Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Diiniyaas Alamuu Laliisaa:- Itiyoopiyaan Maalif Beeloftii?

$
0
0

Diiniyaas Alamuu Laliisaa irraa*

Waan seenaan hiimuu keessaa muraasa …

Afrikaan Ardii argaama namatii jedhamti. Itiyoopiyaan immoo Biyyaa argaama Ardii kanati. Beellii Afrikaattii kan baraatame yoo ta’eeyyuu, innii kan Itiyoopiyaa kun adda. Bara 1984 A.L.A. Baay’innii uummaata Xoophiyaa milliiyoona 21 ture. Kana keessaa, milliiyoonaa 7 beellii haaman mudaate. 1/3 uummaata biyyiichaa jechudha. Battaalumaattii uummaannii miliyoona 1 ol du’aaf saxiilaman kunis baay’inaa walii gaalaa keessaa dhiibbentaa (4.8%) ni ta’a.

Kan isaanii motummaa Biyyaa bulchaa tureerraa degarsaa argaataniru. Kan immoo goodananiru. Beelaa kanan walqaabatee, midiiyaalen adunyaafi Dhaabileen hawwaasa hedduun Itiyoopiyaa jechaa jedhuu akka beelaafi maddaa beelattii galmeessaniru. Kanaf immoo Oxford fkn ga’aa ta’a.

Barumaa 1984 kana akkaa BBC, gabaasetti erguumaa dacheen kun umaamtee kaasee Beellii Itiyoopiyaa kun isaa jalqaabafi baay’ee haamadha jedheera. Kufaatii Dargiin boodaa immoo naannoo bara 1986 ttii beellii kun kaabarraa garaa Kibbaattii Ceehun uumaatootaa kibbaa Biyyiittii jiraan haalan darareera.

Beelaa naannoo kibbaa kana mudaates Wayyaanen “Aroongaadee Dirqeet” (Googii Magaarisa) jechuun mogaaftee ture … Me ammaa wa’eesaa dhiiseen garaa ijoo dubbiikottan dhufa. Yerroo ammaa kana beellii Itiyoopiyaa keessaattii uummaataa mudaachaa jiruu sirriittii wan lakkaayaame nattii hin fakkatu. Sababa hanqiinaa Roobaa Bahaa biyyiittii mudaaten ummaannii Miliiyyonnii 4.5 ta’uu beelaf akka saxiilamee motummaan biyyitti gabaaseera. Haa ta’uu malee uummaannii beela’aa jiruu yoo xiqaattee Miliiyoonaa 11 ol akka ta’uummoo Dhaabnii Adunyaa UN gabaasee ture.

UN akkaa jedheettii naannoodhuma baha Biyyiichaa qofattii hangaa bara 2016 ttii lakkoofsii umaata beelaa’anii million 15 ol akka ta’uus hiimera. Kunimmoo baay’inaa ummaata biyyittii miiliiyoona 80, kan ammaa kanan yoo Waal ciinaa ilaalluu 18.75% ni qaqaabaa uummaannii beela’aa jiru. Kan baraa Dargii (1984) 4.8% beelaan du’uun aduunyaa rajjeefachisee turee, yeroo ammaa kanammoo dijiittii lamaattii ol guddaattee 18.75% irraa ga’uusatti, wantii raajiin.

Yoo hataattaaman kan furmaata hin argaannee ta’ee dhiimmii kun kana olittii deemuu fi hammaachuuf akka jiruus beekaamadha.
Lakkoofsii kun kan fudhaatame hanqinaa roobaan naannoo midhaaman qofaarraattii malee osoo guutuumman biyyiittii kan ilaalamuu ta’ee, lakkoofsii uummaata beela’aa jiruu, dhibbeentaa meqaa ni ga’aa laata?

BEELAAF (FAMINE) wantoonnii sababaa ta’an maalii?
Biyyoonnii aduunyaa tokkoo tokko osoo haala mijaataa hoomayyuu hinqabattin wa’ee beelaa keessattii hin dhaaga’amu. Sababaniisaa imaamaata isaan akka biyyaattii hordoofaantun kanaf faala ta’a. Akkaa Aduunyaattii biyyii Chaayinaa Uumaata 1.3 billion ta’iu qabaattee, dinagdee biyyaashee guddisuu kan dandeessee, dursaa imaaamataa beelaa injiifaatuu qabateetti. Ummaannii aduunyaarraa jiruu keessaa 19% kan ta’uu uummaannii Chaayinaa, imaamaata waloosaa baafatee, wa’ee beelafi waraanaa waliirraa bilisaa ta’ee dinagdee Biyyaa isaa guddiisuuttii fuulaa isaa deebifaatera.

Osoo uummaannii Ardii Afriikaa hundii Biyyaa tokko taatee, motummaa tokkon bultee baay’innii ummaatashee har’aallee kan Biyyaa Chaayinaatii 0.2 billiiyonin gaadi. Kana jechuun Baay’innii ummaataa Chaayinaa 1.3 billiiyonin Adunyaarraattii too sadarkaa jalqaabaa qabatu. Biyyii Hindiimmoo baay’inaa Uummaataa 1.2 n sadarkaa lammaaffaa qabatteette jirti. Eegaa osoo Ardiin Afrikkaa Biyyaa tokkoo ta’uu dandeessee fi imaamaataa tokko godhuus qabattee, baay’inaa ummaataashee biiliiyoona 1.1n biyyaa U.S.A. dursiitee sadarkaa sadaaffaa qabachuu ni dandeessi.

Jalqaabumaan dirree Waraanaa fi Goolaa beelaa ta’uun kan beekamtuu Afriikan, gaadadoo ishee dangaa dhaabeetu jira. Egaa haalumaa kaanan beelaa Ethiipiyaafi biyyootaa Afriikaa tokko tokko keessaatti mul’achaa jiruus yoo ilaallee, sabaaboota sadii lafa ka’uu dandeenya.

Isaanis:

1- Dhiibbaa umaama yoommuu ta’uu, dhiibbaan kun jijjiiraama haala qilleensaa fi jeeqaamu waqtii roobanfa’ii wal qabata. Fknf Sabaaba jijjiiraa qilleensaa naannoottin (climate change) tin Bookkaan yeroo hin barbaadamneettii roobee yeroo barbaadamuutti immoo yoo dhaabaame, Omishaaleen Qoonnaa waqtii eeggaataani omishaaman jeqaamun beellii mudaachuu danda’a. Akkasumaas buubbeen kanneen akkaa Il Elnon kan bara kana Itiyoopiyaa mudaatanis, googii Hordoofsiisuu daanda’uu wan ta’eef balaan dhufuu salphaa hin ta’u.

2- Haariiroo dhaabuu Hawwaasaa ollaa. Dhiimmii kun beela’uu dhaala namaaf sabaaba guddadha. Waqayyoo gaafa rakkoo namattii fiduu furmaatas waluuman fida. Kun immoo kan innii ijaa godhaatuu yoo haawaasii rakkoon mudaatee kun rakkoosaf dandii ittin faala barbaaduu qabatee qofadha. Osoo ummaannii Itiyoopiyaa muxxaannoo Biyyaa Keeniyaa fi hariiroo garii qabatee, Akkaa barbaadeettii biyyaa Ugaandaa, Tanzaaniyaa fi kkf seemed bahuu danda’aa ta’ee, Baalaa Hongeef jeechaa beela’ee hin du’u. Kunimmoo sadarkaa Afriikattii miti sadarkaa Ethiophiyaattuu wan hin jirreef Ummaannii duruumannuu mana hidhaavkeessaa jiruttii hongeen dhufe ajjeessun immoo wal nu him gaafachisu.

3- Imaammaataa dinaagdee fi police biyyichaati. Yeroo baay’ee beellii kan deeddeebi’ee mul’aatuu biyyoota bulchiinsii abbaa irree jiruu keessaatti deedebi’ee mul’ata.

Kanaf beel’aa dhaabamsiisuuf dandii Babuuraa dirirsuu, gamoo gurguuddaa ol dheeraasanii ijaaru, gabaasaa sobaa dhkiyyeessuun gowwoomsuuf yaaluu, hiyyeessaa 10, 20 buqiisuun sorreessaa tokko iddoo buusuufi kkf nin beelaa balleessun hindandaa’amu. Isaan kun warrootaa uummaannii gaafaa nyaate quufe, ofiif hojjeechuu fedhuudha. Kanaf Beelaa Hongeen walqabaatee Itiyoopiyaa mudaachaa jiruuf kan iittii gaafaatamu qabu motummaa biyyiichaa yoo ta’ u, kallattii maraanu ummaataa keenyaa ciinaa haa dhaabuun dhamsaa koti.

Ragaakoo qabadheen ittii deebi’a.

* Diiniyaas Alamuu Laliisaa: dvision2026@gmail.com

—-




Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles