(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo – ABO)
—
Sadaasni 9 Guyyaan Yaadannoo FDG Gootota FDG Dargaggoota Oromoon Qabsiifame Irratti Wareegaman Bara-baraan Kan Itti Yaadannu
Sadaasa 8, 2015
Qabsoon diddaa gabrummaa baroota dheeraaf Ummatni Oromoo gaggeessaa ture bifa caalaatti qindaawaa fi waalta’aa taheen guutuu Oromiyaa keessatti wal qabatee akka diriiru, warraaqsi mirga abbaa-biyyummaa ofii falmachuu Oromiyaa guutuutti waaltominaan akka gaggeeffamuuf, Kallachi Qabsoo Bilisummaa Oromoo (ABO) bifa haarawaadhaan waamicha qabsoo Ummata Oromoof dabarseen, Sadaasa 9, bara 2005 irraa eegalee Sabni Oromoo, addatti ammoo dargaggootnii fi barattootni Oromoo, goleelee Oromiyaa hunda keessatti, keessattuu, manneen barnootaa Sadarkaa ol’aanoo fi Sadarkaa lammaffaa keessaa mirga dimokiraasii, mirga abbaa-biyyummaa fi bilisummaa Ummata isaanii falmachuuf hiriira nagayaa bahuu fi bifa adda addaatiin sochii wal irraa hin citnee fi itti fufiinsa qabu gaggeessuudhaan wareegama ol’aanaa baasanii sirna bittaa alagaa kan Wayyaanee/EPRDF mormuudhaan gaaffii Oromoo addunyaatti mul’isan. Erga Sadaasa 9, bara 2005 dargaggootni Oromoo FDG bifa caalaatti qindaaween gurmaawanii jalqabanii as bara irraa baratti Fincilli Diddaa Gabrummaa Oromiyaa guutuu keessatti finiinaa jira.