Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Baqqalaa Jiraataa:- Obbo Yisaaqin Ani Akkasittan Isaan Yaadadha

$
0
0

Baqqalaa Jiraataa irraa*

Obbo Yisaaq Aangoos Gurmuu2015_2=3

Maanguddoon Oromoo beekaa fi hayyuun tokko adunyaa kana irraa du’aan boqotan kan jedhu Raadiyoo Ameerikaa Sagantaa Afaan Oromoo irraa yeroon dhagahe wayyoo eenyuu laataa jedhen yaade. Gaazexesitu Jaallannee Gammadaas itti fuftee Maanguddoo beekaa fi hayyuun Oromoo duuti fudhatte kunis Obbo Yisaaq Angoos ta’uu ifa goote. Anis dhugadhummatti baayeen na’e baayeen gaddes. Maanguddoowanii fi hayyuuleen Oromoo yeroo isaanii fixatani adunyaa kana irraa boqotan Obbo Yisaaq qofaa miti. Garuu Obbo Yisaaqin waan baayeedhan waanan isaan yaadadhufi haallootni sun sammuu koo keessa battaluma naa naanna’aniitu kanaan baayee gadde. Garummoo kan dhalate du’uun hin ooluu Obbo Yisaaq waan isaani irraa barbaadamu raawwatanii dadhabnaan boqotan waan ta’eef waa’ee boqotuu isaanii dhiisen waa’ee ifaajjii isaanii yaaduu eegale.

Guyyaa itti aanu Gadaa.com irratti waa’een isaanii wanti bahe jiraa laata jedhee yeroon sakkata’u Jaallannee Gammadaa seenaa Obbo Yisaaq waan gabaabaa tokko tuqxee barattootni isaanihoo maal jedhuu? jettee akka gaafiitti keessen arge. Anis yaada Jaallannee kana irratti hunda’een waanan ittin goota, beekaa fi maanguddoo boqotan kanaa hangan yaadadhu tutuquuf yaale.

Obbo Yisaaqin kanaan beeku jalqaaba baroota 1970 irraa kaasee ti. Kanaan isaan arges yeroo mana barumsaa sadrakaa 2ffaa Naqamtteetti (yeroo sana Mana Barumsaa Haayila-Silaasee jedhamee beekamu) fi boodamoo mana barumsaa waliigalaa Naqamttee (Naqamtte Comprehensive High school) tti daarikteera ta’anii hojjetaa turan dha.

Obbo Yisaaqin waanan ittin yaadhu waan baayeetu jiru. Isaan keessaa inni guddaa fi angafti ijoolleen naannoo sanaaa barumsa isaaniitti akka cimaniif kaayyoo godhatanii hojjetaa turuu isaanii ti. Otuu isaan gara mana barumsaa sana hin dhufin dura barattoota kutaa keessatti jeeqaanii fi balleesaa addaa addaa raawatan irratti tarkanfin adabbi fudhatamaa ture mana barumsaa irraa ari’uu dha. Obbo Yisaaq garuu ijoollee barumsa irraa ari’amanii calluma jedhanii magalaa keessa deemanii fi sibsaabii (barandaa) manneen shayee jala tataa’an dachaasanii gara mana barumsatti deebisudhan akka barumsa isaanii itti fufan godhan. Tarii harra warri haala sanaan mana barumsaatti deebi’anii bakka guddaa gahan ni jirratu, ragaas bahuu danda’u. Hojiin isaanii kunis qalbii barattootaa fi ummata naannoo sanaa hawwachudhan jaalalaa fi kabaja daangaa hin qabne akka argatan isaan godhe. Obbo Yisaaq mana keessa jiraatanillee dallaa mana barumsaa duuba godhatanii haala baruu fi barsiisuu itti dhiyeenyan hordofaa fi to’ataa turan.

Akkasumas otuu isaan mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Naqamteetti daarektera ta’anii hin dhufin mana barumsaa sanaa irraa barattootni qormaata biyyoolesaa kutaa 12ffa (ESLCE) darban hin turre jechuun ni danda’ama. Yoo darbanis lamaa fi sadii hin caalaan turan. Bara tokko tokkommoo tasumaayyuu barattootni barumsa sadarkaa digriitiif darban hin jiran turan. Barattotni 4 ykn 5 hin caalle sadarkaa diploomaatif darbu turan.

Kun Obbo Yisaaqif tasumaa hin fudhatamneef. Haala kanas jijjiruudhaf kutatanii ka’an. Kanaafuu tarkaanfi mataa isaanii fudhatan. Tarkaanfin isaan fudhatanis barattoota kutaa 12 walitti qabanii achuma mana barumsaa keessa bulanii akka qayyabatan murteesan. Ofii isaaniitifis achuma waliin ta’anii qayyabachisan. Baroota sana barnnoni kan akka heerrega, ingliffaa fi amaariffaa warraa dirqmaaan darbamuu qaban turan (compulsory subjects). Isaan keessa tokkotti kufnaan darbuun hin jiru ture. Barattootni yeroo sanaa ingliffaa fi heerregatti rakkoo yoo hin qabanneyyuu qormaata amaariffa darbuu irratti garuu rakkoo cimaatu ture. Qormaanni jabana sanaa akka harraa filachuu (multiple choice) hin turre. Qormata amariffaa irratti asoosoma (ድርሰት) fuula ykn jechoota hangana hin caalle barreesi jedhama. Kanaafuu ulfaataa ture. Kanaafis Obbo Yisaaq mala dhahan. Barsiisaa afaan amaaraa barsiisudhan beekamaa ta’e nama Bayyanaa Geetaahun jedhamu fiduudhan akka barrsiisu godhan. Barsiisaa Bayyanaa Geetaahuun dhugumatti nama dandeetti guddaa qabu waan ta’ef jijjirama guddaa fiduudhan barattootni qormaaticha akka darban godhe. Barsiisaa Bayyanaa Geetaahuun anas waan naa barsiisef dandeetti isaatif ragaan baha. Barsiisaan kun garuu amala tokko qaba ture. Innis yeroo mindaa fudhatu gara mana bunaatti goruu waan jaallatuf guyyaa lama sadii hojii irratti hin argamu ture. Obbo Yisaaq kaayyoo isaanif jecha mana isaa dhaqanii konkolaataa isaaniitin fidanii akka barsisu godhaa turan.

Haala kanaan isaan darikteera ta’anii dhufanii baruma sana barattoonni baayeen akkuma Doktor Tasammaan Sagalee Raadiyoo Ameerikaa irratti dubbatan qormaata biyyoollessa darbuudhan barattoota qofaa miti hawwasa naannoo akkuma jirutti gammachisan. Hojiin isaanii sunis aadaa ta’ee erga isaan achii deemanillee barattootnni hedduminaan akka qormaaticha darban ta’ee ittii fufe. Oboo Yisaaq hoogganna dha ofiin jedhanii ajaja qofaadhan miti kan hojjettota isaanii hojjechisan. Ajaajuus ta’e amalaan qabuus beeku. Walumaa galatti Obbo Yisaaq nama hojjetee hojjechisu, nama lammiillee biyyatti doofummaa keessaa baasuudhaf halkanii fi guyyaa hojjetan turan.

Obbo Yisaaq kana malees kan isaan ittin mana barumsaa sana keessatti yaadataman yeroon barumsaa daqiiqaan tokkollee akka baduu hin barbaadhan. Yeroo boqonnaan dhumee bilbillii mana barumsaa kilili jettu isan biiroo isaaniitii bahanii barattootatti lalabuudhan akka aritidhan kutaa seenan gochaa turan. Barattoota xiqqoo dargagumman itti dhaga’amee dafanii kutaa hin seenne ofitti waamanii kaalchodhan hudduu keessa dhitu. Garuu barataan Obbo Yisaaq naa dhiitan jedhee itti dallannu tasumaa hin turre. Barattootni yeroo sanaa Obbo Yisaaqif jaalala addda qabachaa turan yoon jedhe soba miti.
Obbo Yisaaq kana malees yoo barsiisan hin jiru ta’e ofif seenanii barsiisu malee barssisuun hojii koo miti jedhanii yeroon barumsaa akka badu hin hayyaman. Obbo Yisaaq kutaa irraa deemanii haala barsiisootni itti barsiisan ilaalu. Tasumaa biiroo isaanii keessa hin taa’an mooraa mana barumsaa keessa naanna’uudhan barattootni tokko tokko kutaadha badanii dhokatanii marga keessa ciisaan qabanii hudduu keessa dhiitaa kara kutaatti deebisu. Naamusni mooraa mana barumsaa keessa ture nama gammachisa ture.

Kan biroo kan ani haala addaatin isaan itti yaadadhu barattoota barumsa isaanitti cicimoodha, qormaata biyyoolesaa ni darbu jedhanii tilmaaman akka isaan koorsi addaa addaa fakkeenyaf koorsii barsiisummaa, qonnaa fi kana fakkatan deeman hin fedhan. Ana dabalatee barattoota kutaa 10ffaa xumurree koorsii barsiisummaatif qormata darbine akka hin deemne nuu hambisaniru. Barattota gara 24 akkas kan taanuu qormaata koorsii barsiisummaaf dabarre keessaa lakkofsa isaanii hin yaadadhu hanga tokko nu hambisan. Isaan keessa amma namni ani yaadadhu nama Tasammaa Kuusaa jedhamu aanaa Diggaa naannoo Qawisa Shannoo jedhamutti dhalate kutaa tokko walin turre qofaa dha. Nuyis haala kanatti aarree wajjira bulchiinsa mannen barrnnota Wallggaa jedhamutti iyyachuu deemne. Obbo Yisaaqis yeroo nuyi achi geenyu nuu duuban dhufanii ”hin deemtan, anattu akka isin hin deemne murteese nuun jedhan. Achumanis isin ajajamudhaf figduu? maalif ajajaa hin taatan? nuun jedhan. Nuyis yeroodhaf yoo aarreyyuu waan goonu dhabnee itti dhiisnnee barumsa keenya itti fufne.

Kan biroo ani ittin Obbo Yisaaqni yaadadhu klabii kubbaa miillaa Nagodgad jedhamee beekamu gargaaruu fi qajeelchudhan klabichii dorgomii kubbatti beekamaa akka ta’u gochuu isaanii ti.

Kanneen ani armaan olitti tutuqe kun yaadannoo jalqaba baroota 1970 ti.

Waggoota dheeraa boodamoo baroota 1990 keessa barreessaa yeroo Boordii Maccaa-Tuulamaa ta’anii otuu tajaajilan isaan argee wajjin hasawuu danda’era. Obbo Yisaaq akkuma isaanii durii bakka argamanitti muuxannoo isaanii kan namaa hiran fi kan barsiisan ta’anin arge. Kennaa guddaa qabu turan.

Obbo Yisaaqii wajjin namni oole barataadhuma oola. Dubbin isaanii hundumtuu waan barnnoota namaa kennani dha. Qoosaa fakkeessanillee waanti isaan dubbatan hiika qaba. Guyyaa tokko walgahii boordin Maccaa Tuulamaa baatii baatidhan adeemsisu irratti anaa fi hiriyaa koo tokko cinaa yeroo darbuf deeman, garaa hiriyaa koo kan xiqqoo ol kuf jettee qubaan tuqanii “silaas maal yaadduu” jechuudhan qoosaa fakkeesanii ergaa isaan nuuf dabarsan naan yaadadha.

Egaa ani Obbo Yisaaqin waanan armaan olitti tutuqeenan isaan yaadadha. Namootnni keessumaa barattoota isaanii turanii fi yeroo isaan darikteera turan isaan beekan baayeen waan ittin isaan yaadatan hedduun akka jiraatu hin shakku. Obbo Yisaaq hayyuu fi beekaa Oromoo seenaa qabani dha. Kanaafuu seenaan isaanii kan barreeffamee dhalootaaf darbu qabu dha. Dhugaa dha seenaan gootota, hayyootaa fi beektota Oromoo kan biroos barreeffamuu qaba.

Xumura irratti Ummatni Oromoo harra hayyuu, beekaa fi maanguddoo araaraa fi gorsaa isaa tokko dhabe gadda guddaatu itti dhaga’ama. Kan lubbuu qabu akka du’a hin oolle ni beekama. Waanti guddaan fakkeenya isaanii hordofuudhan gahee ofii bahuu dha.

Obbo Yisaaqi seenaa uummata isaanii keessatti iddoo guddaa qabu. Kanaafuu bara baraan yaadatamu.

Maatii, firoottanii fi hiriyoota isaanif waaqni jabina haa kennuf.
Ummata Oromoos akkasuma waaqni jabina haa kennuf.

Galatooma

* Baqqalaa Jiraataa – Swidin irraa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles