(OroMedia.net, 16 Fulbaana 2015) Konsaartii Artisti Sayyoo Daandanaa garraaruuf sagnteeffame Fulbaana 20 bara 2015 (Fulbaana 8, 2008 ALH) Finfinneetti akka gaggeefame beekame.
Gabaasan keenay Finfinnee irraa akka ibsetti, yeroo ammaa dhukkubsatee wal’aansa irratti kan argamu Artisti Tsaggaayee ykn Sayyoo Daandanaa gargaarruuf konsartiin guddaa tokko Fulbaana 20 bara 2015 gaggeeffamuuf jira.
Konsartii Artistooti Oromoo bebbeekamoo qopheessan akan irratti hawaasti Oromoo argamuunis jaalalaa fi tumsa Artisti Sayyoof qabu akka ibsu koreen sagantichaa ibsa kenneen hubachiiseera.
Artistootin Oromoo ibsa Fulbaana 15 galma Hoteela Elilly International keessatti kenaniin akka kaayyoon konsartichaa artisti Tsaggaayee Daandanaa gargaaruu ta’uu mirkaneessaniiru.
Koree yeroo gargaarsa Sayyoo (Tsaggaayee) walitti gurmueessuuf dhaabbate kun akka ibsetti koonsertii dilbata dhufu, Fulbaana 20/2015 Galma Giddu Galeessa Aadaa biyyaatti keessatti agarsisuuf qophiin xumurameera.
Artisti Tsaggaayee Daandanaa bara jireenya isaa keessatti hojii aartiidhaa, aadaa fi eenyummaa Oromoo guddisuuf nama hojii boonsaa dalagee dhalootaaf fakkeenya guddaa ta’ee jiruu dha.