Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Baarentuu Gadaa:- Ummanni Keenya Karaa Adda Addaan Dhumaa Jira!

$
0
0

Baarentuu Gadaa irraa*

Erga guyyaatti 3 ol nyaanna jedhamee Wayyaaneedhaan hololamu eegalee waggoottan 24 darbaniiru. Muummicha ministeeraa Wayyaanee kan ture Mallas Zeenaawi irraa eegalee hanga ergamticha har’aa H/ Maariyaam Dassaalanyitti guddinarratti guddinni ida’amee, parsantii 11 oliin gudataa jirra jedhamee afarfamaa tureera. Guddinnii fi dhaadannoon waggoottan 24 darbaniif hololamaa ture garuu kunoo dhadhaa abidda bu’e ta’ee hafe. Guddinni gaafa afaan qawweetiin haangottii dhufan irraa eegalanii hololaa turan as buuteen isaa dhabamee ummattoonni biyyattii beelaan mankaraaraa jiru. Impaayeera Itiyoopiyaa keessatti beellii fi gadadaoon babalatee namni miliyoona 15 ol ta’u kan afaaniin qabatee bulu hin qabu. Inni guyyaatti 3 fi sanaa ol nyaata jedhame takkaa dhabee beelaa fi dheebuun harcahaa jira.

Dhugaadha miseensoonni Wayyaanee fi lukkeeleen sirnichaa saamicha fi malaanmaltummaa afaan qawweetiin gaggeessaniin quufanii bulaa jiru. Duroomanii midhaan filatanii nyaatu, wuskii bakka dhaqanitti dhangalaasu, ciree Finfinneetti yoo nyaatan dhayanni isaanii Awuroopaa ta’uu danda’a. Abbaa fooqii hedduutii, makiinaa akka kaalsii miilaatti guyyaa guyyaan jijjiirratu. Warshaaleen biyyattii keessa jiran kan isaaniti. Ummattoonni cunqursaa fi saamicha sirnichaa jala jiran miliyoona 15ni olitti tilmaaman garuu beelaan harcahaa jiru. Qayee fi qabeenyarraa buqqawaa jiru. Biyyaa baqatanii gammoojjii biyya ormaa fi galaanatti dhumaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee mootummaa gama hedduun ummattoota Impaayeera Itiyoopiyaa keessa jiran, keessumaawuu ummata Oromoo addatti irratti xiyyeeffatee fixaa jiruu dha. Murni saamichaaf umame kun gama tokkoon nama mirga isaa fi lammii isaatiif falme; barattoota qalama malee harkaa hin qabnee dabalatee, sabboontoota rasaasaan karaarratti fixaa jira. Kaan mana hidhaatti guuree, kaan ammoo qayee fi qabeenyarraa buqqisee, carraa hojii fi barnootaa dhorkatee mankaraarsaa jira, biyya dhablee taasisuun kan biyyaa baqachiisee gammoojjii, galaanaa fi kaampii baqattaatti fixes manni haa lakkaawu. Haacaaluu ammoo kunoo amma nama miliyoona 15 ol beeleessee kadhaa fi du’aaf saaxilee jira. Walumaa galattii ummattoonni biyyattii keessumaa Oromoon beelaan, baqaan, rasaasaan, hidhaan goolamaa fi dhumaa jira jechuutu hundarra salphata.

Murni Wayyaanee karaa adda addaan beela nama mil 15 ol miidhaa jiru kana dhoksuuf yaaluus, yeroo kaan ammoo lakkoofsa isaa gadi buusee himuuf carraaqus namni dhumaa, abdiin qotee bulaa fi horsiisee bulaa beeladoonni karraan harcahaa jiru. Akka BBC fi AL-JAZIRA dabalatee miidiyaaleen idil addunyaa hedduu fi dhaabooleen gargaarsaa adda addaa yeroo ammaa kana ifa taasisaa jiranitti Impaayeera Itiyoopiyaa Wayyaaneedhaan bulaa jirtu keessatti beelli namoota mili. 15 ol, kan irra jiraan isaa saba Oromoo ta’e akka malee hubaa, lubbuu baasaa jira.

Ummanni Oromoo ummata dachee gabbattuu, lafa sa’aa namaa tolu qabuudha. Lafti isaa qonnaaf, horsiisa looniin beekamaa dha, albuudoota adda addaan badhaadhaa dha. Qabeenyi har’a Wayyaaneen qawwee ittiin bitattee ummata keenya fixxuun, fooqii ijaartee ittiin sooramtuun, qabeenyuma dachee Oromoorraa saamichaan argamee dha. Oromoon abbaan biyyaa garuu bahaa- lixatti kaabaa- kibbatti beelaaf saaxilamaa, baqachiifamaa fi biyya dhablee taasifamaa jira.

Beelli yeroo ammaa kana Impaayeera Itiyoopiyaa muudatee sa’aa nama fixaa jiru kun, harki guddaan isaa biyya Oromoo Oromiyaa keessatti balaa gurguddaa dhaqqabsiisaa jira. Wayyaaneen osoo beelli hin jiru, booda ammoo namni beela’e xiqqaadha jettuu Harargeen bahaa- lixatti, rakkoo guddaaf saaxilamee jira. Baalee, Arsii lixaatti Onooti Sulula Riifti Vaalii kessa jiran, Shawaa bahaa Ona Boosatii fi, Karrayyuu keessatti, Boorana Gujii fi Walloottii guutummaa guutuutti beelli hammaatee guyyaa guyyaan namni du’aa oola. Beeladoonni akka bahaniin hafaa jiru.

Wayyaaneen akka dhugaan kun gadi hin baaneef dhoksaa turte, yookan xiyyeeffannoo osoo itti hin kenniin haftee jirti. Ammalleen osoo namni fulleettii dhumaa jiru, ifatti lakkoofsa dhugaa himuurra dhaaboolee fi miidiyaalee dhugaa jiru kana dubbatan abaaruu hojii godhattee jirti. Gabaasa BBCn dhiheesse osoo balaaleeffattuu fi soba jettuu, kanneen akka CCTV, AL-JAZIRAA, OMN, fi marsaaleen akka Ayyaantuu fi Gadaa jedhaman dhugaa jiru addunyaaf dhiheessaa jiru. Miidiyaan Wayyaanee kijiba odeessuuf dhaabbate garuu dhihee bari’u misoomni babal’achuu fi diinagdeen guddachuu lallaba. Ammamuu lallabus garuu Inni guyyaatti 3 ol nyaatama jedhamee maqaa misoomaa fi guddinaatiin waggoottan 24n darbaniif hololamaa ture soba ta’uun ifa ta’eera, ija addunyaa duratti saaxilameera. Sirnichi sirna sobaati, sirna sobaan ijaaramee sobaan jiraachaa jiruudha. Sirna ta’e jedhee ummata beelaan fixaa jiruu dha. Sirni Wayyaanee ummata Oromoof diina innikaa dha. Wayyaaneen murna Ummata Oromoorratti haloo qabattee beelassaa fi fixaa jirtuudha. Iddoo beelli kun itti hammaate Harargee, Baalee, Shawaa bahaa Onoota akka Karrayyuu fi Boosati, akkasumas Arsii lixaa, Boorana, Gujii fi Wallootti hatattamaan gargaarsa lubbuu oolchu kennuurra deeggartoota ABOtu naannichatti baayyata sababa jedhuun midhaan dhorkachaa jirti. ABOn midhaan isinii haa kennu, kan filannoo darberratti filattan OFKOn isin haa dhaqqabu, filannoo darbe irratti nu filachuu diddanii mormitoota filattan, isaan isin haa dhaqqaban jechuun haaloo ummata beele’etti bahaa jirti. Midhaanuma tola oltonni alaa ummata beela’eef erganirratti abbaa tatee deeggartootaa fi mormitoota kiyya jechuun dhimma siyaasaaf olfachaa jirti. Kun yakka, yakka sanyii balleessutii, jeenoosaayidiidha.

Ummata beela’e siysaan qoodanii, deeggaraa fi diina jedhanii beeleessuun yakka yakka caalu, maaf filannoo daberratti nafilachuu didde, maaf sabboonummaa qabaattee jedhanii gargaarsa halagaan alaa kenne jalee ofii qofaaf amma barbaadan kennanii kaaniif harka dachaafachuun hojii gara jabinaa, dinummaa isa dhumaati. Yakka ilmi namaa namarratti ni rawwata jedhamee hin tilmaamnee dha. Wayyaaneen garuu kaayyoo Oromoo dhabamsiisuu qabattee waan deemtuufuu iddoo beelli kun itti hammaate hundattuu yakka raawwachaa jiraachuun ifatti himamaa jira. Kun roorroo guddaadha, roorroo atattamaan fala argachuu qabuudha.

Ummanni keenya, ummanni Oromoo biyyas alas jiru shiraa fi rorroo Wayyaanee beela’aa midhaan dhorkatanii siyaasa ofii dalagachuu kana dura dhaabbachuu qaba. Dhumaatiin lammii keenyaa nutti haa dhagahamu. Hiriiraan, miidiyaadhaan, dipiloomaasidhaan haala biyya keessa jiru addunyaaf hubachiisuun dirqama namummaas, dirqama lammiitisii. Karaa dandeenyeenis lammiiwwan keenya beelaan harca’aa jiraniif haa owwaannu.

Dhalataan Oromoo kamuu murna aantummaa ummataa hin qabne, murna ummata beel’erratti yakka sanyii balleessuu dalagaa jirtuu tana addunyaaf saaxiluun dirqama. Murna gara jabeettii, murna ofii nyaatee isa hafe beeleessitu, sirna saamichaa, sirna osoo miisooma jettee hololtu ummata biyyattii walakkaa ol beelassitu, sirna nama siyaasaan qoodee midhaan gargaarsaa dhorkattu, murna yakkamtuu akkasii callisanii ilaaluun hamilee /miira namummaa/ dhabuudha. Dhibee lammiitiif quuqamuu dhabuudha, kanarraa ka’uun bakka jirrutti sagalee tokkoon yakka Oromoorratti raawwachaa jiru kana gurra addunyaa haa buusnu. Ummata keenya du’arraa baraaruuf, yakka irratti dalagamaa jiru dhaabuuf sagalee dhageessisuun dubbii fardiidha!

* Baarentuu Gadaa: gessogeda@gmail.com


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles