Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Qeerroo-Bilisummaa Issues Statement in Support of PAFD, the Genuinely-Multinational Alliance for Freedom & Democracy in Ethiopia

$
0
0

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 28, 2015

Finfinnee

Gamtaa fi wal hubannaa dhabuun jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga hiree murteeffannaa fi kabajamuu mirgoota dimookiraasii fi namummaaf abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti qabsoo gaggeessan dhabamuun mootummaa Wayyaaneef carraa kan bane fi umrii bittaa Wayyaanee kan dheeresse kessaa tokko kan ture yeroo kanatti furmaata argachuun umrii mootummaa Wayyaanee kan gababasuufi bilisummaa sabootaa fi sablamootaa kan mirkaneessuudha.

Sadarkaa jaarmiyaatti jaarmiyaaleen kanneen akka Addaa Bilisummaa Oromoo (ABO/OLF), Adda Bilisummaa Uummata Sidaamaa (SNLF), Addaa Bilisummaa Sochii Uummata Gambeellaa (GPLM), Adda Bilisummaa Sochii Uummataa Beenishaangul (BPLM) fi Adda Bilisummaa uummata Sumaalee (ONLF) irra walitti dhufuun Walga’ii Oslo Norwayitti Onkoloolessa 23/2015 ta’e irratti Gamtaa qabsoo bilisummaa uummachuun biyyatti keessatti dhiittaa mirga dimookirasii, mirga namummaa fi ukkaanfamuu mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa Uummata Oromoo fi saboota kanneenii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF’n ukkanfamee jiru aangoo irraa qaarisuuf boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa keessatti uumamedha waan ta’eef nuti jaarmiyaan Qeerroon dargaggoota Oromoo gamtaa uumamee kana ni deeggarra, cina ni dhaabbanna, ni jabeessina walitti dhufeenyii fi gamtaan kun illee biyya keessatti uummata Oromoo fi saboota kanneen gidduutti akka jabaatee itti fufuuf irratti kan hojjennu ta’uu beeksifna!! SNLF, GPLM, BPLM fi ONLF walitti dhufeenya Jaarmiyalee hiree walfakkataa qabanii fi qabsoo bilisummaa saba isaaniif qabsoo gitaa gaggeessan gidduutti uumamee jiruu ilaalchisuun nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummata Oromoo fi saboota hiree fakkataa Oromoo qabanii fi jaarmiyaalee “Gamtaa” kana hundeessan keessatti qooda qaban hundaaf ibsa gabaaba qabxii shan qabu dabarsine.

1. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo tumsa gamtaa qabsoo bilisummaa furgaasuuf jaarmiyaaleen kun uumaan ni dinqisiifanna dhimma haala yeroo irratti hundaa’ee fi barbaachisummaan isaa qabsoo bilisummaa siffisiisuun mootummaa EPRDF/TPLFtti xumura kan godhu waan ta’eef Uummatni Oromoo fi sabootni Cunqurfamoon biyyatti hiree fakkataa Oromoo qaban yeroon ijaaraman amma waan ta’eef ijaarsaa uummataa gama hundaan akka jabeesanii fi jabeesinu waamicha goona!

*** Guutuu Ibsa Kanaaf:- Tumsa Jaarmotaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisumaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles