Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

KFO Walga’ii Geggeessuu Ka Dhorkame Ta’uu Dubbata

$
0
0

Namoo Daandii | VOA

WASHINGTON DC – Paartiin mormituu, Koongiresiin Federaalawa Oromoo, xalayaa gaaffilee ijoo afur of keessaa qabu qaama ol’aanaa mootummaa Federaal fi Mootummaa naannoo Oromiyaatti ergeef haga ammaa deebii argachuu dhabuu isaa fi magaalaa Buraayyuutti Sanbata dhufutti walga’iin uummataa waamuuf ture, Bulchiisa magaalattiin dhorkamuu isaa dubbata. Barreessaan dhaabbatichaa, Obbo Baqqalaa Nagaa akka jedhanitti, Bulchaan magaalaa Buraayyuu, Obbo Dhaabaa Jinfeessaa, dura ennaa dhaabbatichi walga’ii ummataa Isteediyeemii Buraayyuutti waamuuf akka beekkannoon kennamuuf telefoonaan gaafatu, tole jedhanii akka poolisiin eegumsa isaaniif godhu illee itti himuu isaanii dubbatan.

“Akka ehama arganneetti fudhannee, ennaa gara waajira poolisii deemnu garuu, barreeffamaan na dhaqqabuu qabu, jedhu itti gaafatamaan poolsii” ka jedhan, Obbo Baqqalaa Nagaa, deebisanii gara kantiibaa magaalatti – Obbo Dhaabaa Jinfeessaatti ennaa bilbilan, Wixata dabre kana gara waajira isaanii akka dhufan waamuu isaanii dubbatu.

“Wixata darbre kana ennaan waajira isaanii dhaqqabu, telefoona harkaa na harkaa fuudhanii, boorsaa ani baadhee ture illee sakatta’an. Kan waajirichatti na eege, Obbo Dhaabaa qofa otuu hin taane, itti-gaafatamaa poolsii, itti-gaafatamaa tika nagaa fi itti gaafatamaa DhDUO aanaa sanaa tu waliin ture. Ayyaana Ateetee yeroo irratti miseensonni keessan ABOn lafa hin gurguru, jedhan. Walga’ii isin waamtaniin wal-qabatee namni tokko alaabaa ABO baatee konkolaataan Buraayyuu keessa dabre fi sababaalee fakkaatan dubbachuudhaan, walga’ii keenya akka geggeeffachuu hin dandeenye nutti himan,” Jedhan – Obbo Baqqalaan. Bulchaa (Kantiibaa) magaalaa Buraayyuu, Obbo Dhaabaa Jinfeessaatti bilbillee, “walga’ii kaabinee irran jira. Amma isinitti dubbachuu hin danda’u,” nuun jedhan. Akka isaan deebii nuuf kennanitti dhiheessina.

VOA


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Latest Images

Trending Articles