Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all 1719 articles
Browse latest View live

Hirirri Mormii Maastar Pilaanii TBOJ Caayaa ABO fi Hawaassa Oromoon Barliin Kessatii Gaffaa Sadaasa 13, 2015 Gageffamee

$
0
0

Gaaffiin Oromoo Gaaffii Abbaa Biyyuummaa ti.

– Tokkuumma Baratoota Oromoo Jarmanii (TBOJ)

Akkumma bekkamuu Uummanni Oromoo bittaa fi dhittaa motootaa Habashaa fi motuummaa abbaa irree jalatti kufuun jaarraa heedduu lakkofsisuun, mirgaa isaa otoo falmaatuu yoona akka gahee ni hubataamaa.

Haata’uu maalee mootumootaa abbaa irree jalaattis kufuu Uummanni kun guyyaa tokkoo illee ykn yeroo tokko illee mirgaa isaa falmaachuu, waa’ee isaa dubachuu irraa dubaatti yeroo inni debi’ee tokko ille hin jiruu, yeroo amma kanatti immoo FDG fi Qabsoon ABO daraan jabachaa dhufuun motuumman biyyaa biitaa jiruu Uummaata Oromoo irratti kalaatti adda addaan duulaa banee akka jiruu nii beekamaa. Kanaafu Uummaata keenyaa biyyaa kessaaf sagalee tahuun Sadaasa 13, 2015 mormiin magaala Barliin, Jarmaanitti gaggeffame milkiin xumuramee.

Mormii hirirraa kana irratti namootaa heduun irra qodaa kan fudhataan yeroo tahuu, kessumaa dhalonii qubee heduminnan kan argamanii fi gara fulduratiis qabsoon keenyaa daraan akka jabatuu fi bilisummaan keenyaa gonfanuuf hundumtuu gahee mataa mataa isaa bahachuu akka qabuu dhamsii waalii galaa dabree jiraa.

Mormiin hirirra kun eddo fi bakka barbachisoo tahaan hundaa kan demamee fi iyyannon xalayyan kan galfamee yerroo tahuu, dhimmaa mormii motumaa abba irree halaan balaleffachaa olamee jirra.

Qabsoon Uummataa bal’aa Oromoo degartoota kayyoo fi dandii siyasaa ABOtti warrii amman dhabileen adda addaa heduminaan irra qoodaa fudhataaan jiruu.

Dhadanolee fi ejjennon TBOJ caayaa ABO fi hawassaa qabsoo bilisumma Oromoo degaraan,

  • Heerrii fi seerri Oromoof hin hojjenne, Oromoorattis hojjechuu hin qabu.
  • Maastar Pilaanii Finfinne hangaa Oromoon lafaa irraa jirutti hojji irra oluu hin qabu.
  • Ajjeecha fi sanyii dugugga icittiin Oromoota irratti gageeffama jiruu hatataaman dhabachuu qaba.
  • Hidhaa siyassaan mana hidhaa kessatti gidirfamaa jiran gadhifamuu qabu.
  • Saamichi lafaa fi toftaalee adda addaan qe’ee irraa buqiifaamaa jiraan dhabachuu qabaa.
  • Gaaffiin Oromoo gaaffii abbaa biyyuummaa ti.
  • Sarbamuu mirgaa namummaa fi reebichaa garaa jabinaan irraa gaha jiruu dhabachuu qaba .
  • Akkasumaas rakkolee adda addaa Saba keenyaa irraan otoo waal irraa hin citiin gahaa jiruu kun dhabachuu qaba.
  • Itti dabalataan baatiin Sadaasa qabsa’otaafi saboontotaa Oromoo biratti baatii adda tahee dha, kanaafuu Fincilaa Diddaa Gabruumma (FDG) kan biyyaa jarmaan bara 2015 mormii hiriiraa waaliin waal qabsisuun qabsa’otaa keenyaa wareegamaan yadatamee oleraa.

Portland/Oregon | New Year’s Eve Concert with Haacaaluu & Lense

$
0
0

Portland/Oregon | Dec. 31, 2015 | New Year’s Eve Concert with Oromo Artists Haacaaluu Hundeessaa & Lense Lemessa

Haacaaluu_Lense2015

Harka Fuune: Artiist Bishiriyaa Borshaa (OBS)

Prof. Asafa Jalata’s New Book Available on Amazon & Other Bookstores

$
0
0

Prof. Asafa Jalata’s new book, entitled “Phases of Terrorism in the Age of Globalization – From Christopher Columbus to Osama bin Laden,” has been published by Palgrave Macmillan, ‘a global academic publisher, serving learning and scholarship in higher education and the professional world.’ The book can be ordered through the Gadaa.com Bookstore (powered by Amazon.com), or through the publisher (available as a hardcover or an ebook).

Book Description and Details:
AsafaJalata2015_1
AsafaJalata2015_2

"Dheebuu"– Diraamaa Afaan Oromoo (Kutaa 34ffaa)

SBO: Tarkaanfii WBO | Sadaasa 2015

$
0
0

Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba Baha Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Hidhattoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 9 Ol Hojiin Ala Godhe; Meeshaalee Waraanaas Booji’e. Hidhattootni Diinaa 5nis WBOtti Harka Kennatan.

(SBO – Sadaasa 14, 2015) Humnaa fi qabeenya qabu irratti hundaawee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo of irratti hirkannoon falmaa diina irratti godhu finiinsaa kan jiru gootichi WBO, godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu daran cimsuu irratti argama.

Haaluma kanaan abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Kibba Baha Oromiyaa Godina Baalee keessa sossohu tibbana diina irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Risaa jedhamu Sadaasa 10, 2015 Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti ganama barii sa’aa 5:00 irratti humna diinaa ummata dararuu fi sochii WBO danquuf bobbaa irra ture haxiidhaan haleelee loltoota 5 yeroo irraa ajjeesu, 4 ol ammoo madeessuun meeshaalee waraanaa adda addaa irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa beeksisee jira.

Humni Risaa tarkaanfii boonsaa kana fudhate diina irraa qawwee AKM-47 5, boombii harkaa F1 jedhamu 20, boorsaa waraanaa kan dugdatti baatamu 5 mi’a qabu waliinii fi meeshaalee biroo diina irraa booji’uun bu’aa qabsoo bilisummaa Oromoof akka taasise beekuun danda’ameera.

Kana malees Humni Addaa WBO (Risaan) Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti wayta tarkaanfii kana fudhatetti sabboontota Oromoo hidhattootni wayyaanee maqaa ABO fi WBO gargaartu, nu rukuchiistu jedhuun qabanii deemaa turan keessaa tokko akka harkaa baases oduun kun ni hubachiisa.

Hidhattoota wayyaanee tarkaanfii humna addaa WBO Risaan haleelaman keessa turan keessaa 5 (shan) hidhannoo isaanii guutuu waliin WBOtti akka harka isaanii kennatan Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa mirkaneessee jira.

Tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu jabinaan kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa hubachiisee jira.

Xumura irratti Oromoota dabalatee ilmaan ummatoota cunqurfamoo sirna wayyaaneef meeshaa ta’uun qabsoo bilisummaa fi mirga isaanii deebifachuuf ummatootni kun taasisaa jiranitti gufuu ta’anii jiran hidhannoo isaanii sirna wayyaanee diina ummatoota cunqurfamoo empaayerattii ta’ee jirutti nannessuun xumura sirna gabrummaa isaa akka shaffisan WBOn hiree kanaan yaamicha isaa haaromsee jira.

—–
—–

Gumaacha WBO: Hawaasni Oromoo Magaalota Riyaadii fi Tabuuk Akkasumas Naannawaa Magaalota Kanneenii Jiran Guyyaa Ayyaana Arafaa Sababeeffachuun Walitti Dhufanii WBO Jabeessuuf Riyaala Sa’udii 70,483 Gumaachan

(SBO) – Oduun Riyaad Sa’ud Arabiyaa irraa SBO dhaqqabe akka hubachiisutti, Konyaa ABO jalatti hawaasni Oromoo magaalaa Riyaadii fi naannawa isheetti argamu Fulbaana 26,2015 Ayyaana Arafaa sababeeffachuudhaan walitti dhufanii dhimmoota adda addaa irratti marii taasisuun walgahii bareedaa geggeeffatanii jiran.

Walgahiin kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootaan kan jalqabame oggaa ta’u, dura ta’aan Konyaa ABO Riyaad hawaasa walgahii kana irratti argameen baga nagaan dhuftan jechuun simatan.

Biyya Sa’ud Arabiyaatti bakka bu’aan ABO Engineer Mahaammad Haajii sirna kana irratti argamuudhaan dhimma QBO ABOn durfamu, sochii WBO fi dhaamsa WBOn dhaammataa jiru irratti ibsa bal’aa hawaasaaf akka kennan oduun SBO dhaqqabe kun ni addeessa.

Hawaasni Oromoo Riyaadii fi naannawa ishee WBO jabeessuuf akkuma waadaa seenee tinnisa jajjabaa godhaa turetti, walgahii kana irrattis ibsa laatameefiin booda, Riyaala Sa’ud Arabiyaa 33,700 (Kuma Soddomii Sadii Fi Dhibba Torba) WBO jabeessuuf gumaachuun isaanii gabaafameera. Gara fuula duraattis WBO jabeessuuf waan danda’ameen bira dhaabbachuu irraa kan of booda hin deebine ta’uus mul’isaniiru.

Konyaa ABO jalatti Walgahii hawaasni Oromoo Riyaadii fi naannoo ishee Fulbaana 26,2015 Ayyaana Arafaa sababeeffachuun geggeeffatan kana irratti nyaatni aadaa Oromoo kan Godinoota Oromiyaa cufaa kan dhihaate oggaa ta’u, walaloolee fi diraamotni gara garaa miidhaa fi cunqursaa Oromoo irra gahaa jiru mul’isanis dhihaataniiru.

Artistootni Oromoo kan akka Bakkalcha Konbolchaa fi Siinboonee Addunyaa faa waltajjii kana irratti argamuun hawaasa kan bashannansiisan oggaa ta’u, xumura walgahii kanaattis hawaasni walgahe ibsa ejjennoo qabsoo jajjabeessu dabarfachuun walgahii isaanii milkii fi injifannoon xumurachuu isaanii oduun Riyaad irraa SBO dhaqqabe hubachiisee jira.

Haaluma walfakkaatuun Fulbaana 26, 2015ttis biyyuma Sa’ud Arabiyaatti Konyaa ABO jalatti hawaasni Oromoo kan magaalaa Tabuukii fi naannawa ishee jiraatu Ayyaana Arafaa sababeeffachuudhaan walitti dhufanii achumaanis dhimma QBO irratti walgahii godhachuu isaanii oduun walqabatee nu dhaqqabe beeksisee jira.

Qophiin hawaasaa kunis akkuma aadaa Oromootti kan baname eebba maanguddoota Oromoon oggaa ta’u, dura ta’aan Konyaa ABO Tabuuk Obbo Fayyisaa Kumsaa simannaa hawaasaaf godhaniiru.

Miseensi Gumii Sabaa ABO Jaal.Atoomsaa Kumsaa karaa bilbilaan walgahii kana irratti hawaasa walgaheef haala QBOn irra jiru irratti haasaa akka godhanis beekuun danda’ameera. Hawaasni Oromoo qabsoo isaanii cina dhaabbatanii akka jajjabeessan, WBOn humna ummata Oromoo waan ta’eef, haga Oromiyaan bilisoomtutti WBO jabeessuu fi Qabsoo itti fufuun daandii filmaata biraa hin qabne ta’uu Jaal.Atoomsaan dhaamsa isaanii keessatti hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan hawaasni Oromoo magaalaa Tabuukii fi naannoo kanneen walgahii kana irratti argaman WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 36,783 (Kuma Soddomii Ja’aa fi Dhibba Torbaa fi Saddeetamii Sadii) tinnisa, bittaa fi gurgurtaa irraa argame walitti qabuun gumaachuu isaanii oduun SBO bira gahe hubachiisee jira.

SBOs Hawaasa Oromoo Sa’ud Arabiyaa WBO jabeessuuf gumaacha jajjabaa gochuu irratti argamaniin galatni kessan Bilisummaa dha jechaa, ammas irra deebi’uun hawaasa Musliimaan Baga Ayyaana Arafaan isin gahe jedha. Kanneen Hajjiidhaaf gara Sa’ud Arabiyaa deemanii balaan du’uu fi miidhaan adda addaa irra gaheef ammoo gadda isaa irra deebi’ee ibsa.

Shukri Jamal & Galaanaa Gaaromsaa: "Lammiin Koo Beelahe" [Oromo Song via OroMP3.com]

Ibsa Ejjennoo Kora ABO Biyya UK (Sadaasa 2015)

$
0
0

Korri waggaa kan Miseensotaa ABO biyya UK fi walgahii hawaasaa Oromoo biyya UK Sadaasa 14, 2015 magaalaa Bolton (naannoo Maanchastar) tti geggeeffamee jira. Walgahiilee kanarratti miseensotni, deeggartootnii fi hawaasni Oromoo haala yaroo amma biyya Oromoo keessa jirtuu fi qabsoo bilsummaa ABO karaa adda addaa geggeessaa jiru irratti bal’inaan erga mariihatanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru.

1. Mootummaan Itoophiyaa kan wayyaaneen hogganamaa jiru itti fufinsaan ummata, saba fi sablammiiwwan biyyattii keessatti argaman irraan cunqursaa daangaa hin qabne irraan gayaa jiru akka dhaabu,

2. Lammiiwwan Oromoo sirna cunqursaa wayyaanee jalaa baqatanii biyyoota ollaatti jiran jala basaastota bobbaassun ukkamsanii dhabamsiisuu, ajjeessu fi jireenya isaanii balaaf saaxiluu ni balaaleffanna,

3. WBOn hundee qabsoo bilisummaa keenyaa fi gaachana Oromoo ta’uu isaa hubannee caalaatti kan bira dhaabannu ta’uu keenya ibsanna.

4. Dhaabni keenya ABOn qabsoo bilisummaa gama hidhannoo fi karaa adda addaa taasifmaa jiru caalaatti jabeessuuf jecha Tumsaa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokrasiif (TUBD/PAFD) Onkoloolessaa 24, 2015 ummatoota cunqurfamoo biroo walii taasifame ni deeggarra; hujii irra ooluusaafis waan nurraa eegamu ni goona.

5. Motummaan wayyaanee gama tokkoon sirna hannaa fi saamichaa biyyattii keessatti diriirsuudhaan, ummata lafa fi qabeenya isaa irraa buqqisuu, bosona ciruu fi summeessuudhaan haalli naannoo balaa keessa galee ummatni beelaaf akka saaxilamu gochuun yakka raawwatamaniif sirnichi ittigaafatamummaa akka fudhatu fi hojii balaafamaa kana irraa akka dhaabatu gaafatna;

6. Mootummaan wayyaanee baqattoota Oromo biyyoota ollaatti baqatan jala deemanii ajjeesuu, yakkuu fi hawaasa baqataa gidduutti wal jibbaa fi wal shakkii ijaaruu irraa akka of qusatu, ummatnis kana irratti dammaqee ergamtoota sirnichaa dura dhaabatu.

7. Jaalatamaa fi beekaa Oromoo Obbo Dabbasee Guyyoo biyya baqaa keessaa utuu jiranii wayyaanee ukkaamsitee miliqisuu ishee ni mormina; namni kun haal duree tokko malee gadhiifamee maatii isaatii akka deebi’u gaaftna.

8. Miseensotni ABO UK gidiraa mootummaan ummata Oromo irraa gayaa jiru hundee isaa irraa buqqisee bilisummaa Ummata Oromoo mirkaneessuuf sochii godhamu keessatti shoora keenya cimsinee akka itti fufnu irra deebinee mirkaneessina.

9. Nu hawaasni oromoo UK keessa jiraatnu hundi umriin, saalaan, amantaa fi naannootiin otoo hin qoqqoodamiin shira wayyaaneen biyya keessaa fi alatti ummata keenya qoqqooduuf asiif achi fiigdu dura dhaabbatna, namoota beekaas ta’e gowwomsamanii badii kana keessatti hirmaatanis akka hojii balaafamaa kana irraa of qaban cimsinee hubachiifna.

Injifannoon kan ummata Oromoo fi Saboota cunqurfamoo ti!

Bolton, UK – Sadaasa 14, 2015

————

ABO_UK2015_8

ABO_UK2015_7

ABO_UK2015_1

ABO_UK2015_2

ABO_UK2015_3

ABO_UK2015_10

ABO_UK2015_4

ABO_UK2015_5

ABO_UK2015_6


‘Oromia Insight’ with Oromo-TV’s Abduljelil Abdella

SBO: Sad. 18, 2015 – Oduu; Kora ABO UK fi Jaal Barsiisaa Barii

$
0
0

SBO: Sadaasa 18, 2015. ODUU, Kora ABO UK fi Jaal Barsiisaa Barii, akkasumas FDG biyya keessaa irratti Gaafii fi deebii dargaggoo Murataa Lammii

SBO –የኦሮሞ ነፃነት ድምፅ (ኦነድ) በአማርኛ (November 18, 2015)

Raadiyoo Walabummaa: G/D Ob. Gaaromaa Waaqasaa Waliin Taasisne

Jireenyaa Gadaa: "Gumaan Baasa" [Oromo Music]

Oromo-TV: Marii Oromoo –"Maastar Pilaanii Addis Abbabbaa"

$
0
0

Duguuginsa Shanyii “Maastar Pilaanii Addis Abbabbaa” Dr. G. Teessoo

Blog Set Up to #HelpFindDabassa by Friends of Ob. Dabassa Guyo

$
0
0

DabassaGuyo2015_6

A new blog (@ http://DabasaGuyo.blogspot.com) has been set up by friends of Abbaa Liiban Dabassa Guyo to help find him; Obbo Dabassa Guyo disappeared on September 27, 2015, in Nairobi, Kenya, a few hours after presiding the annual Irreecha-Hulluuqqoo (Oromo Thanksgiving celebration) in that city. The TPLF-dominated Ethiopian government is believed to have been involved in his disappearance; the Ethiopian government has a documented track record of transgressing international borders to detain and harass UNHCR-registered and other refugees in neighboring countries, and beyond. Ob. Dabassa Guyo has been working as the Oromo Borana Gadaa System wisdom-keeper (the honorary title Abbaa Liiban signifies his role as the living library in the oral-based Gadaa civilization.)

The blog can be accessed @ http://DabasaGuyo.blogspot.com


Ibsaa Guutama:- What is Democracy? | Demokrasiin Maannii?

$
0
0

Demokrasiin Maannii?

Ibsaa Guutama irraa* | Sadaasa 2015

Kanneen demokraasii ol kaasanii ilaalanhundi, akka tokkott qayyabachuun saanii mamsiisaa dha. Kanaaf mee qabsaawota Oromoof yoo ilaalcha waloo ni arginaaf tahe haa ilaaluu. Akka ilma Gadaa naannaa saatt yeroo dhumaaf shakalameett dhaalmaa demokraasii Gadaa qabaachuu saa, barreessaa kun kan ittiin mormu jiraataa itt hin fakkaatuu. Yoo tahewoo? Kan dhimma baasu yoo ofii shakalee fi utubeen qofa. Qooqi demokraasii (demokratia) qooqota Greekii lama “demos” ummata fi “kratia” mootummaa, irraa dhufe jedhama. Jechi Abraham Lincoln “Mootummaan ummataa ummataaf ummataan …” jedhu bara si’anaa rimsama demokraasii sirriitt ifsa. Kun biyya biyyatt mikkillee inni keessatt shakaIamu utuu hin dagatinii. Waan hubannu irraa demokraasiin dhugaa abju dhugoomuun saa rakkisaa tahe. Demokraasiin Oromoo yk Gadaa kan hunda haammatullee muda hin qabnee mitii. Demokraasii madaluun kan eegalamuu qabu, dhaaba, caasaa fi jiruu jarmaa saa irratii. Jaarmaan dhaaba, miseensota kaasaa waloof qabsaawan, kaayyoo, seeraa fi dambiilee saa kabajuuf kakaa seenan dabalataa. Miseensi yk hogganni demokratawaan kan madaalamu qulqullooma keessa ofii, dudhama dhaabicha qabu, durfannoo dhimmama jaalaa kennuu, seeraa fi tartiiba dhaabaaf ulfina kennuu fi hagam guddina ilmaan namaa fi teknolojii sabaawaa fi sabgiddu akka hubateenii. Leadership in democracy is based on election with time limit. In certain cases elected leaders could turn autocratic or oligarchic abandoning organizational rules and objectives that demands all-inclusive team work.

Barreessaa kanaaf demokraasiin akkaataa jireenya hundi adda addummmaa barumsaan, ogummaa fi dandeettii biraa haa qabaatan malee, walqixummaan walliin jiraatanii. Demokraatoti dhugaa hundi seeraan bulmaata ni fudhatuu, murtii dabarsuu keessatt qooda fudhannaa miseensotaa ni jajjabeessu; akkasumas sagalee mormii ukkaamsuu hin yaalanii. Kanatu ofaangessaa, bulchiyaroo fi halleto’ataan adda isaan godha. Demokraasii keessatt hoggansii kennata yeroo murtaawee irratt hundaawaa. Alii ali hogganooti filaman dambilee fi tartiiba dhaabaa, kan hojii garee hunda hammataa gaafatu lakkisanii ofaangessaa yk bulchiyaroott of jijjiiruu dandahu. Ofaangessaan olhantummaa nama tokkotii. Gara biraan bulchiyaroon murna gurguddoo yk sadootaan gaggeeffama. Sirna lamaanuu keessatt tokko tokko jalqaba kennataan aangott dhufanuu seeraa fi qajeelfama angoott isaan fide lagatanii fedha ofiin bulchuu eegalu. Taahitaa finqilchaan dhufe akkasii hin waaruu. Badiisi sanaan gahus booda hubatama. Hitiler akka sanatt aangoo qabatee, Jarmanii fi addunyaa irraan maal akka gahe argineera; Wayyaaneenis karaa sanan walfakkii irra bu’ee sussukaa jiraa. Kanaaf nammi tokko shaakala seerawaa irraa yoo cehu kan nama yaaddesssu hedduu dha. Al tokko daguun ni dandahama, garuu qabsichaa fi hariiroo miseensaa egereef sirratu malee bayeessa hin tahu.

ABO keessatt baqaqi jalqabaa, jaalbiyyumaa kaayyoo saaniin walgituun utuu hin tahin, obbolaa safila, anatu si calaa Oromoo dha waliin jedhan gidduutt gahe. Kan hin yaadamin kanneen sana booda bara manguddummaa dhufan hedduun, kisaaraa malbulchaa ofii utuu hin hedin, eenyutu shafffisaan karaa leelloon halagaa itt argamutt baha kan jedhan tahani. Akkasittii, si’ana Badii keessatt Itophistooti haala kanaan dura hin beekamnett sagaalee olkaasanii dubbachuu fi ugga agarsiisutt kan kahani. Qabsoon cunqursaa irratt tolfamu achi hin siqne; Qabsaawoti sna gaggeessan mata mataatt bu’aa waatatta argachaa hin jirani garuu karaa keessaa bahanis yoo soqan hin mullatu. Yoo dogoggoratt qubi qabames hundi ofirraa faccisuuf ariitiin bakka qabatee, jaala hunda akka hamajaajiitt laaluutt ka’a. Waanti deemaa jiru xiinxala shaffisaaf nama rakkisa. Si’ana qondaalota qabsoo keessatt fooliin falama ciinca’aa jira. Bilisummaaf dammaqsi tahe hundi, balaaleffannaan gana irratt gaggeeffamaa ture, suduudaan yk harka lafa jalaan kolomsiisa gooftolii koloneeffatoon sadarkaa kanneen dur balaaleffatamaa turan malalchiisutt dagatamaniiru.

Dhiigi obbolaa fi jaallewwan dhagala’an rakkoo malee qaabannoo keessaa haqamaniiru. Kaan kaan bututaa qabsoon dhibamaniiruu; annisaa haatahu ulfinni keessatt hafe kan hin jirre fakkaata . Sun bara Dargii gara dhumaa namoota lamaa fi ogneesitoota harka kennatanii iccitii qaban eegumsaa fi bahsananaa tokko tokkoof dabarsanii kennan nama yaadachiisa. Garuu dhiichisi hedduu hin turree miliqoo fi Dargiin lubbuu ofiif baqa eegalanii. Malbulchesitooti Oromoo hadoodan dhuma walfakkiitt arreedaa jiru. Ammas isaanuma waliin utuu hin turiin baqatt ka’uuf hoggana empayeraa fi kittillayyoo saaniitt harka kennachuuf waga jiru. Kaasaa Oromoo seerawaa tahe ganee eenyuu fayyaa fi nagaa sammuun hin jiraatu.

Kennati yeroo hedduu qaamota abba abbaa fi waloon kan kennateef itt gaafatama qaban uuma. Sanaaf hirmaanni hojii fi itt gaafatammi seeraa fi dambileen bulan jiru. Garuu hogganootii gara abbaa humnummaatt duufan dambiilee tartiibaa sana dagaan cabsanii seera harkatt galfatu. Gara caaluu jaarmoti hojii raawwachiiftuu fi gumii aangoon hunda caaluu imaammata baasu yk Caffee qabu. Angoon taliilaan hin kennamne hundi kan gumii kanaati. abootii humnaaf kenni kun yeroo balleessaa fi hin barbaachifnee dha. Abbaa humnooti akkasii dhiibaa qaama sadaffaaf banamoo dha. Qaammi sadaffaan fedha ofii qofa hordofan miltolii harki saanii tartiiba demokraasii fi itt gaafataman hin hidhamne filatu. Akkasitti kan kan kaayyoon dhaabota demokraatawoo namoota ofjaallatoon fedhoota hamoo waliin tahaniin mucuceeffamanii fi roga dhabsiifamani. Fakkeenyaaf, akkasitt Wayyaaneen namoota isaan filan dhiisanii hogganoota abba tokkee fi fedha halagaa tajaajiluun kan raawwate. Tartiibi seerawaan kan diriirfaman murnaasi addaanjiraato tokkoo akka to’ataa fi madaalaa walgidduutt uumuufii. Humnii Shanee Hoji Raawwachiiftuuf (HR) kenname qajeelfama imaammata kan baasaniin akka sararaa masaka kennameett hojiirra olchuu dha. Dirqammi abbaadha barcumaa jiruu HR qindeessuu, akka fuula dhaabichaatt tajaajiluu fi jiruu qaama olhaanuun ifatt kennamuuf hojjechuu dha. Sana jechuun yaada haaraa hin dhihessu hin dandahu jechuuf mitii garuu walii galte jaallewwan saa gaafta jechuuf dha. Miseensoti yk qondaaloti biraa haala dhaabi isaanii irra jiru iyya’amuufii ni dandaha, garuu qabattee imaammataa dandeettii saanii ala tahett irba hin kennan. Shaakalli akkasii demokraasii suduudaa keessatt malee kan bakka bu’ootaa keessatt hin baramne.

Demokrasii bakka buhootaa keesssatt hogganootii miseensa ballaatt yk kanneen qabateen harka jiru dhimma saanii tahett kanneen imaammata baasan irratt akka dhiibbaa tolchan dhiheessuu ni dandahu taha. Garuu sun seeraan aangoo hin qabatuu yk tartiiba seeraan diriirfame irra cehuuf sababa tahuu hin dandahu. Dhimmisaa hagam barbaachisaa yoo tahellee tartiiba seera finqilchuun wanti gahuu jiraachuu hin qabu. Fakkeenyaaf ABO keessatt Kora Sabaa kan bakka bu’ee shaakalu Gumii Sabaatii. Hayyama malee hojii raawwachistuun aangoo gumii kan taheen tarkaanfii yoo fudhate gatii hin qabu, eenyuu sarmuuf dirqama hin qabu. Garuu kan sana godhetu itt gaafatama. Murtiin marii hunda aangoo qabaachuuf mijuu gaafata. Dura taa’aan/teessuun miseensa HRtii. Murtiin barbaachusu shanicha keessaan darba. Dhaaba mirgoota demokraasiif aarsaa guddaa baase kana keessatt, murtiin akkasitt fudhatamuutu hedama.

Kakaa waajjiraa fudhataniin miseensoti kennataman waliinjiroo saaniif abba abbaa fi waloon gaafataamoo akka tahan of dudhaniiru. Kanaaf yeroo seeraa fi danbileen dhaabaa irra cehaman callisanii ilaaluu hin qabanii. Daba qajeelchuu fi mala hamaan itt sirraawu argamsiisuuf qabsaawuutu irraa eegama. Dhaabaa fi dhooftuu saaf amanamummaa dhabuun tuffii akeekota inni irratt hundaawee fi itt gala inni agammateef qaban agarsiisa. Kanaan humna dhaabicha uumuu duuba turan gatii hin qabnee godhu. Sana gochuun waan jiruu fi amanamummaa haaraa arganiif fakkeessisu. Tartiibi kan diriiraniif abbaa hirrummaa fedha uumaa namaa keessa jiru hankaaksuu fi dhaabichi akka ofitt gara hin galle gochuufii. Garuu sun bakka miseensoti gahaatt ofbara malbulchaa hin qabnett tuutii itti kakaafamanii sodaachisuu waan dandahaniif hawwa duwwaa tahee hafaa. Dudhaa Gadaatt, hogganooti kennataman karaa irra mucucaacha xinnoon deebi’anii waamamuu dandahu. Amma garuu mitii. Diinnii fi keettoliin saa qabsaawoti Oromoo akka qoccolloo fi babbaqaqa keessaatt qabamanii haala empayeraa keessa jiruuf dhimma hin qabanne gochuu fedhu. Kun dhaabbatee, jaallatanis jibbanis karaa dandahamu hundaan xiyyeeffannoon sagantaa dhaabaa irratt tahuu qaba.

Yoo namoota kaasichaaf dudhaa qabaniin hin hogganamne, dhaaba jabaa fi demokraatawaa eeguun gowwummaa dha. Dhaaba jabaa malee waraana injifachuun haa tahu kan irbuu seenaniif dhiheessuun salphaa hin tahu. Hamma yoonaa, humna riphaa guddaa hiriirsu qabatuyyuu, kaasaan dadhabinaa fi gargar ta’inaa ABO keessaa, hogganooti kaayyoo, dambilee fi tartiibota dhaabaatt cichuu fi kaasichaa fi of kenna dhabuu dha. Hoogganooti dhaabaa dadhaboo tahan alii al of keessa dhiisanii jabina madda alaa irraa soqa dhaqu. Sun gara halleen dhaabichaa fi qabsoosaa xureessuu hin oolee. ABOn bu’uura farra kolonii labsate qaba. Hariiroon saa hundi bu’uura kana irratt malee empayera suphuu irratt hundaawuu hin qabu. ABO tahee hafuuf haala addunyaa si’anaa, gaafii dargaggoo Oromo qayyabachuu fi walabummaa dhaabichaa eeguu barbaachisa.

Akka carraa tahe kaasichaa yk kaayyo ganamaaf of kennuun, kan qabanitt cichuu, Oromummaaf dudhama hin daddaaqne, wareegamuuf murteeffachuu fi jannummaan, kaan kaaniif meeshaa hin argamne tahaa jiru. Yero ABOn faara abdachiisaa tokko tokko agarsiisu leelloo argachuuf kan walcaccabsan, yeroo faarri itt badu amantee fi ganda jala dhokatanii kan dhagaa itt guuruu yaalan, seexaan saanii xinnoollee isaan hin quuqne dhommoqina guddaa agarsiisan hedduu dha. Karaa biraammoo Oromiyaan hogganoota qeeqii rifachiisaa taheef; kanneen faallaa dhaalmaa Gadaa saanii alatt, halagaatt gurra yoo qeensan yaada miseensotaaf duuchatan hortee jirtii. Dhugaa jalaa miliquun yeroo hundaa hamaa hin yaadamne guddaa dhaqabsiisuu akka dandahu hubachuu dadhabu. Kana kan ilaalutt ABO caalaa muxannoo kan qabu hin jiru. Akka falaatt kanneen qabsoo keessatt qooda fudhatan ABOn miseensota saa kamuu caalaa guddaa akka tahee fi fedha abba tokkee kamu akka isa bakka buhuu hin dandeenye amanuu qabu. Eenyuu sagalee miseensotaa akka of hin ibsinett ukkaamsu akka hin qabnee fi eenyuu mirgaa fi dirqama saa akka hin shaakalle godhamuun irra hin jiru. Yoo kun tahe atommi keessaa waan jiraatuuf dhaabichi jabaa taha. Dhaabi jabaan tokkummaan addunyaatt bahe dubbachuu fi akka sagantaa dhaabatt kan fedheen walii tumsuu dandaha. Eenyutu ABO jabaa fedha?

Dhaabi dadhabaan saba ofiitii waan qaanii taha. Akka sabaa dhaalmaa Gadaa qabuutt Oromoon demokrasii akka akkaataa jireenyaa, ajaja irra, ilaa fi ilaameen dhimma itt bahamutt fudhata. Wal caalmaa, faanfana, leellifachummaa, moggeessa, sobaa fi loogiin demokraasii keessatt bakka hin qabani. Demokraasiin sirna miira abba abbaa caalaa seerri Olaanaa itt tahe. Hogganootii fi miseensonni yeroo hundaa, dhuunis qondaalamanis seexaa demokraasii Gadaa calaqisuu qabu. Fiixaan baha kaayyoo sabichaaf of kennaa fi dudhama agarsiisuu qabu. Dhaaba sabaawaa fi dhaadannoon saa “Fedhii sabaa haa dursu” kan jedhu tahuu qaba.

Sirni demokraasii addunyaa beekaman dura kan rimsammi “mootummaa ummataa” irraa madde dhiirota walqxootaa fi birmaduufii. Dubartii, garbootaa fi halagaa hin dabalatu ture. Jaarroleef akkasumatt jiraate. Irbi dubaroof ammayyuu gumeessawaa hin taane. Fakmishoon demokraasii mudaa hin qabnee kan namooti atoomaan walii fi naannaa uumaa waliin firii bilisummaan basha’anii jiraatan ammallee hin jiru. Firoomsaan kan itt gaalchan akka jara Lixaa faa jiru. Ilaalchi dubartiif jiru hin jijjiiramu taanaan akka kaan cite harka tokko qofaan hojjechuu taha. Dubaroon miseensota hawaasa ilmoo namaa keessaa hedduu barbaachisoo fi homishaawummaa fi waa maddisiisuuf dhiiraa gad hin taanee. Mirga walqxxummaa isaan dhowwachuun waan ilmaan namaa godhan keessaa kan maljecha hin qabne.

Sirni gadaa firomsaan kanneen moggeeffamaniif dubartoota dabalatee dhimmama agarsiisuutt kan ittiin dorgomu hin jiru taha. Dhugaan kun argaa dhageett addunyaan bira dabamuun seenaa demokraasii haanquu godha. Oromoon hirmaata isaan hawaasaaf akka namdiidaa fi buubaatt ilaalan keesaatt bakka itt sutan dhabu. Akka daallota tokko tokkoo qarooma hin qaban jechuufis garaa saaniitt qaroommi Oromoo kan isaaniin duraa tahuu waan beekaniinf ni qaqana’uu. Gadaan akaakuu demokraasii Oromoo bara hin qaabatamnee kaasee jiru.

Hawaasi Oromoo gogeessa Gadaa fi tiibbee shanitt hirama. Tokko tokkoon nambbiyyaa, Gadaa adda addaa, abbaan saa keessa turett miseensa. Gadaa shanantu abbaawummaa daarabeen biyya bulchuu fudhata. Gadaan tokko waggaa saddeet qofaaf aboo qabata. Hiriyaan Gadaa, ijoollummaa kaasee hanga Raabaa Doorii, sadakaa Gadaa yk gogeessa Lubaa tahitaa irra jiru irraa hamma ballii fudhachuu dandahuutt of qopheessaa deema. Kanaaf Gadaan tokko carraa angoo irra guyyaa tokkoo utuu sirnicha hin jeeqin dabarsee turuu hin qabu. Hooggana ofii filachuun dirqama fi abbaawummaa tokko tokkoon Gadaati.

Dhiirii hawaasa Oromoo keessa jiru hundi murnoota hiriyaa ganna saddeetiin gargar tahanitt hiramu. Tokko tokkoon murna hiriyaa qooda hawaasoma, diinagdee fi malbulchaa walirraa jalaan waggaa sadeet saddeetiif kan taphatu qaba. Hooggansaaf qopheessuun xinnummaan jalqabee hanga abbaawummaa malbulchaa fudhatanitt gaggeefffama. Akkasitt miseensoti hawaasaa dhiira tahan dhimma biyya saanii keessatt dhalootaa hanga du’aatt qooda fudhatu. Sana kan demokraasii Gadaa jennu. Hiriyaa waggaa saddeetii ol jiran qoodi kennamuuf gaheessota gargaaruu, akka dooyyaati tajaajilu, leenjisa lolataa fi lola irratt hirmaachuu fi bulchaa fi gaggeessa qajeeltuuti. Barumsi unkeffamanii fi hin uunkeffamin barbaachisoo tahan waggaa hundatt kennama. Kanaaf gaheessi Oromoo tokko beekumsa hawaasaa gara hundaa fi dirqamati hafee hin qabu. Amma barumsi waliigalaa unkefamaa haa tahu hin unkeffamin waan hafeef kanneen dhaabota barumsaa amayyaa argatanitt dhimma bahuun dirqii dha. Jarri durii beekota guddaa raagaanitt dhimma bahu turan. Si’ana haa yaratan malee qarooti Oromo yoo hammataman hedduu gargaaruu dandahu.

Sirna Gadaa keessatt bulchi dirqama dhiiraa haa tahu malee dubaroon mirga seeraaf hoodaa qabu turan. Demokraasii Gadaa keessatt qooda kana kan agarsiisuu dhaaba Siiqqeeti. Kan isaan malee hin taane hoodi malbulchaa fi hawaasomaa jiru turani. Siiqeen ulee ulfoo, mallattoo aangoo dubaroo kan isaan xaxaa hawaasomaa keessa bahanii mirga namoomaa saanii ittiin kabachiifatanii. Barri durii hafee si’anallee addunyaa Lixaa keessatt dubaroo kan mirga irbaa argatan firoomsatt dhihoo dha. STn” Konveenshina faanfana dubartii irratt tolfaman akaakuu kamiiyyuu balleessuu” kan tume 1979 keessa. Haralleen mirgooti kun kan guutummaatt yk dhowwa waliinbeekaman hundaan mitii. Sanneeniin yoo walitt ilaalaman dubaroon Oromoo durii humna Siiqee waliin isaan caalaa wayyaa turani.

Moo’umsaaf, seera tumoo fi hojii raawwachiiftuun filaman turani. Hojiin saanii Gaddisa jalatt gaggeessa qajeeltuus ni laala. Yoomalee akka kan jara lixaa bulchi qajeeltuu addatt ifaan hin dhaabbanne tahe kan itt yaadamee fi loogi hin qabne ture. Dhaabi dhalmaan darbu Qaallus, hawaasa keessatt bakka furtuu qaba ture. Jarri jalqabaa lamaan kennataan hiriyaa Lubaan guutamu. Qajeeltuun dhaloota Gadaa tokko qofatt utuu hin dhiifamin hayyootii fi jaroleen qooda fudhatu turani. Tokko tokkoon miseensa hawaasaaf seera, dambilee fi qajeelfamaan finnaatt buluun dirqii ture. Oromoon seera safuu qaba ture. Seera safuu cabsuun Oromummaa haaluutt lakaawama. Sababa maqaa murna tokko yk nama tokko utubuun dudhaa Oromoo gaarii tahe kan xureessuun maqaan gootota Oromoo bebbeekamoon illee utuu hin hafin balleessuutt namooti yartuun bobbahan jiru. Namooti yk murnooti isaaniif jedhamee, gatata hawaasaan seerri safuu Oromoo cabe yoo ofii danboobinatt ni amanu tahe ifaan gocha akkasii irraa of fageessuuf dirqama qabu. Gadaa keessatt abba tokkee haa tahu murni seera ol tahe hin jiru. Seera cabsuun keessaayuu qondaalota olhaanoon taanaan buqqifamuutt geessuu dandaha. Sun fala abboolii Oromoo ture. Kanaaf demookraasiitt riqachuu fi seera safuu kabajuu fi kabachiisuun mallattoo Oromummaatii.

Oromoon aadaa malbulchaa bareedaa akkasii dhabee darara bulcha kolonii halagaa jala jaarraa oliif akka jiraatu dirqisiifame. Kanneen sammuun saanii bilisoome olhaantummaa halagaa diduun wal ijaaranii sochii jalqaban.Garuu fakmishoon jalatt guddatan ammayyuu kanneen yaacccessuun jiru. Akeeka demokraatawaa Gadaatt garagaluu irra gooftolii saanii koloneeffatoo akkeesuutu itt salphataa. Kanaaf kaayyoo sabaa irratt hundi waliigaluu dandahuun ni hubama. Sana waan taheef xurree walabummaa fi qabsicha gara mirga abba tokkeett gadi buusuu gidduutt yoo daddaaqan argamu. Sana jechuun fedha diinaa afarsuun mirgi ummataa akka mirga murnootaa waldaa, garee taphaa kkf hin caallett fudhachuu jechuuf dha. Diinni kan kana hololu kolonummaa dhabsiisuun mormuu fi mirga walaboma Oromiyaa fi Ummata kibbaa fi Nayiloototaan mormuufii.

Oromoon kan hiraarfamaa jiran akka abba tokkee qofatt utuu hin tahin akka murnaatt Oromoo tahuu qofas ni dabalata. Kanaafi Oromoon mirga lachanuu roga saanii sirrii keessa galchanii kan ilaalan. Migi lachan, kanneen abba tokkee fi ummataa, mirgoota ilmoo namaa gargar bahuu hin qabne. Yoo tokko haalame kaan fiixaan bahuu hin dandahu. Mirgi sabummaa Oromoo kan haalamaa jiruuf akka Itophiyaa irraa eenyummaa adda tahe qaban fudhachuu diduufii. Akka Oromoon afaan, aadaa fi seenaa addaa qabu haaluun eenyuufuu rakkisaa dha. Kanaaf, humna abidaa caalaa qabaachuun, eenyuufuu mirgaa isa kaanii haqanii kan ofii itt maxansuu akka hin dandahamne qayyabatamuu qaba. Eenyummaan Oromoo haala hamaa jalatt jaarraa tokko caalaaf baraarameera, bara caalaa hedduufis baraarmuuf deema.

Mirgi ummataa, mirgi abba abbaa, demokraasii fi hiree ofii ofiin murteeffachuu iyyannaa koloneeffamoo qofa utuu hin tahin gumeessawaan beekameera (Chartara ST 26 Waxabajjii 1945) aangoo 1.2.) Kan itt hanan laali:

1. Ummata gadi qaba halagaa jalatt qabuun dhuunfatamuu fi bolqamuun mirga bu’uuraa ilmoo namaa haaluu of keessaa qaba, kanaaf faallaa Chartara Saboota Tokkomanii (ST) fi nagaa fi gamtaa baballisuuf gufuu dha

2. Ummatooti hundi mirga hiree ofii murteeffachuu qabu; mirgicha irraa kan ka’ee haala malbulcha saanii bilisummaan murteefatu, bilisummaanis misa diinagdee hawaasomaa fi aadaa hordofatu (UN Resolution 1514 (XV) 14 Mudde 1960, (aangoo 1.1, The International Covenant on Civil and Political Rights, 1966)

Walgahiin idilee seerawummaa qabsoo ummataa kolonummaa fi hacuuchaa halagaa jala jiranii gad jabeessaa mirga hiree murteefannaa akka qaban qabaachuu beekuun waan dandahan hundaan mirga kana deeffachuu qabu jedhe (UN Resolution 2649, 30 November 1970)

Walgahiin idilee keessa deebi’ee mirkaneessun hubatamuu mirga gumeessawaa ummatoota hundaa, kan kolonii, hacuuccaa halagaa fi alaa jala, hamma mirga hiree murteeffannaatt jiran iggitii dhimma baasu fi kabajama mirgoota ilmoo namaa baballisuun mirgoota akkasiif haala bu’uuraa barbaachisoo dha. (UN Resolution 43/105 Mudde 8, 1988)

Chartera ST mallatteessanuu Habashaan mirga cunqurfamootaa koloneeffamoo heera saanii aangoo 39 beekuuf jaarraa walakkaa caalaa itt fudhate. Sanayyuu kan godhan itt amananii utuu hin tahin aarii Oromoo jaarraa tokkoo ol duuba hirkattummaa irraa ofiin bulummaaf dhihaate qabbaneessuufii. Sanaaf malee bilisummaa fi demokraasii ummata ofiifuu shakalanii hin beekanii. Harrallee Tigraay Tigrinyii fi amaarii akkasuma isaan tolchu. Waan firooti saanii jedhan” kan qooxiin buusa jettee kan ukoo see gate” iratt yoo xiyyeeffatan isaanii wayyaa. Gurguddoon Habashaa akka itt empayericha bulchaniif yaadaa adda addaa qabu. Waabarii lamaan kan Wayyaanee fi kan kanneen Wayyaaneen dirree diliitt injifateetii. Wayyaaneen faallaa harcaatuu Nafxanyaa dabsatamtee fi hogganaa Eertiraa, Itophiyaa fi gabbaaroti see addaan jiroo tahuu saanii fi mirga hiree ofii ofiin murteeffanaa qaabaachuu saanii beeksisuu filatte. Hoodi Empayera kolonii saanii raawwataa akka jiru hin qayyabatan. Sii’achi tarii Habashaa Itopiyaa keessa deebi’anii gurmeeffachuun akka ollaa gaariitt Oromiyaa fi kolonoota biraa waliin dhofsisaaf dhihatu taha. Yoo Waaq jedhe, sun utuu kootammi waliin dhooftuu hundi hin sokkin, sadarkaa dhumaa Koloneeffannaa Habashaa taha.

Sirni gadaa dimokraasota qaraa addunyaa keessatt argama. Demokraasiin dhugaa, akka abjuu dhugoomuuf rakkisaa taheetii. Demokraasiin Oromoo kan halle haammataa tahellee mudaa hin qabnee hin turre. Ilmaan nama hundi walqixxee dhalatanii. Garaa garummaan dhaloota duuba, akka miiraa, gitaa, barumsaa, taahitaa, ogummaa fi dandeettiin biraa eenyuunuu caalmaan qaba hin jechisiisuu. Kanaaf demokraasiin mala jireenyaa hundi walqixxeett ilaalamu. Seeraan bulmaata fudhachuutu, ofaangessaa, bulchiyaroo fi halletoo’ataa waliin demokraatota adda godha. Addi bilisummaa Oromoo dhugaa, bakka eegaleen farra demokraasii itt hanqaaqamtu hin tahu. Garuu, alii al dadhabina ilmaan namaan gufannaan jiraachuu dandaha; yoo sun tahe hudhaatt kutamu qaba. Kan qabsicha injifannoon gahuu fi kalchaa amanamaa uumuun dandahamu, tokkummaa ummatichaa fi jaarmaa jabaan yoo jiraatan qofa. Qoodaa hoodaa qaban caalaa, dubaroon Oromoo mirga demokraasii guutuuf falmachuu qabu. Dubaroo fi dhiiroti Oromoo waliin fuuncaa kolonummaa ofiraa darbatanii, Republikii Ummataa Oromiyaa gad dhaabuun, bara hedduu dura yaa’a demokraasii Gadaa karaatt diinaan hankaakfameammayyeessanii xumura itt tolchu. Dargaggoon Oromoo warraaqsa Oromoo angafoota saaniin jalqabame irraa hin dheessanii. Oromiyaa walabi ni dhugoomti! Demokraasiin Gadaa ni dandamata! eegaleen duubatt harkiftuu qabsoo Oromoo keessaa haa gombifamtu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu.

* Ibsaa Guutama: Gubirmans.com

What is Democracy?

By Ibsaa Guutama* | November 2015

It is doubtful if all those who exalt democracy understand it in the same way. For this reason, let us see if we can find a common ground for Oromo activists. As the son of the last Gadaa practiced in his birthplace, no one, this writer believes, will contest his Gadaa democratic heritage. But so what? What matters is only if he practices and defends it. The word democracy (demockratia), they say, came from two Greek word “demos” for people, and “kratia” for government. The words of Abraham Lincoln in modern times expresses better the Western concept of democracy, which is “a government of the people by the people for the people …” This is notwithstanding the framework in which it is practiced in different countries. From what we observe, genuine democracy is a difficult dream to be realized. Even Gadaa or Oromo democracy, which was more inclusive, was not perfect. Evaluating democracy has to start from structure and function of an organization. An organization is its setup, its kaayyoo and its members who have pledged to struggle for a common cause respecting its laws and regulations; any democratic member or leader is judged by one’s integrity, one’s commitment to the organization, priority one gives for comrades’ concerns, and respect for organizational laws and procedure, and how much one understands national and international human and technological developments.

For this writer, democracy is a way of life where all people are seen as equals irrespective of social position, education, skill, race, ethnicity, etc. All genuine democrats accept the rule of law, encourage participation of members in decision making, and do not try to silence dissenting voices. That distinguishes them from autocrats, oligarchs and totalitarians. Leadership in democracy is based on election with time limit. In certain cases, elected leaders could turn autocratic or oligarchic abandoning organizational rules and objectives that demand all-inclusive teamwork. Autocracy is a rule by an individual. Oligarchy, on the other hand, is a rule by an elite group or clique. In both systems, there are some who initially come through election, but ignoring rules and regulations that had brought them to power, they start to rule by whim. Such usurpation of power cannot be enduring, but the devastation it could cause may be realized later. That is how Hitler came to power, and we know what happened to Germany and the world; Wayyaanee is on the same course and is on its way out. Therefore, there is a lot to worry when someone starts to stray from lawful practices. He or she may get away with it once, but that does no good for the struggle and future member relations unless corrected.

The first schism in OLF was between young brothers who claimed of being more Oromo than the other instead of showing patriotism commensurate with their kaayyoo. The unexpected is, all that came later in senior years who wanted to prove who could faster find out a way to win aliens favor irrespective of own political loss. That is how diaspora Ethiopianists became vocal and daring in a never-seen way. The struggle against oppression is not advancing; individual activists leading it are not materially benefiting yet – and are not searching for a way out. If errors are pointed out, every one is fast to take a position for self-defense and viewing comrades as adversary. What is going on is difficult for a quick analysis. At present, one can smell prolusion in the activist ranks. All the agitation for liberation, all the condemnations of treachery are now forgotten with temptations from colonial masters, even to a great surprise of former pariahs.

All the spilt blood of sisters, brothers and comrades are erased from memory. Some of them are suffering from the struggle’s fatigue; there seems no stamina or honor left in them. It reminds one the two Wayyaanee men and musicians who surrendered and started to give out secrets they held to the Darg during its waning days in return for some protection and comfort. But the fanfare did not last long, the defectors and Darg had to run for their lives. Numbed Oromo politicians are also hurrying to the same end. They will surrender to leaders of the empire and their running dogs to flee again soon, now with their hosts. No one can stay mentally healthy and in peace betraying the Oromo legitimate cause.

Elections usually create bodies that are individually and collectively responsible to the electorate. For that purpose, there is a division of labor and accountability governed by rules and regulations among them. But leaders who have autocratic tendencies break those rules of procedure deceptively and take the law to their hands. In most cases, organizations have executives and a policy-making council or Parliament, which has a supreme power. All power that is not clearly mandated belongs to this council. For autocrats, this mandate is time-wasting and unnecessary. Such autocrats are prone to a third-party influence. Third parties pursuing their own interests prefer partners whose hands are not tied by democratic procedures and accountability. That is how the objective principles of democratic organizations are derailed and distorted by self-seeking individuals in cahoots with sinister interests. For example, that is how Wayyaanee ended up serving individual leaders and foreign interests instead of peoples who elected it.

Legal procedures are laid down so that each division of an entity plays as a check-and-balance on each other. The executive is mandated to implement policies based on guidelines policymakers lay down for it. Chairperson’s duty is to coordinate the work of members of the executive and act as the public face for the organization and do other duties clearly mandated to them by the higher body. That does not mean they cannot suggest new ideas, but it needs approval of their comrades. Members and other functionaries can be asked for their opinions or be informed on the state of their organization, but cannot vote on policy issues outside their competence. Such practice existed only in direct democracy, not representative one.

In representative democracies, leaders may take to the mass members or to those the issue on hand concerns to put pressure on the policymakers though they have no legal significance and do not justify circumventing legally established procedures. However noble the reason for circumventing might be it cannot outweigh abiding by the law in the long run. For instance, in OLF, a body that represents the National Kora as the supreme policymaker is the National Council. If the executive take action on matters that are under council’s jurisdiction without its authorization that does not worth a penny, and is not binding on anyone, but only holds the perpetrator accountable. All deliberations require quorum to be valid. The chairman is a member of the executive committee. Relevant decisions are made through the committee. Such is how decisions are supposed to be made by this organization that has sacrificed so much for democratic rights.

By their oath of office, elected members have committed themselves to be answerable to their constituency individually and severally. And they cannot remain neutral when organizational laws and regulations are transgressed. They ought to struggle for rectification and a redress mechanism when wrongs are done. Disloyalty to the organization and its instruments show contempt for principles it is based on and the goals it aimed at. By doing so, they are making the force behind the organization’s creation irrelevant. That would seem as if they have found a new function and a new loyalty for it. Procedures are laid down to curb authoritarian tendencies which are common to human nature and protect the organization from turning against itself. But that could remain a wish when members are not politically conscious enough, and mobs are turned against to harass them. In Gadaa tradition, elected leaders can be recalled for slight deviations. Not now. The enemy and its agents want Oromo activists to get engaged in internal bickering and schisms, as to make them not bother with the status quo in the empire. This has to be avoided and focus must be on implementation of organizational program in any way possible. The imperial status quo has to crumble whether they like it or not.

If not led by those committed to the cause, it will be naiveté to expect a strong and democratic organization. Without strong organization it will be difficult to win a war or to deliver what one promises. The major causes for weaknesses and dissensions in OLF so far, despite the great potential it could mobilize, are leaders not adhering to organizational objectives, rules and procedures and lacking dedication for the cause. Weak leaders of organizations sometimes seek for strength from external sources rather than internally. That is sure to adulterate all aspects of the organization and its struggle. OLF has a declared anti-colonial agenda. All its relations must be based on this agenda, not on refurbishing the empire state. To remain OLF, understanding current world situation, current Oromo youth demands and maintain independence of the organization is needed.

Unfortunately, devotion to the cause or original kaayyoo, consistency of outlook, unwavering commitment to Oromummaa, determination to sacrifice and valor are becoming rare commodities for many. When OLF shows some hopeful trends, there were those who stampede each other for favors; and when things are not favorable, there are those highly flexible whose conscience doesn’t scratch them a little bit, but hide under faith and region – and try to throw stone at it. On the other hand, Oromiyaa has produced some leaders who are allergic to criticisms – who give ears for alien propaganda, but deaf to members’ comments contrary to their Gadaa heritage. They generally fail to realize that dodging the truth will have always far-reaching consequences for the struggle. For this, no one has more experienced than the OLF. As a remedy, those engaged in the struggle must believe that OLF is greater than anyone of its members and no individual whim can replace it; no one has the right to silence member’s voice from expressing one’s opinion and no one should be hindered from exercising one’s rights and duties. If this is done, there could be internal harmony and there is no reason for the organization not to be strong. Strong organization can approach the world in unison and in one voice, and form alliances in accordance with its political program. But who wants a strong OLF?

A weak organization becomes only an embarrassment for the nation. As a nation with Gadaa heritage, Oromo takes democracy as a way of life where dialog is practiced rather than dictation. Inequality, discrimination, favoritism marginalization, deceit and partiality have no place in democracy. It is a system where the law is supreme over individual’s idiosyncrasies. Leaders and members must reflect democratic Gadaa values at all times in private and official lives. They have to show commitment and dedication for fulfillment of the national Kaayyoo. For a national organization, the motto should always be “Nation’s Interest First.”

The first known democratic system of the world which gave the concept for the government of the people was for equals or free men. Women, slaves and foreigners were not included. It had stayed so for centuries. Voting rights for women did not yet become universal. There is also no perfect model for democracy where people live in harmony with each other and natural environment, enjoying fruits of liberty. Unless the attitudes towards women are changed, it will be like working with one hand amputated. Women are the most important members of human society, and no less productive and resourceful than men. Denying them equal rights with men is probably the most absurd thing that humans have done.

Gadaa system may have no rival – concerning the paying attention to the marginalized, including women in relative terms. That this truth is not mentioned by historians of the world makes history of democracy incomplete. The Oromo do not fit into their classification of society as savage or barbarian. They are shy to call them not civilized like some ignoramus, because in their hearts they know that Oromo civilization precedes theirs. Gadaa is a democratic system ala Oromo that existed from time immemorial.

Oromo society is divided into five Gadaa parties and periods. Each citizen belonged to a Gadaa to which his father belonged. They are those five Gadaa that take responsibility of ruling the nation in turns. Each Gadaa stays in power only for eight years. A Gadaa grade prepares itself from childhood until the stage of Raabaa-Doorii – where it will be ready to take power from the ruling Gadaa or gogeessa Luba before it. Therefore, there is no chance for a Gadaa to stay in power a day over eight years without jeopardizing the working of the system. Electing their leaders is the duty and responsibility of each Gadaa.

All male members of the Oromo society are divided into age groups or hiriyaa (peer) separated by eight years. Each hiriyaa group has a social, economic, and political role to play for eight years in a Gadaa tier. Grooming for leadership starts at early age and goes own until the time of taking over political responsibility. Thus, all male members are involved in all affairs of their society from birth to death. That is what we call Gadaa democracy. Hiriyaa above 8 years of age are given the roles in aiding adults, serving as scouts, military training and fighting, and ruler ship and administration of justice. Relevant formal and informal education is given at every tear. Thus, an Oromo adult was a well versed person in all aspect of societal knowledge and duties. Now since collective formal and informal education has ceased, one has to use those who got chance to go to modern educational institutions; just like the ancients used the highly enlightened Raagaa.

Women had legal and ritual roles to play in their own right though governing is men’s duty. The Siiqqee institution depicts these roles of women in Gadaa democracy. There are political and social rituals which cannot be completed without their involvement. The Siiqqee is a sacred stick, symbol of women power through which they find their ways through social webs, and get their human rights respected. Let alone in the ancients, even in modern Western world, women got voting rights relatively very recently. The UN adopted, “Convention of the Elimination of All Forms of Discrimination Against Women” in 1979. Even today, these rights are not recognized by all or are recognized with restrictions. Compared to those, ancient Oromo women were in a better position than them with their Siiqqee prerogatives.

For governance, there were elected legislative and executive bodies. Their functions include also the administration of justice under Gaaddisa (Shade). Though the administration of justice is not separately organized like in modern Western systems, it is said to be the most impartial and well thought. Qaalluu, which was hereditary institution, had also significant role in society. The first two are elected and filled with Luba hiriyaa group. Justice, in most cases, is said not to be left to one Gadaa generation, but mostly entrusted to the hayyuu or jaarsa, wise men of society. Every member of society is bound by law, rules and regulations of finnaa, or state. Oromo had also ethical and moral rules known as safuu. Breaking rules of safuu amounts to renouncing Oromummaa. There are few that tarnish the good Oromo tradition and defame even outstanding Oromo patriots in the name of supporting a group or an outlook. Such groups or individuals in whose name the law of safuu is broken by social scums have the moral obligation to officially distance themselves from such acts if they themselves believe in decency. In Gadaa, no individual or group is above the law. Breaking the law, in particular by high level leaders, could lead to uprooting. That was the way of Oromo forefathers. Thus, adherence to democracy, and respecting and causing rules of safuu to be respected are marks of Oromummaa.

Oromo lost such marvelous political culture and forced to live under the mercy of an alien colonial rule for more than a century. Those who were mentally liberated organized themselves into a movement defying alien domination and rejecting its laws. But the model under which they were brought up is still haunting some of them. Instead of reverting to Gadaa democratic principles, those found it easy to imitate their masters and mentors. For this reason, consensus on the national kaayyoo is affected. As a result, they are wavering between the independence courses and reducing the struggle to individual rights. That means accepting people’s rights not being more than group rights such as of clubs, associations, etc. in tune with the enemy. The enemy propagates this to oppose decolonization and the right to freedom of Oromiyaa, Southern and Nilotic peoples.

Oromo are being harassed not as individuals alone, but more so as a group for mere reason of being Oromo. That is why they see at both rights in their right perspective. Both individual rights and peoples’ rights are inseparable human rights. No one of them can be fulfilled if the other is denied. The right of Oromo as a nation is denied as not to accept their separate identity from Ethiopia. That the Oromo have different culture, language and history is difficult to be denied by anyone. Therefore, it must be understood that just having more fire power does not give anyone the right to erase the identity of the other to stick one’s own in its place. Oromo identity has survived for more than a century under dire situation, and it will survive for many more.

Peoples right, individual right, democracy and self-determination are all universally recognized (UN Charter of 26 June 1945 – Article 1.2.) – not only a plea of the colonized. See the following:

1. The subjection of peoples to alien subjugation, domination and exploitation constitutes a denial of fundamental human rights, is contrary to the Charter of the United Nations and is an impediment to the promotion of world peace and co-operation.

2. All peoples have the right to self-determination; by virtue of that right they freely determine their political status and freely pursue their economic, social and cultural development. (UN Resolution 1514 (XV) 14 December 1960, (Article 1.1, The International Covenant on Civil and Political Rights, 1966))

The General Assembly, … Affirms the legitimacy of the struggle of peoples under colonial and alien domination recognized as being entitled to the right of self-determination to restore to themselves that right by any means at their disposal; (UN Resolution 2649, 30 November 1970)

The General Assembly reaffirms that the universal realization of the right of all peoples, including those under colonial, foreign and alien domination, to self-determination is a fundamental condition for the effective guarantee and observance of human rights and for the preservation and promotion of such rights; (UN Resolution 43/105 December 8, 1988)

It has taken the Habashaa over half a century to recognize rights of the oppressed colonial peoples by Article 39 of their constitution. They did that not because they believed in it, but to cool down Oromo furry in demanding for independence after a century of dependence. Otherwise, they had never practiced freedom and democracy even for their own people. Tigray, Tigriny and Amaaraa elites still maintain that. But they better focus on their own affairs if they want to avoid what their kin and kith say “Stretching to take down what is on the raft, she dropped what was in her armpit.” Habashaa elites are divided in opinion on how to govern the empire. The two schools are that of the Wayyaanee and that of those the Wayyaanee defeated in the battlefields. The Wayyaanee chose to declare Ethiopians and non-Ethiopian subjects of the empire as separate entities that deserve the rights to national self-determination contrary to remnants of the fallen Nafxanyaa and the Eritrean leader. They do not understand that the myth of their colonial empire is ending. Henceforth, they may reorganize Habashaa Ethiopia, and start negotiating for good neighborliness with Oromiyaa and other colonies. Waaq willing, that will be the last stage of Habashaa Colonialism before the master distorters are all gone.

Gadaa system is among the advanced democracies of the world. Genuine democracy is a difficult dream to be realized. Even Oromo democracy which was more inclusive was not perfect. Human beings are all born equal. Differences after birth, concerning character, class, education, position, skill and other capabilities should not allow anyone to justify being more equality than the other. Thus, democracy is a way of life where all people are seen as equals. Accepting the rule of law distinguishes democrats from autocrats, oligarchs and totalitarians. True Oromo liberation movement is not breeding ground for undemocratic elements. But sometimes, there could be a glitch due to human frailty; if that happens, it should be nipped in the bud. It is only unity of the people and strong independent organization that can lead the struggle to victory and make it a reliable ally for anyone. Over and above their ritual role, it remains for Oromo women to claim full democratic rights. Together Oromo women and men shall throw away shackles of colonialism and finish modernizing the Gadaa democratic process disrupted by the enemy long ago by establishing democratic People’s Republic Oromiyaa. Oromo youth will not abandon Oromo revolution started by their elders. Independent Oromiyaa shall be realized! Gadaa democracy shall revive! Down with reactionary elements in the Oromo struggle!

* Ibsaa Guutama: Gubirmans.com

Ibsa Ejjannoo Hirmaatto Marii Maastar Pilaanii Finfinnee Magaalaa Minneapolis

$
0
0

Nuti hirmaattooni walgahii shira Marii Maastar Pilaanii Finfinnee waliin walqabatee balaa ummata Oromoo irratti aggaammate ilaalchisee marii bal’aa erga goone booda murtiilee armaan gadii dabarfannee jirra.

1) Karoorri maqaa Maastar Pilaanii Finfineetin mootummaan TPLF/EPRDF dhiibaa jiru, kan magaalota 37 Oromiyaa irraa muruufi, qunnaan bultoota miliyoonotaan lakkaayaman ol lafa isaanitirraa buqqaasu ta’u waan amannuuf akka fashalu ni qabsoofna

2) Akeekni karoora kanaa maqaa magaalaa babal’isuutiin Oromoo lafa isaatirraa buqqisanii gaaga’ama hamaaf kan saaxilu waan ta’eef dura dhaabbanna

3) Magaalota kana dhuunfannaa Oromiyaa jalaa baasuun gahee Oromoon aadaafi sochii diinagdee magaalotaa keessaa qabaachuu malu hoongessuu waan ta’eef fashaluu qaba

4) Labsiin Magaalota Oromiyaa dhihoo kana bahe shira Maastar Pilaanii Oromoon mormu kana kara biraatin hojiirra oolchuuf kan saganteeffame waan ta’eef ni balaaleffanna.

5) Karoorri Maastar Pilaanii qaama imaammata duula saamichaa lafaa Oromiyaa guututti godhaamaa jiru keessaa tokko ta’uu isaatiin ni mormina

6) Saamichi lafaa Oromiyaa gututti deemaa jiru imaammata Oromoo hiddaan buqqisuufi duguuginsa sanyii waan ta’eef fashalsamuu qaba.

7) Olollii mootummaan sun akka waan Maastar Pilaanii kana mormuun guddina diinagdeefi ammayyummaa jibbuu fakkeessuuf yaalu dhara. Oromoon kan mormaa jiru guddina diinagdeefi amayyummaa osoo hin taane saamicha lafaa abba biyyaa hiyyoomsee amba sooromsuudha.

8) Qabsoo barattoonnifi qaamoleen Oromoo biroo karoora diinaa kana hoongessuuf godhaa jiran ni deeggarra.

9) Tattaffii dhaabbileen siyaasaafi sivikii Oromoo dhimma kanarratti hubannaan akka uumamuuf, ummanni tokkummaan akka sochoo’uuf godhaa jiran ni dinqisiifanna, waan dandeenhyu maraan bira dhaabbanna.

10) Tarkaanfii ukkaamsaa mootummaan barattootaafi jaarmayoota Oromoo Maastar Pilaanii kana kara nagaan morman irratti fudhatu cimsinee balaaleffanna.

11) Ummanni keenya bakka jiru maratti shira maqaa Maastar Pilaanitin oofamaa jiru kana tokkummaandhaan daran akka mormu waamicha goona.

12) Mootummaan shira saamicha lafaa Oromoon hundi tokkummaan mormaa jiru kana humaanaan dhiibuun gaaga’amaa hamaa fiduu malee faaydaa biraa akka hin qabane hubatee badii isaatirraa akka dhaabbatu akeekkachiifna

13) Balaa sabaaba Maastar Pilaanii kanaan walqabtee uumamuu malu hundaaf itti gaafatamaan mootummaa TPLF ta’uu hubachiifna.

14) Nuti jaarmayoonni siyaasaa marii kana irratti hirmaannes, gargarummaa xixiqqaa qabnu moggaatti dhiifnee Maastar Pilaanii Finfinnee dura dhaabbachuufi fi dantaa saba Oromoo hundarratti waliin hajjachuu fi marii fakkaataa itti fufuuf waliif gallee jirra.

15) Shira Maastar Pilaanii kanaafi roorroo bifa adda addaatin Oromorratti godhamaa jiru hambisuuf furmanni dhumaa Oromoon sirna gabroomfataa kana hiddaan buqqisee bilisummaa isaa goonfatee abba biyyummaa isaa mirkaneeffachuu qofa. Kana mirkaneessuuf ammoo qabsoo roga hundaan bifa qindaaween geggeessuun barbaachisaadha.

16) Oromia Media Network (OMN) marii seena-qabeessa kana qopheessuu isaatiif galateeffachaa, miidiyaan kun daran jabaatee hojii kana caalaa akka hojjatuuf gargaarsa keenyaan bira dhaabbanna; ummanni Oromoolleen deeggarsa OMNif godhaa jiru dacha dachaan addaan kutiinsa malee akka itti fufu waamicha goona.

Sadaasa 15, 2015

Minneapolis, Minnesota

– Misooma Hin Falminu

SEENAA Y.G(2005):- "Hogganoota Qabsoo Oromoo …"| Kutaa 2ffaa

$
0
0

SEENAA Y.G (2005)*

Barruu kiyya kutaa 1ffaa keessatti yaadoota wal hubannoof gargaaran kaa’uu yaaleera. Mata dureen filadheetti odoo hin ceenee, Yaadoota ka’umsaa fi kaayyoo mata duree kanaa dursuun kiyya, wal hubannoof karaa saaqa jedheetani. Ummata tokko mitii, Namni of hin hubannee tokko, Goondaan tokko yoo isa ciniinte, waan hoomaan Goondaa irratti Roobee itti fakkaatee, quba lamaan GONDAA takkitti of irraa kutee gatuu danda’uuf, Uffata hundaa baasuutu isaaf furmaata itti fakkaata jedhama. Kana irraa wal baraaruuf jecha, yaada wal hubannoo durse. Kanneen kallatti katabbii kiyyaa hubatanii, yaada bareedaa fi nama jajjabeessu akkada mataa isaanii kanneen kannaniif, GALANNI kiyya guddaadha. Yaadootaa fi gaaffiilee dhihaataniif, Barruu kiyya itti aanan keessatti deebii argachuu malu jedheen yaada. Yoo ta’uu baatee ammoo … deebii gaggabaabduu xumura irra dhiheessuun wal gorfanna.

Afaan Oromoon dubbisanii, yaada isaanii Ingiliffaan ibsachuun kanneen itti salphatee yaada mishaa warra dhiheessaniif galatoomaa jechaa, ABOn du’uu isaa kanneen nu labsan, du’aa ABO jechuun, Du’aa Ummata Oromoo hawwuu waan ta’eef, yoomillee taatu deebii kan hin laanneef ta’uu, yaadaa fi habjuun isaanii caalaatti kan nu jabeessuu, dhiiga ijoollee Oromoon katabaa akka jirrutti kan nu xiiqessuu ta’uu, gamanumaa itti himuun barbaada. Maqaa Oromoo Moggaafatanii kan kataban, Kan Angoo irra jiran, wayyaanee kan Utubanii qaban, Ijoollee isaanii hegaree Oromiyaa irratti muuduuf, Yunivarsitii Maqalee keessatti ijoollee Oromoo caalaa Afaan Oromoo barsiifatanii akka jiran, Biyyoota Hambaa keessatti Oromoo fakkaatanii waan ijaaramee jiru hundaa keessa seenanii diiguuf kan bobbaafaman, miidiyaa hammayyaa irratti sochii Qabsaa’ootaa fi Ummataa kamiyyuu akka busheessaniif kanneen ramadamanii jiran, quba waan qabnuuf, Sochiin Qabsoo Oromoo rifaatuu qofaan akka isin hin dhiifnee akeekun barbaada. Kun ammoo, Diinaa fi fira fakkaattoota akkasumas Firoota keenya hubachiisuun dansaadha. Kutaa 2ffaan dheerachuu danda’aa obsaan dubbisaa.

HOGGANOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOOF ILAACHI ANI QABU …

Qabsoon Oromoo Hogganoota, Miseensoota, Deeggartoota hedduu horattee jirti. Kanneen keessaa Aarsaa Gootummaa kaffalanii kan dabran akkuma jiran, kan salphinaan dabranis, lubbuun jiranis ni jiru. tan Cichoomiinaan hanga har’aatti diimaa jiran akkuma jiran, kan gananii Qabsoon Orommo akka lafarra harkifattu qofa osoo hin taanee, lafarraa akka baddu yaalaa jiranis ni jiru. Hogganoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo jalqabaa kaasee, lubbuu isaanii irra Ummata isaanii caalchifatanii, Hadhaa du’aa kan dhadhamaniif Kabajaa Bara baraa fi Hoggana Qabsoo hundaan oliin qabaaf. kan Lubbuun jiraatanii, Guyyaa Gabrummaa balaaleffatanii fi waadaa Jaallan isaanii bakkaan ga’uuf murannoon fi cichoomiinaan qabsoo kana gaggeessaa jiran, Hogganoota ABO, Miseensoota WBO fi Miseensoota dhaabaa sadarkaa garagaraa irra jiraniif kabajaa Guddaan dursaaf. Ani Kabajaa kanaan, dadhabbiina isaanii dhokisuuf irra dibaa hin jiru. Holola irratti oofamaa jiru irraa ittisuufis miti. Ammatti hanqina qaban waliin, Abdiin Ummata Oromoo isaan qofaa ta’uu irraati. isaanis Umama Namaa ta’anii laafina hangamii qabaatanis, dhugaan isaanii ifatti mul’ataa waan jiruuf, badus tolus, Cichoominni isaanii kabajaa isaaniiti. Akka isa kaanii dantaaf of kennanii Ummata kana diinaaf dabarsanii laachuu dhiisuun isaanii, Gootummaa isaaniiti. Qabsoo kana furgaasanii bakka yaadameen ga’uu dhiisuu isaaniif, waan qabsoon kun keessa dabree asi ga’ee gadi fageessanii ilaaluun hubannoo argachuun ni danda’ama.

Komee ka’aa jiraniif, dubbii qorachuun tarkaanfii jalqabaati jedheen amana. Kanaaf Hogganni jiru, waan hin hojjannetti galata haa argatuu jechaa hin jiru. yeroon isaas yeroo galataa miti. Galata kan galchuu wareegama dhala OROMOO hundaaf ulfina kan qabuudha. Ani akka dhala Oromoo tokkotti, Qabsoon Oromoo lafa irra harkifachuu fi Hogganoota kaasuu kan jedhu furmaata hin ta’uu yeroon jedhu, jaalala isa kaaniif hin mul’annee qabaadheefi ykn waan qophaa kiyyatti naa galee qabaadhee miti. Hoggana ga’umsa qabuudhaa yennaan jedhus, rakkoon waggoota dheeraaf isaan irratti wal jijjiiree isaan danquu akka danda’u, rakkinoota hamoo kana dandamatanii har’a ga’uun isaanii fi Qabsoo kana dhaloota miliyoonaan dhaaluu danda’u horachuun isaanii, komee tarrifamu kana ni caalaa jedhee amanuu irraati. Waggoota Qabsoo Oromoo jennee lakkoofnu keessatti, yeroo isaani irra jireessa rakkina keessa ofii irratti malee, diina irratti kan hojjatan xiqqoodha. Waan kana barreeffamaan osoo hin taanee, barri yoo jedhee bifa mariin yeroon keessa itti deebi’uu ni dhufa. Ammasitti garuu waan ani hubadhee kana Lammiilee kiyyaaf qoodee, hubannoo wal fakkaataa qabaannee akka wal gula yaanuuf barreessuu filadhe.

Waan bitaa fi mirgaa ilaallu hedduutu jira. Yoo bitaa fi mirgaa ilaaltanii qorattan, Hogganni kan itti duulamee irraa bu’ii fi Qabsoo kun harkifachuuf sababaa akka ta’anitti dhiheessuu odoo hin taanee, hegaree Qabsoo Oromoo milkeessuuf yaada qaban dhaggeeffannee, waan isaan yaadan karaa irra buufnee, Qabsichas bakkatti deebifnee waan yaadametti ce’uutu sirrii ta’a. Qabsoon Oromoo, rakkinoota argaa jirru kana keessa odoo hin dabriin eessallee hin ga’u. rakkinoota argaa jirru kanatu, humna jabaa asi baasa. Hogganoonni kun hanqina nuuti tarrifnu hundaa guutanii argamaniis osoo ta’ees, Qabsoon Oromoo sadarkaa amma irra jiru irraa tarkaanfii tokkollee achi hin hiiqu. Inumaa suuta jechaa waan hamaa fi badii Ulfaataa dhaqqabsiisan malaan bira dabraa qabsoo kana har’aan ga’uun isaanii, bilchina hunda caaluudha. Diina hin ilaaliinaa. Rakkoon keessa ofii baayyee waan hamaadhaa Hubadhaa.Tooraa fi qalbii tokkotti galaa kan jirru, waan jennu kana irraa barachuu keenya irraati. ABOn waggoota 24n dabran Biyya keessa odoo jiraatee ta’ee, Dammaqiinsi Ummata Oromoo har’a arginu hin jiru ture. hundumtuu dhimma mataa isaatti galagalee jireenyaan liqifamee jiraata ture. waan har’a keessa jirru kana wareegamaan argannee lammii koo. Bu’aan keenya, Tarii maaltu beeka, bara 1992 dhaaboonni siyaasaa Oromoo 5 turan, sadarkaa maatiittu gadi bu’u turan. Tarii carraa Sumaaleen qabamnas ta’aa. Kun hundi akka nu hin mudanneef, waggoota 24 kanatti dhimma ba’aa jirraa hubadhaa.  Jechi “Bilisummaa” jettu kana akka itti argamtu osoo qaama hin godhannee, Dhaadannoo qofaan waan jaallanneef, fagaachuun ishee waa hundaa nu dubbachiifti yaa firaa qalbeeffadhaa !

Hubachiisa:- barruu kiyya kutaa 1ffaa keessatti akkuman tuquu yaalee, Ummata keessatti waa’een Hogganoota Qabsoo yennaa kaafnuu, xiyyeeffannaan garuma Hogganoota ABO ti. Hogganni dhaaboota Siyaasaa Oromoo hundaa waloon hin gaggeessine hanga hin jirretti, ABOn ala ta’anii akkuma Hogganoota Qabsoo OROMOO Ykn Qabsaa’oota Oromootti of fudhatan ni jiru. kanneen bilisa ta’anii socha’an ilaallata. Kun dhaaboota giddutti rakkoo uumuuf osoo hin taanee, duuba irra Qabsoo lafa irra harkifachuuf gumaacha taasisan kaasuun, yaada madaalawaa akka qabaannufi. Ammatti dubbii gabaabsuuf jecha, Ilaalcha Namootaa irratti xiyyeeffanna. Namoonni Qabsoon Oromoo lafa irra harkifateef yaada kennan, diina nu fakkaatee dubbatu dabalatee, ABOn Hoggana Qabsoo Oromoo ta’uu isaaf ragaan ba’an, komeen dhiheessan hundumtuu gara ABO tti qofaa kan akeeku ta’uu isaaniti. Dhaaba siyaasaa Oromoo walaba ta’anii jiran, diinaaf yaaddoo ta’anii ykn hololli irratti guuramu, akka ABO jira natti hin fakkaatu. Diinnis garaa hin laafuuf. Firri hololaaf dhalatees garaa hin laafuuf. Garaagarummaan gidduu kanaa dhibuun isaa, shakkii gama hundaa kaasuun hin hafu. barruun kiyya kutaa 1ffaa kaasee amma asitti jiru kun, dura yaadumaan akka walii galluufan isin qajeelchuu yaale. Bu’aa isaa dhuma irratti argitu. amma dubbii keenyatti suduudaan seenna.

QABSOON OROMOO HARKIFACHUU ISAAF RAGAAN MAALII?

Addi Bilisummaa Oromoo yeroo qabsootti Seenu, Qabsoo kana bara ammanaa keessatti xumurraa jedhamee karoora lafa keewwatee hin qabu. Keewwachuunis Ulfaataadha. Yeroo sanatti wanni qabatamaan beekamuu, Qabsoon Oromoo bifa dhaabaan eegaluu isaa qofaadha. Qabsoon Oromoo ABOn gaggeeffamuu waggaa 40 ol ta’uu mala. Waggootiin kun Qabsoo Ummata tokkof yeroo dheeraadhaa jedhee kan daangeesse hanga har’atti hin argamne. waan qorannoon deeggaree addunyaan nama komattus hin jiru. Biyyoonni hanga har’aatti gabrummaa jala jiran, waggoota afurtama nuuti dheeraadhaa jennuu dachaa lamaa fi sadiin nu caalu. Kanneen Bilisummaa isaanii goonfatanii nagaan jiraachaa jiran keessaas irra jireessi isaanii, waggaa nuuti lakkoofnee of jibbinu kanaa oliitti gabrummaan waadamanii turu nu seenessu. Yoo dubbiin waggaa lakkaa’anii mufachuu taateef.

Akka yaada kiyyaatti, komee kana yeroo hedduu kan heddummeessinu, waan Bilisummaan barbaadduu wallaaluu irraatii jedheen amana. Sochii Bilisummaan barbaadduu keessatti qooda odoo hin fudhannee, wareegama lammummaa odoo hin baafnee, Biyyuma Bilisoomte arguu qofaaf of kennanii guyyaa sana eeggachuu irraa komeen kun irra deddeebi’ama. Bilisummaa hawwuun kan biraati. Bilisummaa argachuuf hojjachuun, wareegama kafaluun ammoo kan biraati.

Hogganni kun Qabsoo kana lafa irra harkisuuf fedhii qabuu? ykn maaliif barbaadu? moo, Hogganuu dadhabuu irraa Qabsoon akka lafa irra harkifattu taasifamee? lakkii jarana, baroota qabsoo kana kan diina irratti hojjannee caalaa, rakkoon keessa keenyaa diina dura dhaabbachuufuu yeroo nu hin laannee yoo jedhanoo? bu’aa ba’ii, diigamuu fi wal ganuun Uumtu heddummaattee rakkanneetii yoo jedhanoo? mee yaada kana gaggabaabsee bakka JA’ATTI (6) qoodee isiniif haa ibsu.

  1. Haqa SEENAAN OROMOO KATABEE JIRU yk warri qabsoo kana utubuu kaasee hanga har’aatti waliin jiran Dhugaa ba’an isinitti haa himu. Abbotii Gadaa, Abbootii Amantii, Gootoota Gootoota caalan, beektoota, barattoota Qaroo, Maanguddoota jajjaboo kkf, Qabsoon hundaa’uun dura dhuman hin kaasu. Yeroo biraaf haa turu. Garuu eguma qabsoon tun bifa dhaabaan hundooftee kaasee, Hogganoonni Qabsoo sadarkaa adda addaa irra turani fi wareegaman meeqa akka ta’an ni beektuu? diinni ta’ee jedhee kan kana hojjatu maaliif? Qabsoon Oromoo diina Qawween ajjeeftu caalaa, Hogganni Qabsoo Oromoo Summii fi shiraan dhuman akka caala ni beektuu? Dhaaba kanatti dhufee kan cichoomiinaan amma dhumaatti waliin tarkaanfatu caalaa, kan dhaaba kana seenee ganee balaa itti fidee akka caaluu quba qabduu? Iccittii dhaaba kanaa qabatanii kan du’an caalaa, kanneen gananii iccittii dhaabaa dabrsanii laatanii Gootoota meeqa ficcisiisan akka caalan ni beektu? Mootootiin Itoophiyaa dhufaa dabraan Hogganaa fi miseensoota dhaabaa akkasumas, Namoota Qaroo gantootaan fayyadamanii ajjeesantu, Hoggana Qabsoo kana cichee qabee jiru lakkoofsaan ni caala. Qabsoo kana kan cichee qabatee dhaloota har’aan ga’ee caalaa, kan Biyya alaatti godaanee, dhaaba kanatti quba qabaa jiru akka caalu ni beektanii? Dhaaba kana keessatti cichanii waan jiru sirreessuuf ykn Tokkummaa uumuuf kan muratan caalaa, kanneen achi keessaa fagaatanii, akka Dunkaanaa waan adda addaa Ummatanii, Tokkummaa malee jedhii dubbachaa jiran lakkofsaan hedduu ta’uu beektuu? Kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo shaffeessa moo ni harkisa? hanqinni kun kan Hogganaatii? kana irra hin deemu.

Yaadoota kanan kaasuuf, Ani Hoggana kana Hogganummaa irraa yoon dhabe na dhukkuba jechuuf odoo hin taanee, Sirnaa fi seeraan waan hundi yeroo isaatti akka raawwatamu ittii amanuu irraati. Midiyaan, Abbootii biyyaa adda addaa Pirazadantii filatanii arginee keenyawoo? jennaaf yoo ta’ee, kun dogoggora bakka jiran wallaaluu irraa madduudha malee, komee qabatamaaf raga hin ta’u. Tarii barreeffamii kun ragaa hedduu waan barbaaduuf, waan hundaa asi irratti kaasuuf, diina sooruu waan ta’uuf, irruma isaa qofaan isiniif akeekaa, mariidhaan gabbifadhaa.

  1. Hoggana “duuchaamatti quba itti qabuu” kan jedhe keessaa ibsuuf, Hogganoonni shinniggaatti diinaan dhumanii fi waan isaan yaadan waliin awwaalamuun, qabsoo shaffisiisuuf danqaa guddaadha. Dhaaboonni, Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessan lama qabsoon qacalummaan osoo jirtuu wal dhabuu fi miidhaa jabaa wal irraa ga’uun isaanii, qabsoon kun akka shaffisuuf hin turre. Bara 1991 kaasee kan jiru haa ilaallu. Bara 1991 fi Chaartaraan booda gaaga’ama qabsoo irra ga’ee kan wallaalu hin jiru. Kanaaf Hogganni qeeqamaa turee kan beekamu. Hayyuu dureen yeroo sanaa bara sana Qabsoo Oromoo chaartara keessatti qooda fudhachiisuuf dursanii akkuma fuudhanii galan, har’as bifa biraan fuudhanii deemuuf qophii irra jiran. Kan 1991 waliin turan ammi tokko har’as ni jiru. hanga bara 2000tti Hoggansi ture kun, waan waggoota sana keessa tureef komeen jiraannaan waloon fudhatan. Amma garuu komeen yeroosii abbaa yeroo Sanaa waliin deemee osoo hin taanee, isa kaanitti maxxanee dhihaataa jira. Bara 1991 kaasee hanga 1999 tti qabsoon harkifachuuf ragaan yoo jiraate, abbaa abbaa qaba. Waan bara Sanaa sirreessuuf kan hojjatu akkuma jiru, kan biraa dabaluuf kan deemuus jira. Kana irratti ragaa tokkon isiniif dhiheessa. “Bara 2002 Ministira Beeksiisaa Itoophiyaa kan ture, Barakat simi’oon, Gaazexessitoota Raadiyoo fi TV Itoophiyaa 300 ol ta’aniif, waa’ee Abiyootaawwii Dimokiraasii torban lamaaf barsiisaa ture. barnoota bal’a kana keessaa tokko, Dimokiraasii Diriirsuu kan jedhu jalatti, waa’ee dhaabbilee Mormitootaa kaasee odoo barsiisaa jiru, gaaffiin dhihaateef. Gaaffiin kunis akkas jedha. Nuuti Dimokiraatawaadha ega jettanii, garaa bal’achuu irra, dhaaboota isin gituu yaalan maaliif Biyyaa baaftu? keessattu ABO ari’uun keessan sirriidhaa? kan jedhu ture. deebii isaa qalbifadhaati dubbisaa. Akkas jedhee, ABO chaartara dura Bosona Odoo jiruu beekna. Yeroo sana waraana 3000-6000 qaba ture. bara 1991 fi 1992 keessatti odoo nuuti hin beeknee 20,000n ga’ee. Kun balaadha. Kana akkamiin callifnee ilaalla? jedhe gabaabaatti. egaa waraanni sun eessa ga’e? dubbii hin dheeressuu, kun Qabsoon deebi’ee lubbuu godhachuuf baroota hin gaafatu? akkuma Hoggana har’aa kaasisuuf dubbatamaa ture har’as akkasuma. komee sana waliin garuu har’allee badii sanatu waliin ka’a. kan miidhama kanaaf sababa jedhamu … har’as waa biraaf qophaa’aa jira. Kun akka kiyyatti. Biyyatti deebi’uun kun tarii qabsoo kana irratti waan gaaddiseessu jiraaf. Kanatti aanee, bara 1992 kaasee ykn ABOn chaartaraa ega ba’ee kaasee hanga Hogganni Asmaraatti waajjira banatutti, Qabsoon kun akkamiin akka gaggeeffamaa ture Hogganootaa fi Qabsaa’oota hadhaa meeqa dhadhamataniif haa dhiifnu. Garuu haala mijataa keessatti akka hin taanee ifaadha. Kun hundi Qabsoo kana bakka jirutti dhaabuyyuu danda’a ture. haalli turee fi jiru gadi fageenyaan ilaalamee irratti haa dubbatamu kan jedheef kanaafi.
  2. Bara 2000 booda kan jiru yoo ilaallee ammoo, Seenaa biraatu jira. Bara 2000 shanee fi QC jedhamee adda ba’ame.(na ofkalchaa shanee fi qaacaa jechuu kiyyaaf. Akka hubattaniif qofaadha) Adda ba’uu waliin kan ilaalamu, gareen achi ba’uu maal fudhatee akka deemuu fi dirqama isaa dhiisee deemuun, miidhaa dhaqabsiisuudha. Bara sanas humna walakkaatu achi ba’ee. Kana waliinis caasaan diriirfamee, Biyya alaa hanga Biyya keessaatti maal akka ta’uu ilaalaa. Caasaa tokko diriirsuuf humna namaa, Dingadee kkf ol aanaa gaafata. Kanatu wal qabatee bada. Yeroo sana miseensoonni shanee Gumii meeqaa fi Gumii sabaa meeqa akka hafan seenaaf haa dhiisu. Kana booda bara 2005 Koratu ta’ee waan guutamu guutame. Karoorris ba’ee. Kakuunis raawwatame. Hundumtuu qajeelfama fudhate ka’ee. Bara 2008 rakkoon biraa dhalate. Humni micciirama jedhamu buqqaafatee ba’ee. Waraanaa fi qabsaa’oota hedduu sossobanii ba’anii, baatii 6tti waa hundaa tasgabeessina jedhan. Isaaanuu baatii ja’a hin turree, wayyaaneetti galuu dhageenye. Humni waraanaa fi iccittiin dhaabaa Liichoo faa’aan fudhatamee deemame, Umurii qabsoo kana gabaabsuu odoo hin taanee, dhaloota itti aanuufu rakkoo kan awwaaluudha. Kana qofaa miti. humna Dinagdee dhaabaa irratti shirri hojjatamee kan dubbatamuu miti. Sagaleen Bilisummaa Oromoo torbanitti lama ta’uuf sababaan maalii? Dingdeedha. Dhaabuma kana laamshessinee harkaa fuuna jedhamee dhaluma Oromoo lafee jaallaniin kakataniin kan raawwatame. badii akkasiif akkamiin Hogganootaa fi Qabsaa’oota muratoo irratti maxxansinee, Holola Hogganummaa irraa isaan kaasuu taasifanna.? Aadaa fi safuu hin qabnuu? har’a Namoonni Biyya keessaa yennaa funaanaman, ajjeefaman, hidhaman, Biyyaa ari’aman sababaan eenyu? warruma dhaqee harka laateetu kana raawwata. Kun qabsoo hin dheeressuu? yaadooti kun waan turee fi jiru wal yaadachiisuuf malee, rakkoon yeroo Sanaa har’allee jira jechuu miti. kan karaatti deebi’ee sirraa’ee fi mooraa Qabsoo Oromoo jabeessaa jiru hedduu ta’uun shakkii hin qabu hubadhaa. Garuu yeroo sanatti wanni umamee lafa irra harkifachuu … qooda qabaa jechuufi.
  3. Yeroo QC fi Micciiramni dhaaba keessaa foxxoqan, ABOn Hoggana meeqaa fi Gumii Sabaa meeqa qaba ture? bara 2005 booda Korri sabaa waamamu qaba ture. Kora sabaa jechuun ammoo, Miseensoota Koree hojii raawwachiiftuu fi Miseensoota Gumii Sabaa akkasumas Namoota sagalee qaban, Maanguddoota ture. kana gochuuf haalli tolaan gonkumaa walitti araarsuun hin danda’amne keessa ture. Hoggana sagalee guutuu fi harka sadii keessaa lama jedhu hin guunneen kora miti, wal ga’ii saglii taa’uun hin taatu. Hogganni kun garuu haala nama gaddisiisuun duulli ganamuu irratti raawwatamuus, harka hin laanne. Hin laafanne. Nama shanuu haa ta’anii cichoomiinaan har’a ga’anii dhaaba kana miila lamaan dhaabuuf, mana isaa jalqabaatti galchuuf karaa hedduu deemanii itti milkaa’aa jiran. Araarrii bifa bal’aan gaggeeffamaa jiruu fi Ilaalcha tokko kan qabnuu walitti dhufnee of haa jabeessinuu kan jedhanii mana cufatanii hojjachaa jiranis kanumaafi. Gaaga’ama kana keessatti raawwatamee qabsoo dhabamsiisuu iyyuu hin danda’uuree? akka danda’uu wal nama hin gaafachiisu. garuu humna kakuu dhugaa qabuutu dandamatee keessa dabre. maarree kan komeen irra dhaabbachuu qabu, warra daandii badii keessa seenee malee, kan cichee waliin hafe ta’uu qabaa? har’a waan sirraa’ee jiruuf kabajaa qabaachuu, yeroo hiri’atus, yeroo guutuus qeeqa ykn komachuun kaayyoo biraa qabaachuu mul’isa malee, haqummaa komee kanaa hin ibsu.
  4. Baroota dheeraaf Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Ilaalchi lama waliin jiraataa turaniiru. Ilaalchi lameen kun waliif faallaadha. Akka har’atti yoo dubbannee, Ilaalcha ABO fi ADO dha. Kun wal keessa jiraachuun murtiilee adda addaaf gufu ol aanaa ture. humni adeemsa irratti walii hin gallee, galii irrattis waliif galuu hin danda’amu. Waluma irratti wal ijaaraa jiraatan. Ilaalchi Itoophiyaa keessatti Bilisummaa Ummata Oromoo kabaciifnee jiraachuun ni danda’ama jedhu, karaa nagaa socha’uu kan barbaadu, waraana kana hin barbaanneedha. Bara sana waraana mooraatti akka naqamu kan taasifame kanaafi laata? inni walbummaa Oromiyaa jedhu ammoo, hundeen isaa waraana. kanaaf wal qabuun hin hafu. Kunis,qabsoon harkifachuuf ragaa qabu, dudda baasuu abbaa qabu ifatti kaa’uu danda’a.
  5. Humnoota alaa:- Humnoota alaa wayitan jedhu, Biyyota dhihaa fi Ameerikaa, Biyyota Afriikaa, Biyyota olla keenyaa, Biyyoota Oromiyaa marsanii jiran ni dabalata. Humnoonni alaa waan nama irratti dalagan lakkaa’anii hin fixan. Gaaffiin keenya ammoo isaanii maal akka ta’ee hunduu beeka. Mootootii Itoophiyaa fulmuu irra, fedhii warra dhihaa guutuutu karaa qabsoo gabaabsa. Garu fedhiin isaanii daangaa hin qabu. Biyyooti olla keenyaa ammoo akka nuuti isaan keessatti qubsuma hin dhaabbanneef wayyaanee waliin maal akka raawwatan garaatu nu beeka. Kunis qabsoon dheerachuuf sababaadha. Kana hundaa walitti qabaati, dhimma keenya tasgabbiin ilaalaa.

Har’aa Qabsoon Oromoo tasgabbaa’anii fi, ialaa fi ialaameen waan ilaallachuu qaban hedduu qaba. Hoggana karaa qajeelchuuf tattaafatu gama hundaan gargaaruun akka barbaachisu yerootu dhiibee ol baasaa jira. Waan jiru caalaatti tasgabbeessanii diinatti irree guutuun ka’uuf maal gochuu qabna? Hogganni har’a jiru osoo hin jaallannee dhaloota qopheessuun barbaachisaa ta’uu kan dagatanis hin fakkaatan. Karaa eegalan irratti yaada laachaa waan yaadan dhaga’uun dansaadha. Bara 1996 kaasee yaadoota Ummataa walitti qabadhee fi waan hegaree keenyaaf tolu kutaa 3ffaa keessatti qabadheen dhihaadhaa. GALATOOMAA!

HORAA BULAA!

* SEENAA Y.G(2005): burqaa430@gmail.com

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast – 18 November 2015

Minneapolis | Dec. 5, 2015 | Prof. Mohammed Hassen’s Book Signing

Viewing all 1719 articles
Browse latest View live