Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Tesfaye Daba Kumsa:- Maaliif yakka ta’ee si irratti uumamuun koo?

$
0
0

Maaliif yakka ta’ee si irratti uumamuun koo?

Mee sin gaafadhaa dubbadhu al tokko
Yeroo hundaa hin usin deebisi gaaffii koo.
Ana qofa mitti akaakilii egale
Abbeenis gaafataa ture kana kale.
Anis ga’ee kunoo gaaffiin sitti taree
Deebisi gaaffii kana osoo bira hin tarre!

Sardaa dha gaaffiin koo lubbuu na gaafate
Daa’imaatiif beekaa meeqa nu irraa nyaate
Hayyuu keenya heedduu nu irraa galaafate
Dhiiga dhiigaan dhiquuf taa’a aggaammatee!

Deebisi deebii koo anis irra hin taruu!
Irbuu abbaa kootii gaaffii har’aaf boruu
Imaanaa akaakayyuu danda’ee hin callisuu
Ekeraatu na arga gaaffii kana hin dhiisu!

Callisuun kee maalii sodaa moo tuffii dha
Dallansuu dheekamsa, tari moo mufii dhaa?
Maaliif deebii dhabe gaaffiin lata kootii?
Sin hin dhiisuu dubbadhu haqatu seeraatii!

Dhiigini dhiiga dhiqee xurii baasa taanaan
Jigee haa lola’u kootiis dhugaaf jennaan
Duumessa haxaawee sabaaf ifa laannan
Gaaffii kana hin dhiisu! Nin gaaffa itti fufaan.

Namuu of hin uumnee uumaan Rabbi tokko
Uumamaan kan qabus bakki dhaloota koo
Kan Waaqni naaf kanne, si qofaa utuu ta’uu
Maliifan si dhabee dhaba bakkaan taa’u!

Maaf si irraa buqqa’e Qe’ee Akaakayyuu?
Maaf si irraa gubate Odaan teessoo hayyuu?
Maaf dhiigaan boora’ee Horri kee qulqulluun?
Kan maal balleessine maatiin warra galaan?

Maaloo mee maal goone maatiin warra abbichuu
Ciranii kan fixan biqilaa isaa kichuu
Sirraa buqisanii kan ciran hiddaisaa
Dubbadhu Finfinnee maal inni daafiin isaa.

Gaaffiin si gaafa dhaa dubbadhu Finfinnee
Namuu of hin uumuu anis of hin uumnee
Si irratti uumamuun koo maaliif ta’e yakka?
Si irraa jiraachuu maaf Ormi na dhorka?

Si irraa hari’amee maaliifan balfama?
Biyya biraa hin qabuu eessattan dhiibamaa?
Afaan Waaq naaf kenne si irratti maaf jibbama?
Anoo koon siin jedhaa maaliifan cubbama!

Deebisi gaaffii koo Dubbadhu Finfinnee
Ani hin callisuu deebii haga hin arganne
Lafa irra hin jiruu gaaffiin deebii hin qabne
Naaf deebsi gaaffii koo hin usin Finfinnee.

Deebii nagaan dhabnaan nan iyya ol ka’ee
Ana qofaa mitti lammiin koo walga’ee
Dhiigni lolaa ta’ee haa yaa’u lola’ee
Lafeen qorraan ta’e haa ifu boba’ee.

Eeynumaa kee cabe deebisee fayyisee
Haqaan eenyummaa kee addeessee mul’isee
Ilmaan kee balfaman si irra jiraachisee
Dungoo ta’een darba ifa siif badhaasee!

Durgoon koo kana dha deebisi gaaffii koo
Waadaan siif galaa hin shakkiin waa tokko
Dubbadhu Finfinnee ustee hin callisin
Haqa osoo argitu tasa hin dunuunfatin.

========
Tesfaye Daba Kumsa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles