan yadan maraaf:
Waldaan Gargarsaa Oromoo Walgahii Wagaa Sadaasa 12, 2015 admisisa waan ta’ef akka argamttan kabajaan aferatamtanittu. Bakkaf, Yeroo fi gejjibni kana gadiiti ibsamera.
Koree HG
——
To all ORA members, supporters and good wishers:
You are cordially invited to take part in the Annual General Meeting (AGM) of Oromo Relief Association-UK (ORA-UK).
Date: 12th December 2015.
Venue: Manor Gardens, 6-9 Manor Gardens, London, N7 6LA
Time: 1pm-5pm
Bus no.: 29,43,271, 259,254,263,153
Nearest Train station: Finsbury Park and Holloway Road Station
Management Committee
Oromo-TV: Seenaaf Yaaddanno Sabaa-himaa Oromoo (Geletu Kelube)
Saartuu Usmayyoo Mussaa: "Abbaa Khoo!" [Oromo Music from Usmayyoo’s Daughter via Nuun Studio]
TVOMT: Oromo TV
Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) – Qophii FDG | Sadaasa 27, 2015
Ibsa KWO: "Waayeen Lafa Oromoo Qixa Lafee Oromooti Lakkaawama"
Ibsa KWO/OIF …
—–
KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA
Wajira.kwo@gmail.com
LAAK: kwo-075-2015
GUYAAA: Sada. 27, 2015
OROMIA INDEPENDENCE FRONT
Wajira.kwo@gmail.com
REF.NO: oif-075-2015
DATE: Nov. 27, 2015
“Waayeen Lafa Oromoo qixa Lafee Oromooti lakkaawama”
Ibsa Maastar Pilaanii Finfinnee Ilaalchisee Dhaaba Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) Irraa Kenname.
Karoorri Motummaan Wayyaanee Dhaloota isaa irraa kaasee Ummata Oromoo fi Cunqurfamoota Sabaa fi Sabllamoota Itiyoopiyaa keeyyssa jiran hunda lafa isaanii irraa buqqisee hiyyoomsuudhan qabeenya isaanii saamee humna isaa yeroo irraa gara yerootti cimsachuun bara bittaa isaa dheerafachuudha.
Karrorri Wayyaaneen maqaa “Maastar Pilaanii Finffinnee jedhuun” ummata keenyarratti fe’uuf deemtu kun itti fuufnsa karoora mootummoota Habashaa dhufaa dabrraa (Minilik – Wayyaanee) kan ummata keenya lafarraa fixanii lafa isaa humnnaan dhuunfachuuti. Walumaa gala dhimmi kun saba Oromootif dhimma baduu fi jiraachuti. Waan kana tayeef, dhaabni keenya KWOn Sabnni Oromoo yeroo ammaa carraa lama qofa qaba jedhee amana. Baduu yookaan jiraachuu. Karaan walakkaa kana deemsisu gonkuma hin jiraatu.
Haaluma Kanaan mootummaan abbaa irree Wayyaanee maqaa Maastar Pilaanii Finffinnee jedhuun Uummata Oromoo nannawa Finffinnee qubatu (Magaalaa Amboo irraa Haga magaalaa Adaamaatti) lafa Hectaara Milliyoona tokko ol ta’u irra qubatu lafa isaa irraa humnnaan buqqisee, aadaa, afaanii fi seenaa Saba Oromoo balleesee ummata biroo kan aadaa, seenaa fi afaan biroo qabu walakeessa Oromiyaati uumun Oromiyaa Bahaa fi dhihatti adda qoqoodee bituuf karoorfatee irratti hojjachaa jira.
Akka seerri mootummaa Wayyaanee lakkoofsa 49 tuqaa 5 jedhuttui magaalaan Finffinnee magaalaa mootummaa Federaalaa taatee naannoon Oromiyaa bu’aa addaa akka irraa argatuu fi dhimma bulchiinsa waloo magaalaa Finffinnee dubbata. Bu’aan kunis seeraan akka murtaayu hima. Mootummaan abbaa irree kan seera ufii isaa barreese tokkollee kabajuuf danddeetti/fedha hin qabne kun bu’aa Oromiyaan magaalaa Finffinnee irraa qabdu kabajuun hafnnaan magaalaalee Oromiyaa Godina addaa jala jiran hunda dhuunfatee saba Oromoorratti sanyyii duguuggaa daangaa hin qabne raawwachuuf karoorfatee haara galtii tokkoon malee hojjataa jira. Sabni Oromoo shira kana cal jedhee fudhachaa hin jiru. Waggaa dabrre barattonni Oromoo balaa saba Oromoo irratti aggaamate kana karaa nagahaan dura dhaabachuuf qalamaa fi waraqaa adii qabatanii hiriira bahan gara nyaattii tokkoon malee rasaasa Wayyaanetiin tumamanii ajjeefaman. Kuun mana hidhaa Wayyaanetti guuraman. Kan hafan mana barumssaa irraa ar’iaman. Wayyaaneen Saba Oromoo daangaa malee tuffachuudhaan biyya keenyarratti ilmaan keenya nu jalatti fixaa jirti. KWOn gootota haqaa isaanii osoo falmatan wareegaman kanaaf kabaja ol’aana qaba. Seenaa isaanitis bara baraan yaadata. Isaan kun gootota dhugaati.
Dhaabni keenya KWOn Karooorri Wayyaaneen fedha Uummata Oromootin ala magaalaa Finffinnee dhibantaa 80 oliin (80%) guddisuf karoorfatte aadaa, seenaa fi afaan Oromoo balleesuun seenaa, aadaa fi afaani birotin bakka buusuu waan tayeef qixa sanyii duguuggaa (genocide) uummata keenyaratti raawwachuuti jedhee amana. Kanaaf, KWOn sanyii duguuggaa bifa kanaan Saba Oromoo irratti aggaamate kana murannoodhaan dura dhaabbata, shira daangaa hin qabne kana fashaleesufis garaa kutannoon irratti qabsaaya. Wareegama barbaachisu kafaluuufi qophiidha.
Kanaaf, KWOn Uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaan, akkasumas dhaabbotiin siyaasaa Oromoo hundi garaa garummaa yaadaa, siyaasaa, amantii qubsuma lafaatin osoo hin daangefamne tokkumaadhaan akka dura dhaabbatu waamicha lammummaa dabarsa. Dabalataan humnnoota waaraanaa fi poolisaa kanneen lammii Oromoo ta’an cufti tajaajila moottummaa Oromoo dhabamsiisuuf bu’ureeffate kanaaf laataa jiran seenaan boru akka gaafatu hubatuudhaan qabsoo ummata wajjiin akka dhaabbatan waamicha goonaaf.
Dhumarratti KWOn rakkoon Saba Oromoo kan furmaata waaraa argatu gaafa Oromoon ijaaramee humna murteessaa tayee sirna kiyyoo gabrummaa buqqisee uf irraa darbee ummata bilisa biyya walabaa fi mootummaa mataa isaa birmada Uumatee biyya isaa Ormiyaa fi handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee harkatti galfate qofa waan tayeef ummanni keenya dhaaba isaa KWO waliin hiriiree gootummaan diinarratti akka qabsaayuu waamicha dabasina.
Oromiyaan Ni Walaboomti!
Waajira KWO
Jaagamaa Taaddalaa: "Eelee Sibiilaa" [New Oromo Music – Nov. 2015]
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast – November 25/28, 2015
November 28, 2015:
November 25, 2015: