ABO …
—–
Xalayaa Waamicha Ulfina Tokkummaa Qabsa’ota Oromoo
Qabsoo ummata Oromoo galii isaan gahuuf anqinoota mooraa keenya mudatanii jiran keessaa, inni guddaan tokkummaa dhabiinsa qabsa’otaa ti. Rakkoo kana kan dhalche sababootiin eddu jiraatanis inni guddaan garuu wal danda’anii ilaa fi ilaameedhan maria’achuuf qophii tahuu dhabuu dha. Kun ammam akka mooraa qabsoo Oromoo miidhee fi qabsa’ota amilee cabse hundi keenya wal qixa beekna. Ammas aadaa wal irraa dheenfuu fi waliin mari’annee dheebuu bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuu irraa dhilboofnaan ykn qoollifannaan ammas diina keenya of irratti goobsuu taati. Wajjin mari’achuu dhabuu irraa kan madde rakkoo akka salphaatti fala itti argachuu dandeenyu qancarsinee jirra. Adeemsi akkanaa kun kana booda mooraa Oromoo keessatti seenaa ta’ee afuu qaba. Haalli amma keessa jirru isa gara fuunduraa fi egeree qabsoo sabaaf akka yaannu nu dirqisiisa.
Haala kaleessa turee fi garaaragummaa keenya yeroo itti faarsaa fi isa babaldhisaa deemnu miti. Dhiigdii fi lafeen ilmaan Oromiyaa yeroo ammaa wayyaaneen dhanga’aa fi caccabaa jiru jaarmiyaaleen Oromoo tokko ta’uuf alduree yeroo waliif tarreessinu miti. Dhugaa dubbachuuf dargaggoon Oromiyaa dachee Oromiyaa keessatti falmatti jiran, yeroo jaarmiyaaleen Oromiyaa garaagarummaa xixiqqoo qabnu furachuu dadhabnee jirrutti qabsoo sabaa ofitti fuudhanii gaggeessaa jiru. Kun barumsa gahaa nuuf ta’uu qaba. Addi Bilisummaa Oromoo yeroo gara garaa mooraan qabsa’otaa akka jabaatuu waamicha gara garaa taasisaa ture. Waamicha ABOn taasisaa turee fi ilmaan Oromiyaa mara irra dedeb’anii dhaammachaa turan fudhachuudhaan jaarmiyaaleen siyaasaa eddu tokkummaa ummannee jirra. Haata’u malee ammas dhaabbileen siyaasaa waamicha tokkummaa mooraa qabsa’otaaf owwaachuu didduudhaan ykn lafa irra arkisuudhaan, haala adeemsa qabsoo harkifachiisu keessaa bahuudhaan akka ammas mooraa tokkummaa qabsa’otaa wajjin gabbifnu irra deebinee waamcha goona. Akka adda bilisummaa Oromoo ti waamicha tokkummaa kana dhaabbilee siyaasaa maqaa Oromoo qaban hundaaf ergamee ture. Warra waamicha ilmaan Oromoof owwaatan galateeffachaa ammas dhaabbilee siyaasaa tokkummaa mooraa qabsa’otaa dadaffiin hojiirra oolchuuf harkifachaa jiran xalayaa banaa kananaan ammas irra deebinee waamcha Oromummaa isiniif goona goona. Dhuma irratti caasaan hawaasaa, jaarsolii fi beektotiin Oromoo jaarmiyaa siyaasaa tokkummaaf abboomamuu irraa qoollifatan irratti dhiibbaa gochuun akka mooraan qabsa’otaa jabeetee qabsoon bilisummaa fi abbbaan biyyummaa Oromiyaa dhugoomuf dhiibbaa akka irratti gootan gaafanna. Carraadhuma kanaan Addi Bilisummaa Oromoo tokkummaa jaarmiyaalee Oromoo dhugoomsuuf alduree tokko malee kan hojannu ta’uu keenya dhugoomsa. Waamicha ilmaan Oromoof owwaachuudhaan jaarmiyaaleen Oromoo afur tokkummaa ummannee jirru ammas irra deebinee jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo tokkummaa kana keessatti hin hirmaanneef irra deebinee waamcha goona.
Adda Bilisummaa Oromoo
Injfannoon ummata Oromoof
====
Contact Email: abosperson@gmail.com
Tel. 651-808-8774
http://www.oromo-liberationfront.org