Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Sadaasa/Nov. 13, 2015 | Berlin/Germany | Waamicha Hiriiraa Mormii Tokkuumma Baratoota Oromoo (TBOJ) Caayya ABO/OLF Biyyaa Jarmaanii

$
0
0

Berlin2015OromoEvent2

Kabajamoo fi jaallatamo Hawaasaa Oromoo biyyaa Jarmaani, Jiraatoota Oromoo biyyaa Jarmaani fi firoota Oromoo hundaaf, duran dursaa nagaan Oromumma bakka jirtaan hundatti isiin haa gahuu.

Itti ansuun Tokkummaan Baratoota Oromoo (TBOJ) caayya Adda Bilisumma Oromoo (ABO) biyya Jarmaani gaafaa guyyaa 13.11.2015 (November 13, 2015) magaala Barliin, Jarmaan, keessaati dhimma biyyaa keenyaa Oromiyyaa kessatti tahaa jiruu kan akka:

Maqaa Maastar Pilaanin Uummaata Oromoo lafaa isaa irra buqisuu, Ajjeecha fi sanyii dugugga icittiin Oromoota irratti gageeffama jiruu, Hidhaa siyassaan mana hidhaa kessatti gidirfamaa jiran, Samichaa lafaa fi toftaalee adda addaan qe’ee irraa buqiifaamaa jiraan, Sarbamuu mirgaa namummaa fi reebichaa garaa jabinaan irraa gaha jiruu, Egeeree Oromoo baleesuuf Baratootaa unveersiitiy irraa ariiyuufi ajesuu, Akkasumaas rakkolee adda addaa Saba keenyaa otoo waal irraa hin citiin gahaa jiruu kana mormii keenyaa dhagesiisuf karorfaamee jira.

Itti dabalataan baatiin Sadaasaa qabsa’otaafi saboontotaa Oromoo biratti baatii adda tahee dha, kanaafuu fincilaa diddaa gabruumma (FDG) kan biyyaa jarmaan bara 2015 mormii hiriiraa waaliin waal qabsisuun kan kabajaamuu tahuu isaa isiin hubachiisnaa.

Akkasuumaas FDG qerroo biyyaa keessan socho’aa jiruu yadaachuudhan daraan akka cimee itti fufuu gochuuf yadaa fi ejjeennoo waal fakkaatuu waaliif dabarsuu.

TBOJ caayya ABO dhimmaa kana tokkummaan waal cinaa dhabachuudhaan mormii keenyaa dhageesisu fi rakkoole jiraan adunyaan akka hubbattuuf sagaleen keenyaa hedduu barbachisaa dha. kanaafuu sagalee tokkon akka waal cinaa dhabbanee sagalee keenyaa gudifnee dhageesifnuu kabajaan isiin afferraa.

Quunaamtiif:
– Email: tboj1973@gmail.com, Konya.frankfurt@gmail.com

QABSOON ITTI FUFAA BILISUUMMAN NI DHUFAA!

KHG/TBOJ Caayya ABO


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles