Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

VOA: Maqaa Maastar Pilaaniin Eenyummaa Uummata Oromoo Dhabamsiisuun Haa Dhaabatu Jedhu Momitoonni

$
0
0

Namoo Daandii | VOA

WASHINGTON DC – Paartiin mormituu, Kongireesiin Federaalawa Oromoo (KFO/OFC), xalayaa gaaffilee ijoo afur of keessaa qabu, Muummicha-Ministaraa Itiyoophiyaa – Obbo Haayila-Maariyaam Dassaalenyitti barreessee, waraabbii yokaan kophii isaa Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa, Mana-maree Federeeshinii Itiyoophiyaa fi Mana-maree Bakka-bu’ootaa yokaan Caffee Oromiyaatti erguu isaa dubbata.

Dura-taa’aan Paartichaa – Dr. Mararaa Guddinaa, qabiyyee xalayichaa ennaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan tokkoffaa, maqaa Maastar Pilaanii magaalaa Finfinneetiin magaalaalee Oromiyaa liqimsuun, lafa, qabeenyaa, aadaa fi eenymmaa uummata Oromoo naannoo sanaa dhabamsiisuun haa dhaabatu, lammaffaa: maqaa misoomaatiin maallaqa xinnoo qonnaan-bulaatti kennanii lafa isaa irraa buqqisuunii fi dandaa inni argachuu male dhabamsiisuun haa dhaabatu, yoo lafti irraa bitames iddoon jireenya isaaf ta’u akka hafuuf, akkasumas, misoomicha keessaa dantaan akka qoodamuu fi yokaan maallaqni sanaaf gitu akka kennamuuf fi sadaffaa: kan Heera Itiyoophiyaa keessatti tumamee jiru Oromiyaan Finfinnee keessatti dantaa addaa qabdi, kan jedhu akka hojii irra oolfamuu, ka jedhuu fi ka biroo qbaachuu isaa dubbatan.

VOA


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles