Ibsa ABO fi IBSO ….
—-
Muddee 26, 2015
Tokkummaa Mooraa Qabsoo fi Qabsa’otaa Jabeessuuf Labsa Walii-galtee ABO fi IBSO
Waamicha ummati Oromoo jaarmiyaalee siyaasaa Oromoof taasisaa turee fi jiru ka’umsa taasifachuun, qabsoo Oromoo gara fuuladuraatti tarkanfachiisuuf, tokkummaan jaarmiyaa Oromoo murteessaa ta’uun isaa ifaadha. Kanumaaf jecha ABO (Jaarmiyaalee Oromoo Arfan Tokkooman) fi IBSO marii baldhaa fi bilchaataa eega taasisanii booda, murtee seena qabeessa irra geenyee jirra. Bifuma Kanaan, akka jaarmiyaa siyaasaatti qophaa qophaa deemuu irra hirree tokkummaan, diina keenya falmannee bilisummaa Oromoo milkeessuu fi biyya keenya Oromiyaa ijaarrachuuf, adda tokko huumnee, sagantaa jaarmoleewwan lameenuu jiddu galeessa ta’e baafannee waliin wajjin ojjachuun bilisummaa uummata keenya mirkaneesuuf qabxiiwwan kanaan gaddi irratti walii-galleerra.
– Mirga saba biraa otoo hin tuqiin biyya Oromoo, Oromiyaa ijaarachuu fi bilisummaa Saba Oromoo dhugoomsuu akka dandeenyu, kanaafis akka qabsoofnuu; mala tarsiimoo fi toftaa galma gahiinsa kanaaf waadaa waloo masakama chaartara keenyaa ta’a;
– Masakamni keenya sirna dimokraasii fi dandeettii qabsoo sabaa tarkaanfachiisuu danda’uu irratti kan hutubamu ta’a;
– Giddu-galli qabsoo keenyaa, Oromoo humneessuu (hidhachiisuu, dammaqsuu, dirree qabsoo dachee Oromiyaa keessatti gadi dhaabuu fi waraana bilisummaa Oromiyaa jabeessinee ijaaruu dha;
– Qabxiilee kanaa olitti tuqaman dhugoomsuuf ijaarsa Waraana Bilisummaa Oromiyaa, hojii dippilomaasii fi dinagdee qabsoof malu karoora waloon kan hoogganamu akka ta’u gochuuf waliigallee jirra;
– Dhaabbilee siyaasaa Oromoo qaama tokkummaa kana keessatti hin hirmaanne ammas humna tokkoon akka mooraa tokkummaa qabsa’otaatti makaman jajabeessinee waamicha goona.
Hunda dura, abbaa qabsoo kan taate uummatni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan, qabsoo bara dheeraaf haarsaan guddaan itti kaffalame galmaan gahuuf carraaqaa turtan, qabsoo bilisummaa jabeessuuf hirmaannaa roga hundaa akka gootan waamicha isiinii goona. Keessumaa dhaloonni harawaan itti gaafatama seenaa sirra jiru bahuuf akkuma yeroo ammaa haarsaa qaqalii kaffaluudhaan xurree goototi kaleessaa saaqan galmaan gahuuf, ijaarsa bifa hundaa keessatti hirmaachuu fi caasessuun akka Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin geessu waamicha addaa siif goona. Qabsoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa dhugoomsuuf dhaabni kee IBSO fi ABOn bifa harawaan hooggansa qabsoon gaafatu kennuuf qophii ta’uu isaa siif dhugoomsa.
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo bifa gara garaan ijaaramtanii Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessaa jirtan, yeroo kamuu caala tokkummaan qabsa’otaa murteessaa ta’ee jira. Kanaaf jecha, qabsoo Oromoo galii isaan gahuuf walirratti xiyyeefachuun dhiifamee akka diina keenya waloo humna taanee irra aannu waamicha goona.
Ilmaan Oromoo beekas ta’ee, otoo hin beekiin, sirna cunqursaa Wayyaanee tajaajilaa jirtan itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf jecha, diinaaf tumsa taatanii jirtan keessaa baatanii, akka mooraa qabsoo Oromiyaati dabalamtan waamicha Oromummaa isiniif taasifna. Waamicha ilmaan Oromoo isiniif godhaa jiru dhagahuu yoo diddaan, badii irratti badii dabalachaa kan deemtan yoo ta’e, bifa kamiinuu murtii uummata Oromoo jalaa kan hin miliqine ta’uu keessan akka beektan isin hubachiifna. Kanaaf jecha, yeroon otoo hin darbiin akka mooraa qabsoo Oromoo keessatti qooda fudhatan waamicha isiniif taasifna.
Injifannoon kan Ummata Oromooti!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
abosperson@gmail.com
Ijaarsa Bilisummaa Saba Oromoo (IBSO)
Ibso.oplo@yahoo.com