Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Colleagues eulogize Ob. Bekele Mekonnen Wessenu as a great fighter for Oromo rights

$
0
0
Long-time activist for Oromo rights and a founding member of the Macha-Tulama Association Ob. Bekele Mekonnen Wessenu passed away over the weekend in London (Jan. 24, 2016)

Long-time activist for Oromo rights and a founding member of the Macha-Tulama Association Ob. Bekele Mekonnen Wessenu passed away over the weekend in London (Jan. 24, 2016)

—-

From Ob. Ibsaa Guutama (via Gubirmans.com) …

Nagaa isa Dhumaa Baqqalaa Makonniniif Dhaamu

Baqqalaa Makonnin qaamaan nama bareedaa fulli ifaa yeroo hunda nama arguu gammaduu, arjaa fi of kennaa ture. Kun nama hin beekneef himuuf malee kan beekaniif kana caalaa tahuu saa waliin beekna. Miirri Baqqalaa, murannoo fi dudhammi kaayyoo saba saatiif qabu akkuma qaama hafee hin qabu. Baqqalaa Makonnin yeroo yaadannu ilama Warra Abbaafardaa tahu saa irra dabarree abba saa gooticha Oromoo, Makonnin Wasanuu fi qabsoo saba Oromoo yaadanna. Baqqalaan dardara haa turu malee abbooliima saa waliin Waldaa Maccaa fi Tuulama (WMT) ijaaruu fi wareegama guddaa baasuutt beekama. Baqqalaan dabaankufoota Oromoo Taddasaa Birruu, Maammoo Mazamirii, Sayifuu Tasammaa, Lammeessaa Boruu fi Abboolii WMT waliin gidiraa qabsoo hadhooftuu nama dhandhamate. Baqqalaan nama qaabannoo gaarii qabu, seenaa fi cunqurfama Oromoos tooraan kan yaadatu ture.

Baqqalaan bara Mootummaa Cehumsaa 1992 ummata ijaaruu fi dammaqsuutt qoodi inni fudhate dabbaloota ABO hundaan beekamaa dha. Akka ijoollee diinaan salphifamuu, kaayyoo ummata saa bakaan gahuuf qabsoo godhame keessatt hanga du’a saatt hin qollifanne. Roorroon diinaa sabboonota Oromoo lakkofsi hin beekamne biyyaa baaseera. Baqqalaan akka gaaf tokko biyya saa jaallatutt deebi’u abdii utuu hin kutatin qabsaawaa ture. Ummati Oromoo fi jaallawwan saa qabsoo, utuu mararfatanii dhukuba humnaa ol tahen raawwachuu saatiif manguddicha qabsoo bilisummaa saanii kana gaggeessaa jiru. Baqqalaan akkuma abbaa saa utuu diina jala hin kurkurin jannummaan obbaafate.

Jaalbiyyaan Oromoo, Baqqalaa Makonnin hardha hirree saa haa boraafatu malee fakkeenyi inni dhaloota ittaanuuf dhiisee darbe barabaraan yaadatama jiraata. Yeroo ijoolleen Oromoo kaatee lafa raasaa jirtu kanatt bakka qabsoon inni eegale geese utuu hin argin dadhabuun saa kan isa beeknu hunda dhukkuba garaa nutt tahee hafa. Haa tahu malee Baqqalaan hin dune ijoollee kana keessaan jiraataa. Baqqalaan kan warra saa qofa mitii, kan Oromiyaa hundaatii. Egaa Obboo Baqqalaa, utuu hin fedhin waldhabne, utuu nagaa walitt hin dhaamin deemtee, hin dhufta jennee karaa ilaaluunis hin hafe. Nagaatt egaa jaala koo. Firoota fi jaallewwan saa hundaan haa jabaannu jenna. Lubbuun saa qabanna haa ciistu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; bilisummaa, walqixxummaa fi balchummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri sabichaa fi Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Amajjii 2016

—-

From Ob. Tesfaye Kenna

Birilleetu cabe, daadhiitu dhangala’e!

Gomboo kuusaa cuuphataa, yaa nama gaafa qaanii olkeewwata baaltetaa
Biqilaa dirree waajjuu, migira warra Salaalee
Oromticha Tuulamaa, Wasiila waarra Maccaa
Qabeenya isa Booranaaf, abdii dha Bareentummaaf
Hin sarmuu ilma gootaa, falmaa mirga dhalootaa
Bareeddicha akka cirri, mul’ataa tuuta keessaa
Sanyii fiixaa namaa, gooftaa amma maqaa gahu
Baqqalaa ilma Mokee nama waan himaniif qabu
Haftee hundeessota qabsoo, dhikima seenaa himu
Booqaa lammii keessaa, yaa guddicha akka Tulluu
Sibbiila gaafa xiiqii, abdii gaafa rakkinaa
Babal’aa damee odaa, gaaddisa qabsaayotaa
Buqqisaa akka ulee gajjaa, xoolagaa arcummee uulmaa
Guddisa Taaddee Birruu, yaa Wasanuuf akaakoo
Hin bannee akkam taanaree yaa abdii gaafa rakkoo
Warqii ibiddaan bahe, jabaa yaa sibila koo
Siqabaa man Tuulamaa, lakkaawwata lammii koo
Finceessisaa baalagee, jabaa diina hunkuru
Diina hunkuruuf malee, du’aaf jabaan hin jiruu
Baqqalaa nama lafee lammiirraa roorroo, dhoowwuuf, ojjate maaltu itti hafe
Goota roorroon hin moone, Baqqalaa ya qomoo koo
Maal raajii maaltu ta’e, buttuu maaltu sibute?
Kalee dheengadda mitii, miidiyaan keenya guddaan,
Hundeefama bu’uraa, calqaba hundee qabsoo,
Seenaa Maccaa-Tuulamaa, sagalee keetiin baasee,
Kan gurra keenyaan ga’e?
amma naaf galte dubbiin, wannattii qaanii hin beekne,
Kan gootaaf sodaa hin qabne, du’atu addaan nubaasee
Asirraa galli hin jiruu, kanuma dhumni namaa
Fooniin sidhabne malee, seenaan kee lammii boonse,
Tasallee hin dagatamuu, bara baraan himamaa
Fooniin sidhabne malee, seenaan kee lammii boonse,
Tasallee hin dagatamuu, bara barbaraan himamaa

Nagaatti

Tesfaye Kenna
Amajjii 24, 2016


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles