Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

SEENAA Y.G(2005):- Humni, Xumura Gabrummaa Hin Mirkaneessinee, Bilisummaa Hin Goonfatu!

$
0
0

SEENAA Y.G(2005)*

Kutaa 1ffaa

Waaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii, sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.

Dhalooti kun tarii akkasumaan itti fufee jennaan, wareegama ol aanaa kafalutti aanee kaa jiru aakuma of tuultootaaf yaaddofnuu, ofiifis yaadda’uu nu barbaachisa. waan nuuf ga’aa ta’een ala baanaan, waan itti seennu keessaa ba’uu akka hin dandeenye beekuun barbaachisaadha. har’a sochiin Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, of eeggannoo fi naamuusa badii biraa akka ofitti hin finneef taasifamuun kan masakamedha. Wareegamni gaafa baayyatu garuu, gara gumaatti ce’ee tarii humni siyaasaa Oromoo kamuu sadarkaa tu’achuu hin dandeenye irra ga’uu waan maluuf, hojiileen daddaffiin hojjatamuu qaban ykn qophiileen gama hundaan taasifamuu qaban tokko tokko akka jiran natti mul’ata. Sochiin bara 2000 kaasee gaggeeffamaa jiru kana nu akeeka.Waan barbaannu bira ga’uuf, akka kaleessaa waggaa 30 fi 20 jennee lakkaawu keessaa baanee jirra. Waggoota muraasa booda waa hedduu ija keenyaan arguuf teenya. Tarii qophii taasisnuuf illee kan nu hin geenye ta’uu mala. Qophiin nu barbaachisu fixachuu fi sochii har’aa adeemsa qindoomina mudaa hin qabnetti ceesisuun heedduu, hedduu murteessaadha.akkamitti? itti deebina.

Mirgi Abbaa Biyyummaa Oromoo fi Bilisummaan Oromoo waan hin hafne ta’uun mirkanaa’ee jira. Faranjootaa fi diinoota keenyallee, wareegama ijoollee fi obbolaa keenyaan mirkaneessinee jirra. Kun haqa . Gootummaa kanatti kabajaa horuuf, wareegamni ijoollee kanaa gammachuun akka xumuramuuf, qaamni hawaasaa fi Siyaasa Oromoo kamuu waan daddaffiin hojjachuu qabanu danuudha. kana booda dogoggorri keessa keenyatti umamuu ykn hanqinni keessa keenyatti mudatu, diina nu balleessuu caalaa kan ittiin of balleessinu ta’aa. Dogoggorri waggoota dheeraaf argaa turre, akka irraa barannuuf nu fayyadeera. Dogoggorri kana booda hojjannu garuu nu dhabamsiisa. Kana beekuun barbaachisaadha. Dogoggorri umamuu jechuun, waan itti jirru irraa dhaabbachuu jechuudha. Waan itti jirruu irraa dhaabbachuun ykn dubbatti jechuun diinaaf human ta’uudha. Yeroo laachuudha. Kun ammoo shakkii tokko malee, akka inni nu irra deemuuf hayyamuudha. Kana gadi fageessinee hubannee wareegama har’aa kunuunfachaa isa caaluuf qophaa’uun barbaachisaadhaa jedheen amana. Gabrummaatti xumura tolchuuf, diina dursanii argamuun barbaachisaadha. miila tokkon gabrummaa keessa dhaabbatanii, miila tokkon Bilisummaa keessa dhaabbachuun gonkumaa hin danda’amu. Gabrummaa awwaaluuf, awwaalcha isaa gadi fageessuun murteessaadha. Biyye irra dibanii deemuun Bilisummaa hin gonfachiisu. Bilisummaa bulee boora’uu tolfachuudha. Kanaaf akka yaadaa fi ilaalcha kiyyaatti yaadoota raawwatamuu qaban tokko tokkoo kaasee hegaree keenya bareechuu yaadeeraa na ofkalchaa! haala yeroo ammaa kana waliin yaada gadi fageenyaa kaasuun ni danda’ama . garuu kan ammaaf nu ta’uu qofaan kaasa.

Wayyaaneen akka mootummaatti jiraachuuf murteessaan jabiina ishee osoo hin taanee, laafina Kenya qofaa barbaadu. Lubbuu dheerachuu fi gabaabbachuun wayyaanee, harka OROMOO keessa jira. haalli kun waggaa 10n dura ta’uu hin danda’uu. Waggaa 5 duras hin ta’u. jabiinni Oromoo har’a arginus osoo waggaa ammanaa dura akkas ta’ee jennee dubbachuu hin dandeenyu. Namoonni waa hedduu dubbatu. Waa hedduu tilmaamu. Tilmaamni fi ibisi isaanii garuu, waana amma ta’aa jiru achi butuu ykn dhiheessuu hin danda’u. Waan har’a ta’aa jiru yerooma isaatu geenyaan ta’aa jira. Waan Oromoon har’a murteeffate kana raawwachuuf guyyaan isaa har’uma qofa. Qalbiin har’aa waggaa 10n dura jiraachuu hin danda’u. tokkummaan har’aa borittis dabruu hin danda’u. waggaa 10 dura atu ta’ee jennee hawwuus hin dandeenyu. Sadarkaa irra jirrutu kana uume.Oromoon waggaa 20 dura waraana 500,000 osoo qabaatee, bilisummaa goonfata jennee amanna taanaan dogoggorre jirra. Waggaa 20 dura Ummataa fi dhaloota qawwee isaaf jedhamee dhuka’uu kan baqatu ture. inni har’aa garuu kan ofiin dhukaasuudha. Kanaaf wayyaaneen kana ijaan argitee waan jirtuuf, keessi ishee isa akka miidiyaa irratti ittiin of dhiiteessituu miti. keessi ishee burkutaa’ee jira. Wayyaaneen Siyaasa Ummata addunyaas ittin gawwamsitu fixattee jirti.. Oromoon ammoo gaaffiin koo deebii hin argannee jedhee iyyaa turee fi shira wayyaanootaan ukkaanfamaa ture, waan ittiin ukkaamamee ciree ba’ee EU seenee jira. Senaataroota Ameerikaaf Ajandaa ta’eera. Kanaaf wayyaaneen ol kaatee gadi deebi’aa jirti. Nuuti ammoo gadi jechaa kan turree ol ka’aa jirra. Seerri umamaa kanatti yeroo dabalamuu bu’aa maalii akka fidu walitti himuun barbaachisaa miti.

WAYYAANEEN SIYAASI ISHEE FASHALEE JIRA:-

wayyaaneen yeroo mootummaa ta’uuf warra dhihaan marii gaggeessaa turtee fi ABOtti karaa cufaa turtee waadaan seenaa turtee lakkoofsa qabaatu baatuus, waa sadiin biyyee nyaattee jirti .

  1. Biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti kana booda sagaleen dhukaasaa hin dhaga’amuu, gaaffiin Ummatootaa deebii ni argataa,
  2. Ummatoonni Biyyatti kana booda gargaarsa jalaa ba’anii, Biyya Dinagdeen of dandeessu taatii, beelli guutummaatti bade, of irra dabarree warra beela’ee daara baafnaa,
  3. Lammiileen Biyyattii kana booda kan Biyyattii keessaa baqatan osoo hin taanee, kan waggoota dheeraaf Biyyaa baqatan kan itti deebi’an taatii,
  4. Akka 4ffaati dabalamuu kan danda’uu, Biyyoota Afriikaaf fakkeenya taanee, madda nageenyaa, madda beekumsaa fi qaroomiinaa taanaa jedhame hundumti isaa qabatamaatti jalaa fashalee jira. Kana dhugeessuuf ragaan tokkolee hin barbaachisu. Kun fashaluu isaa kan mirkaneessu, warri waadaa seenteefii turte har’a ifatti ishee sardaa jiraachuudha.

MAQAA GOOLESSUMMAAN SHIRRI WAYYAANEE XUMURAMEE JIRA:-

Ilmaan Oromoo wareegama hanga har’atti, addatti yeroo ammaa kafalaa jiraniin, Maqaa Goolessummaan Gaaffiilee Ummatootaa Ukkaamsuuf yaalaa turtee xumuramee jira. Wayyaaneen, dhaabbilee Siyaasaa ishee dura dhaabbatan ykn gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa Ummata isaanii kaasan, warri dhihaa fi Ameerikaan maqaa goolessummaan bara baraaf balleessuuf waltajjii irratti dhiheessaa turte irratti, har’a ofii gaafatamuu eegaluun ishee, xumura siyaasa ishee mirkaneessa.ABOn gaaffii Ummata Oromoo osoo hin taanee, kan namoota muraasaa kaasaa jiraa, ajandaa Biyya diiguu of duubaa qabaa jettee kan iafaajjaa turtee, har’a gaaffiin isaa kan Ummata OROMOO ta’uu isaa dhalooti har’aa wareegama ulfaaataa kafalee mirkaneessee jira. Faranjoonni kana booda kan yaadan, dhibeen biyya Sanaa wayyaanee ta’uu qofaadha. Ummati Oromoo dhiiga ijoolleen isaa dhangalaasaa jiraniin kan dhugeeffatee jiru, Mirga isaa deeffachuuf sochii taasisuu fi diina of irraa ittisuuf tarkaanfiin fudhatu kamuu, Gooleessummaatti kan isa hin ramachiifne ta’uu qofaadha. badii Biyya sana keessatti dhalatuuf kan itti gaafatamu har’a abbaa godhateera. Kun ammoo wareegam qaalii ijoolleen Oromoo kafalaa jirtuun mirkanaa’ee. Seenaa dubbachuu fi sabboonummaa ofii himachuun qofaan miti. wareegama lubbuudhaan dhhugoome. .

ADEEMSI DIPPILOMAASII WAYYAANEE DHUMATEERA:-

Wayyaaneen sochiilee Ummatootaa kanaan dura sababaa adda addaa uumuudhaan dura dhaabbachuu fi kijibuudhaan hojiilee dippilomaasii hedduu hojjachaa turte. Hiriira mormii adda addaa jala deemtootaan qopheessuudhaan, gaaffii warra haqaaf dhaabbatanii haguugaa jiraatte. Dhaabbileen siyaasaa Biyyoota alaa keessatti dhageetti akka hin qabaanneef, maallaqaanis haa ta’uu shira adda addaan, karaa itti cufaa baate. Kun hundi har’a dhumateera. Balballi dhaabbilee mormitootaa fi sagalee Ummatootaa irratti cufamee ture har’a banamee jira. Ajjeechaa fi hidhaan akkasumas reebichi ijoollee irratti, Ummatoota irratti raawwatamu har’a saatalaayitaan waraabamee wayyaaneen akka afaan qabattu taasifamee jira. Gargaarsi karaa dippilomaasii argamu hundumtuu shakkii keessa galee gabaasaan kijibaa ifatti ba’ee jira. Dhiigaa fi sochiin hawaasa OROMOO Biyya alaa har’aa gurra dhaggeeffatuu fi Biyya isa simatu argataa jira. Kanaaf wayyaaneen gama kanaan kasaaraan irra ga’ee danuudha.

WAYYAANEEN SABOOTA BIRATTI MAAL TA’UUF JIRTI?

Saboonni Biyya Itoophiyaa wayyaaneen sobanii jiru. wayyaaneen Dorsifamaniiru. Oromoon Biyya isaa dhuunfannaan isin liqimsaa jettee waggoota 20 oliif gawwaaffatteetti. Waadaan seenameef hafee, waadaa habjuun beela’anii dheebotaniiru. Jireenya wabii hin qabneen mankaraaraniiru. Kun hundi har’a xumuramee jira. Siyaasi ishee guutummaatti fudhatama dhabeera. Ummatoonni habjuu wayyaanee waggaa 5,5n lakkaa’amuu dhiisanii isa waggaa 30 fi 50 tilmaamanii kan isaan baasu fi dhaloota isaaniif tolu yaaduu eegalaniiru. Hammeenya OROMO irratti raawwattu kun bor isaaniif akka taa’uu hubataniiru. Kanaaf hegaree isaanii tolfataa jiran . kun wayyaaneef balaa guddaadha. Sadarkaa kana irra geenyaan saboonni kun Oromoof humna dabalataa akka ta’an hin shakkiitu. Saboonni kun gama hundaanuu Oromoon walitti bu’uun maal akka ta’ee akka dansaatti hubatanii jiru. gaaffii fi fedhiin oromoo maal akka ta’ee tolchanii beekaniiru. Beeku irra dabranii gaaffii Oromoo kun dhugaa ta’uu itti himuu eegalaniiru. Shirri maqaa daangaa Oromiyaa waliin qabaniin hojjachaa jirtuu gutummaatti bishaan dhugee jira.Kun ammoo, umurii wayyaaneef kan xumuraati jechuudha. Yaadi wayyaanee saboota of bira hiriirsitee Oromoo cabsuuf yaaddee gutummaatti burkutaa’ee jira. Siyaasi gama kanaan eeggatu xumurateera.

WAYYAANEE FI, HUMNA TIKAA, POLISII FI WARAANAA:-

Wayyaaneen jireenyi ishee miidiyaa irra qofa ta’ee jira. Badiin hojjattu hundi ammoo hegaree wayyaaneef akka hin tollee isaanuu beekanii jiru. humnoonni Biyya keessaa hajajamuu diduu fi Ummataaf loogu irraa, humna aga’aazii fi Waraana Somaaliyaa buqqisanii ijoollee irratti bobbaasuun, keessa wayyaanee kan ifa baasuudha. Waraanni har’a jiru ilmaan sabaa keessaa ijaarame. Irra keessa malee, kan qawwee baatee jiru, ilmaan sabootaati . akkuma isheen humna namaa diigduu, kan humna ishee diiguu fi kan isaa keessatti iajaaru ni jira. Humni kun waan Biyya keessatti ta’aa jiru, Biyya inni eeguuf lubbu isaa kennaa jiru, sirni inni lubbu isaa kennee jiru, maatii isaa maal gochaa akka jiru ifatti argaa fi dhaga’aa jira. Fincilli har’aa kun sirri ta’uu warra dubbachuu danda’an irra ga’uu wayyaaneen argitee jirti. Kanaaf waraanni kun gaaf tokko gara UMMATAA akka goru haqa ta’eera. Humna polisaa fi tikaa hanga dhumaattu sirna jiru waliin yoo ta’an, humna Ummataa jala hin dhaabbatan. Yoo waan hamaan dhufee, Hunda dura kan sirnicha ganee manatti galu isaanii. Maaliif jennaan shirootaa fi hammeenya hojjatan ni beekan. Kanaaf wayyaaneen gama hundaan dhiphuu fi waan qabduu fi dhiisuu keessa jirti. Kan ijoollee waggaa 7 rasaasaan ajjeesisuu fi barattoota kaaraateen akka dhahan taasisu abdii kutannaa kasaaraa kana irraa madduudha.

QABXIILEEN KANNEEN WAYYAANEE KEESSATTI MAAL UUMAN? UMMATA TIGIRAAYI KEESSATTOO?

Sochiin Oromoo guddachaa dhufuu irraa sodaan wayyaanee keessatti uumee, guyyu mul’ataa jira. Addatti saba Tigiraayi keessatti uumaa jiru ammoo akka malee guddaadha. Warri waggoota muraasa dura adeemsi wayyaanee kun deemee deemee saba Tigiraayi balaaf saaxila jechaa turan balbala isaanii ga’uu himaa jiran. Akka dhaga’amaa jirutti akka saditti jiran.

  1. Warri Angoo irra jiran kan yaadan,
  2. Warra durumaan adeemsi kun itti hin tollee fi ifatti qeeqaa jiran,
  3. Warra Dingdeen isaanii dachee Oromiyaa fi saboota biraa keessa ta’ee ykn warra duroomanii qabeenyaan isaa yaaddeessitu,
  4. Akka 4ffaatti kan ka’an, sabootuma keessatti guddataniif kanneen loogan. Wayyaaneen akkuma ummata Tigiraayiif falmee, saboonni biraas falmuu akka danda’anii fi dhageetti atu argatanii warra jedhan.

Yaadoonni kun saba sanaaf furmaata ni ta’uu? yoo jennee, deebiin isaa, yoo deebii quubsaa rgatan furmaata ni ta’uudha. Yaadoonni sadan duuba irra jiran bubbulee, yaada isa tokkoffaa irratti humna ta’uun waan hin hafne . oduun keessaa muliqaa jiran kana mirkaneessa. Hegareen isaanii yoo isaan yaaddeessee karaa qajeelaa argachuu danda’u. yaadi kun hundi furmaata isaa waliin isaan harka jira. Yoo duubatti deebi’uu Oromoo habjoochaa jiraatu ta’ee, kasaaraa isaanii bara baraa baadhatu. Jabaachuu Oromoo isa dhumaa hin eegnuu yoo jedhan ammoo, filannoon isaanii maal ta’uu akka qabu nu irraa eegu hin qaban. Kana irraa kan hubannuu, caalaatti jabaachuun akka nu barbaachisuudha. Maal keessa jiruu? isa jedhu ilaaluuf keessa isaanii ilaallee malee, isaan qajeelchuuf keessa isaanii ilaaluuf mirga itti hin qabnu. Waan ta’aa jiran irraa garuu jabiina keenya gilgaaluu ni dandeenya. Barreeffama koo har’aa kana irraa kaanee, maal gochuu qabna? akka dhaaba siyaasaatti, akka Hawaasaatti, akka miseensaatti, akka dhuunfaatti, akka beekaatti, akka ogeessaatti kkf jennee wal gorsuuf ammoo kutaa 2ffaatti walitti deebina.

——

Kutaa 2ffaa

Xumura Gabrummaa mirkaneessuuf, hojii wal irraa hin cinnee hojjachuu barbaada. Hojii wal irraa hin cinnee gaggeessuuf, ka’umsaa fi galii ofii beekuun murteessaa ta’a. har’a nuuti akka kaleessaa jalqaba irra hin jirru. Karaan irra imalaa dhufnee, eessatti akka nu baasu beeknee, galii keewwannee bira ga’uuf, waan dursa kennamuufii qabuuf dursa kenninee, adeemsa dargaggeessaan tarkaanfataa jirra. Tarkaanfiin Ummata keenyaa kun, akka kaleessaa tokkummaa malee hin milkaa’uu jennee xiinxala siyaasaaf olfachaa hin jirru. Kana boodas waa’ee tokkummaa hawwuu osoo hin taanee keessa jiraachuu eegalleerra. Namoonni addunyaa kana keessa baroota dheeraa jiraatanii, addunyaama keessa jiraatan yoo wallaalan, ofiti gadduu qaban malee, dadhabbii namaatti bishaan naquuf arreeduun beekumsa hin ta’uud.. Of ceepha’uu qaban. Addunyaa toftaa meeqaan wal mo’uuf shiroota meeqa wal irratti dalagduu keesssa taa’aanii, toftaama kaleessaa osoo eeganii kan umuriin fuutee baddee meeqa agarre. Har’a addunyaan adeemsa siyaasa ofii itti adeemsifatan tolfatanii tarkaanfataa jiran. Nuutis karaa nu baasuu fi waan duraa fi duuba gochuu qabnuun masakamnee deemuun keenya, ifatti waan beekamu ta’us, warri Siyaasa bifa barbaachiseen gaggeeffamaa jiru kana akkamiin keessa isaa wallaallee jedhanii dhiphachuu irraa, Ijoolleeen biyya keessaa ofumaa lafa qullaatti dhumtii … sagantaan hin jiru, kan isaan qajeelchu hin jiru … jedhanii yennaa dubbatan, hedduu nama qaaneessa. Umurii isaanii guddaa kanaan hojjachuu kan dadhaban, ijoolleen umurii qacaleetti hojjataa jiran. Kun dhugumatti kan qalbeeffateef dhaamsa guddaa baratamu of keessaa qaba.

Waan halagaan akka malee itti dhiphatee waan qabuu fi gadhiisu wallaalee, ijoollee akka baala mukaatti harcaasuu filmaata taasifatee jirutti kana dubbachuun Oromootaa nama gaddisiisa. Sochii Biyya keessaa fi alaa bifa mul’ataa fi kaayyoo mataa isaa qabaatee gaggeeffamu, bu’an isaas warra addunyaa of harkaa qaban booji’ee, wal ga’ii fi murtiilee hatattamaaf isaan dirqisiisaa jiraachuu odoo arginuu fi dhageenyu, dubbii dabeessummaa fi wallaalummaatti bobba’uun dhumni isaa salphachuudha. Namoota kanaaf barreeffama kiyya kutaa xumuraa keessatti “MARDOO” tokkon qabadhee dhihaadhaaf jedheen amana.

Barreeffama kiyya har’aatti odoo hin ceenee, “Ilamaan Oromoo ijoollee hanga maanguddootti, Biyya keessaa hanga Biyya alaatti, beekumsaa fi dandeetti isaaniitti dhimma ba’uun sochii fi wareegama Ilmaan Oromoo addunyaarratti dhageesisuu fi ijoollee cinaa dhaabbachuu keessan kanneen mirkaneessitan hundaaf waanan dhaamu yoo jiraatee, humna Umamaa fi sabummaa keenyatti fayyadamnee diina jilbeenfachiisuuf carraa fi sochiin isaa nu harka waan jiruuf, injifannoo dachaa galmeessifnee, dachee haadhaa fi abbaa keenyaa dhuunfachuuf halkanii fi guyyaa hojjachuu akka qabnuun dhaamu barbaada. Sochiin itti aanuu wayyaaneen ega gaaffii keenya hin dhageenye, deebii laachuufis qophii hin taanee, karaa nu baasu irra qajeeluuf mirga guutu itti qabna. Kana booda tarkaanfiin keenya goolessummaa dharaa wayyaaneen nu yakkasiisa osoo hin taanee, tarkaanfiin bifa kamiitu, mirga keenyaaf ta’uu addunyaan kan nu hubattu ta’a. Karaan dhiigaa fi lafee ijoollee keenyaan banannee kanaan ol seennee, waan nuuf malu raawwachuuf, Biyya keessaa fi alatti hojjachuun akka itti fufu, sochiin kun ammoo diina mitii lammii diinaaf riqicha ta’ee adabuu fi diinaaf qormaata ta’uu isaatti akka itti fufu yaadachiisaa, waan nu eeggatu hundumaaf akka of qopheessinuun gaafadhaa”

Barreeffami kiyya kutaa 1ffaa dhiigaa fi lafee ijoollee keenyaan injifannoo argannee kan akeekuudha. kutaan 2ffaa ammoo, injifannoo kana tikifachuu fi isa itti aanutti ce’uuf maaltu nu barbaachisaa isa jedhu irratti xiyyeeffata. Ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi alatti sochii Fincila Xumura Gabrummaa galmeessisaa jiran irratti wareegama ulfaataa kafalanii jiran. Waan dhiiga isaanii itti dhangalaasan kun, har’a seenaa siyaasaa Biyyatti miti, addunyaa keessattu addummaa isaan galmaa’ee, Injifannoo ol aanaa galmeessisuu irra ga’ee jira. Kana tikifatanii, karaa saaqamee jiru kanatti dhimma ba’uuf sochii gama hundaa akka nu barbaachisu beekuun barbaachisaadha. Oromoon, dhaaboota Siyaasaan osoo hin daangofnee sochiin itti jiru kana irra jabaatee itti fufu qaba. sadarkaan har’a irra jirru, dhimmi saba keenyaa miseensummaa dhaaboota siyaasaan ol ta’ee, bakka jirrutti, haala keessa jirrutti dhimma baanee Abbaa Biyyaa ta’uu akka dandeenyu nu akeekee jira. kutaa 1ffaa keessatti xiqqaa hanga guddaatti kafalaniin, waan mootummaa of tuulaa sana keessatti uumee jiru, mata duree itti aanan jalatti xuxuquu yaaleera. Yoo gadi fageenyaan ibsuu baatellee dhaamsa ga’aa ni qabaata. Har’a wal gorsaa hin jirru. Waan wal gorsaa turre xumurree, waliin hojjachuu irratti dubbachaa jirra. Kanaaf, irra keessa waan dubbatamee itti guuttachuu hin dagatiinaa. Kutaa 1ffaa keessatti:-

= WAYYAANEEN SIYAASI ISHEE FASHALEE JIRA

= MAQAA GOOLESSUMMAAN SHIRRI WAYYAANEE XUMURAMEE JIRA

= ADEEMSI DIPPILOMAASII WAYYAANEE DHUMATEERA

= WAYYAANEEN SABOOTA BIRATTI MAAL TA’UUF JIRTI?

= WAYYAANEE FI, HUMNA TIKAA, POLISII FI WARAANAA

= QABXIILEEN KANNEEN WAYYAANEE KEESSATTI MAAL UUMAN? UMMATA TIGIRAAYI KEESSATTOO? jedhee keessa wayyaanootaa ilaallee jirra.

Har’a hegaree keenya bareechuuf, waan dursinee hojjachuu qabnu danuudha. Sochiin Ummataa ega sadarkaa kana irra ga’ee, Qaamoonni Siyaasaas ta’uu Namoonni dhuunfaa, maqaa Oromoon dhaabbatan kamuu, dafanii sochii Ummataa kanaan of qixxeessuutu irraa egama malee, sochii jiru bakka jiranitti harkisuuf yaaluun irraa hin eegamu. waan dursanii irratti hojjachuu qaban dursanii irratti hojjachuu, sochii Ummataa kana waan gufachiisu ykn dhaabu maluu dursanii tilmaamanii fi irratti mari’atanii furmaata keewwachuu, waan nu eeggatu gamanumaa tilmaamamee furmaata waliin ta’uu fi yeroo isaatti waan barbaachisaa ta’ee saganteeffatanii waloon hojjachuu qaban., sochiin kun yoo jabaate illee jenne fala lammaffaa fi sadaffaa nuuf ta’uu lafa keewwannee, ulaa saqamu kamuu keessatti gargaaramuu fi Ummata ofii abbaa Biyyaa taasisuuf hojjachuun murteessaadha. Haala adda addaa irraa qabbanaa’uu ni mala. Toftaanis jijijjiiramuu mala. Isa booda kan deebi’ee ka’uu garuu, nuu fi Ilmaan Tigiraay giddutti kan dhumaa fi eenyullee jaarsummaan kaadhaabu hin taatu. Kanaaf qophiin nu barbaachisa.

Qabsoon Ummata kanaa kana booda duubatti kan deebi’uu miti. Namoonni siyaasaa keenya umurii guutuu waan itti dhama’anii fi Gootoonni keenya lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne kafalaniif ijaan agarree jirra. Sadarkaan kun tikifamuu isa barbaachisa. hojiin nu eeggatu, hojii dabooti. Daboo Oromoon waliif birmatu. Waan ABO irratti gannee dhiifnuu miti. waan miseensa ABO ta’aniif qofaa itti boonnu qofaas miti. yeroo hojiidhaan Gabrummaatti xumura goonee, Bilisummaa keenya mirkaneessuuf hojjannuudha. Yeroo itti Biyya keessaa fi alatti adda wal baafnee haasofnuu miti. yeroo waan of harkaa qabnuun, dandeetti fi beekumsa ofiin, qooda Oromummaa itti baanuudha. Kana ajajaan kan argannuu miti. qooduma yeroon nu gaafattuudha. Sochiilee saganteeffamanii fi hojjadhaa jedhamee hojjatanii lammii fi Biyya ofiif dhaabbachuu itti mirkaneessinuudha. Walumaa galatti, yeroo dhalli Oromoo tokko akka dhaabaatti hojjatuu fi dhaabni akka nama tokkotti hojjatuudha. Kana gadi fageenyaan itti amanuu nu barbaachisa. kanaaf, yaadoota armaan gadiif xiyyeeffannaa laachuun dansaadhaa jedheen mariif dhiheessa.

GAAFFIIN KEENYA HANGA EESSAATTI?

Qabsoon Oromoo Bifa gurmaa’iinaan ykn dhaabaan sochii ega eegalee, Kaayyoo qabsaa’amuuf hedduu dhageenye jirra. Gaaffiin kun kaleessa wal ga’ii Bosonaa fi haala dhoksaa keessaan dhiheeffamaa ture. har’a garuu Oromiyaa keessaa ba’ee, Addunyaa maraa wal ga’ee, Biyyoota Addunyaa keenya irraa mariif afeeraa jira. Gaaffii walabummaa nuuti gaafannu dantaa Biyyoota hedduu Itoophiyaa keessaa qabaniin ukkaanfamaa jiraate. Bilisummaan kaleessa ittiin kaanee, har’a Walabummaa Biyyaa fi Bilisummaa Ummataan sirreeffamee, warra dhihaa kana haalaan biri’achiisuus, har’a ajandaa wal ga’ii isaanii ta’eera. Kana booda maaltu ta’uuf deema? sochiin Oromoo jabaachaa deemuun waan atuma beekanii sodaatan gadi baasuuf jedhaa, akkamiin nutti dhihaachuuf deeman? gaaffiileen kkfn gadi fageenyaan ilaalamuu qaban.mee haala kana keessa gadi bu’ee dirree kana irratti kaasuus, Namoota siyaasaa fi beektoota keenyaaf, akkasumas dhalooti jiru qabsoon kun gadi fageenyi isaa hangam akka ta’ee fi imala fagoo kana milkeessuuf waa hundaa sadarkaa sadarkaan hojjachuu akka qabnuu yerootu nu akeeka. Har’a dirree siyaasaa irratti qofaa wal huunee yerooo itti wal qabnuu miti. dhalli oromoo ogummaa fi beekumsa isaan yeroo itti waliif birmatuudha.

Mootummoonni addunyaa addatti warri dhihaa Gaaffii Oromoo kana ukkaamsanii qabanii taa’uu isaanii kan dhugeessu, dubbiin kun kana irra caallaan badii hamaatu dhalachuuf taa’aa jedhanii, furmaata argamsiisuuf yaaluu socha’uu isaaniti. Ega balballi ykn waltajjiin ajandaa Oromoo dhaggeeffamtu saaqamtee, Namoota siyaasaa keenya, Beektoota keenya, Hayyoota keenya kkf bifa garagaraan haasofsiisuu fi maree eegaluun waan hin oollee. Dhimma OROMOO irratti ibsoota adda addaa fi marii adda addaa gaggeessuuf jiran. Yeroo fi haala kanatti dhimma ba’uun ammoo ga’ee keenyadha. Haa ta’uutii haalli keessa jiru kanaaf nu tolaa? beektoonni keenya akki itti jiran fi carraa argachuuf deemnu kanatti dhimma ba’uuf, akka marga gammoojji walirraa fagaatanii taa’aanii waan itti milkaa’aamu natti hin fakkaatu. Kanaaf muuxannoo Biyyoota Bilisoomanii guurraatanii karaa sana irra bu’anii dhimma ofii raawwachiisuuf deemuun barbaachisaadha.

Waggaa 25 dura yeroo chaartaraa san Oromiyaan itti amannee fudhannee kaartaa addunyaa irra jirti. Sun bor waan nutti fidu hin beeknu . garuu lafa Oromoo fi lammii Oromoo Naannoo biraatti makamee jiru sirri ta’uutti fudhannee turre. Har’a haalli kun kanumaan akka dhumatutti gaaffiin yoo nuuf dhihaate akkam goona? har’a gaaffii Magaalaa Finfinneen sochiilee hedduu gaggeeffannee jirra. Maastar pilaaniinis dhufee Ummata keenya daangaa hanga daangaatti waliif birmachiisee jira. Gaaffiin kun balbala addunyaas baneera. Yeroo kanatti dhaabbannee yaadu kan qabnuu, lafa Oromoo fi ummata oromoo dabarsinee laannee yaadachuudhaan, gaaffii Finfinnee irra tarkaanfannee, gaaffii Ummata keenya nurraa citanii jiran dabalannee, balaan Faranjoonni sodaatan sun daran akka jabaatu taasiisuun fardii ta’a. har’a gaaffiin keenya wayyaanee irra dabree addunyaa keessa seeneera. Akka Biyyaatti dhihaanna taanaan ammoo, Biyya guutuu taate beeksifachuutu dansaadha. Addunyaaf har’a deebii quubsaa laachuu qabna. Adeemsa Dippilomaasii kana irratti wal gargaaruu fi wal qajeelchuu qabna. Ogummaa kiyyaan isin gargaaruun barbaada jedhanii waliif birmachuu qabna. Kana jechuun hojiin kun har’uma ka’amee kan hojjatamu ta’us, bakka deemnu waan beeknuuf, addunyaa gara deemnutti qajeelchuuf dursanii malaa fi shira ofii qopheeffachuun dansaadha. Gaaffiin keenya, Oromiyaa Raayyaa, Walloo, Dirree Dhawaa, Finfinnee, kkf akka dabalatu ammumaa beeksifachuun gaariidha. Daangaama amma jirtuun nuuf haa laafanii, isa booda humnaan deeffannaa jennaan of hiraarsaa jiraachuudha.kaayyoo warra olla keenya waliin tumsa dhaabbchuuf yadne illee fashalsuu ta’aa. Kaartaan Oromiyaa inni Sirriin gadhiifamuu qaba. dhaloota itti aanutti kennamuu qaba.Namoonni ykn beektoonni seeraa fi ogummaa sochii akkasii waliin jiran, ga’ee lammummaa isaanii ba’uuf ajaja ABO eeguu hin qaban . ijaaramanii ragaalee walitti qabachuun barbaachisaadha. gaaffiin keenya hanga kaartaa Oromiyaa waaqayyoo nu kennee bal’ataa of qopheessaa .

XUMURRI GABRUMMAA BILISUMMAADHA! ega jennee … XUMURRI BILISUMMAA MAALIIDHA?

Gaaffii kanaaf deebii quubsaa kennuu kan dandeenyu, hiikkaa Bilisummaa akka dansaatti yoo beekneedha. Walabummaan Dachee keenya irratti hundaa’a. Bilisummaan ammoo Ummata irratti.kana jechuun Oromiyaa keessa Bilisummaan jiraachuu jechuudha. Biyya ofii keessatti Bilisummaa qabaachuu jechuun Nageenya qabdutu, Bilisummaa malee si jechiisiisee wareegama si kafalsiisa. Egaa Bilisummaa Ummata keenyaa fi Walabummaa Biyya keenyaan duuba waan guddaatu jira. Nagaan jiraachuu . garuu haala kanaa fi keenya wal bira qabnee yennaa ilaalluu, hegaree keenyaaf hojii har’a jabeessinee hojjachuu qabnuutu jira. Teessoo lafa Biyya keenyaa Oromiyaa yennaa ilaalluu, dhuguma nuuti Bilisoomuun gaanfa Afriikaa irratti geeddarumsa Kaartaa addaa uumuun isaa waan hin hafneedha. Kaartaan haaraan kun Bilisummaa keenya mirkaneessu keenya irra taree Nagaan jiraachuu keenya dhugeessa. Haala keenya irraa kaanee garuu Bilisummaan booda kan jiru nageenya keenyaaf hojjachuun hojii hedduu hedduu nurraa eegamuudha. Waraana Miliyoona qabaanneef Oromiyaa qofaa diina irraa baafnee Nagaa argannaa jennee dubbii xumuraa taasifannaan, karaa irraa maqinee jirra.

Nageenya Oromiyaa walboomte kan mirkaneessu, Nageenya saboota Oromiyaa marsanii jiranii yoo mirkaneessinee fi qaama sochii keenyaa yoo taasifanneedha. Wayyaanee Oromiyaa keessaa qofaa dhiibnee baasuudhaan Bilisummaa dhugeeffannaan qoosaadha, wayyaanee naannoolee nu marsanii jiran keessaa baasuu fi mana isheettu akka lammaffaa hin kaanee taasiisuu irratti hojjachuun ta’a. kun har’umaa karaan isaa eegalamuus caalaatti jabaatanii hojjatamuu fi toftaalee gaggeeffamaa jiran waliin dhaabbatanii milkeessuun dirqama keenyadha. Dantaa keenyaaf taanaan wareegama barbaachisu kafallee, Naannoolee nu marsan keessatti nagaa waaraa argamsiisuun hedduu barbaachisaadha. kana gochuuf sochiin eegalamee jiraatus, dhalli OROMOO kamuu Ambaasaaddara Oromiyaa ta’ee firummaa kana jabeessuu fi wayyaanee qophixeessullee qaba. ulaa wareegama ijoollee keenyaan argame seennee gaafa haasofnuu yeroo hundaa of qophixessanii dhihaachuu irra, warra ollaaf illee dubbatanii dhageetti horachuu nu barbaachisa.

= Dhaabbilee siyaasaa keenya irraa maaltu eegama? Qeerroon sochii itti jiru jabeessuuf maal gochuu qaba? nuuti gaaffii keenya dhaga’aa jechaa jirra. Diinni ammoo Oromiyaa keessaa akka isa baafnuuf garaa nu jabeessaa jiraa qophii qabnaa? Kutaa 3ffaa keessatti ilaalla .

GALATOOMAA! HORAA BULAA!

* SEENAA Y.G(2005): burqaa430@gmail.com


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles