ODUU GAMMACHIISAA!
Oromo TViin eega hojii tajaajila television Oromoo jalqabe barri 15 dabre. Oromo TViin barana hojii bara 15 hojjate gilgaalee, fuul dura hojii isaa taraaree, tamsaasa isaa addunyaa guutuu biraan gahuuf sochoo’aa jira. Ilmaan Oromoo hundi Sochii Oromo TV kanarraa akka qooda fudhataniif ayyaanni qophaawee jira. Ilmaan Oromoo hundi sochii Oromo TV kanarratti hirmaattanii, akka seenaa waliin galmeessinuuf ayyaana qophaawe kanarratti kabajaan isin afeerra. Koottaa Oromo TV kan bara 15 guutuu tolaan Oromo tajaajile bira waliin haadhaabbannuu.
Guyyaan: Sabtii / Sambata Xiqqaa, Sadaasa (November) 28, 2015.
Bakki: Ukraine Event Center, 301 Main Street NE, Minneapolis, MN 55414
Yeroon: WB, Sa’aa 2:00