Qaalluu Kuusaa irraa
Qaroominni warra Gibxii qaroomina warra Kuush miti warri jedhan jaarraa 21ffaa keessas hinuma mumullatu. Yaadni Qaroominni warra Gibxii kan Afrikaa mitii, kan Warra Giriiki jedhan warra ilaalcha Awurooppaa calaqqisan ta’uun beekamaadha. Faranjoonni kaleesaa qaroomina Afrikaa haalanii, Afrikaan doofaa, Abaaramoo, Amantii kan hin qabne jechaa turan. Waan Abaaramaniif, gurracha’anii Afaan isaanituu kan warra Semeetikii irraa adda ta’ee jechaa turan. Garuu Qaroominni Kuush kan eenyuu dursuu fi biyyi kaanuu Kuush irraa fudhachuu ibsa.
Gibxiin mataa ishii, hanag Giriikoonni, Roomaawwii fi Araboonni weerraranii qabamanitti ilmaan kuush turan. Farahoonni Gibxii kuushota turan, Sanyii Ameen Ra ilma Kuush (Haam) turan. Qaroominni isaanin kan Kuush ture. Qubee Amma Addunyaan itti fayyadamuu hundeen isaa kan Kuush. Kuush irra warri Feenqaa fi Giriikonni Fudhatan. Giriiki irraa warri Laatinii fudhatan, (Room/Xaaliyaan) faransaa Spanyi fi Prtugaal Laatinoo jedhamu. Isaan irraa Ingilizoonni fudhatan. Warra Giriiki irraa Rashaan irree fudhate. kana hundaaf Bu’ur qubee warra Kuush Gosa “Kemet” jedhamaniiti.
Akka BBC Dubartii Zeenab Badaawiitii qophaayyee, sagantaa isaa waayee Afrikaa irratti ibseetti Piraamidiin Nuubiyaa keessa jiru, Piraamidii isa Shinaar jiruuf Angafa ta’ee fii warrumtuu Nuubiyaa gadi bu’an akka tolchan himee ture. Siidaa Aksuutti dhaabbatee jiru kan Fakkaatuu otoo hin dhaabattiin Gibxii keessa ciisee jera.
Wan hundaafuu Akkan kan jedhuu kan na kakaasee, OMN irratti gaaffii fii deebii Prof. Mahaammad Hasan Husmaan Ukkumee waliin godhe keessatti waan dubbatameeture tokko.
Innis gaaffiin “Qaroominni Gibxii keessaa sun kan Warra Kuush ture jedhama” isa jedhuuf, Profeesorri keenya deebii ennaa keennu “Qaroominni Gibxii kan kuush jechuun hasoosama (fiction) haaraa uumuudha” jedhee gad jebeessee dubbachuu isaati. Yaadni kun immo kan warra Eurocentiric ta’uu mul’ata.
Yeroo Ammaa Raadio-Carbon: umamee waan hunduma ennaa saaxilutti pirofeessar akkas jechuu isaa na gaddisiisera. Radiyoo Kaarbooniyyuu kan Uumee nama lammii Afrikaati.
Waan hundaa fuu mee ragaalee warreen baayyee dhiheessan keessaa kan namoota xiqqoo qunxuree as irra isinii kaayee. kan ilaalatii yaada mataa keessanii kennaa.
“Modern research is leading us to Khufu, the belief that culture was spread in Egypt from the south, especially from Meroe. The country was first ruled over by contemporary kings, who were at war with each other. At last the common difficulties in harnessing the Nile united them under Menes 5500 years BC. For a thousand years the capital remained at Memphis. This was the old kingdom, the period of the pyramid builders …
“2400 to 2000 B.C. was the beginning of the, Middle Kingdom. This period is represented by the rise of Thebes, with its magnificent temples and its introduction of mysteries. Anew deity Amen-Ra, god of Thebes presides. It had been thought that Amen was not one of the gods of Egypte until this 11th Dynasty, but when the pyramids of the 5th and 6th Dynasties were opened Amen was there. The Pharaohs claimed to be literal and lineally descended from Amen-Ra. This was implicitly believed by their subjects …
“Let us seek to trace who Amen-Ra was. He was originally the god of Ethiopia. Amen-Ra was Cush, the son of Ham from whom the Cushites sprang. He was not one of the oldes deities of Egypt because he was precceeded by gods of the ages of Noah (Saturn) and Ham …
“About the time of the rise of Thebes his name from his worldwide conquests must have been entered into the cycle of gods: for Africans deified their dead kings. Undoubetedly descendants of the great Cush sat upon the throne of Egypt. This is why his name and form appear in the 11th Dynasty and its line of kings assumed his name …
“His became the predominant shrine of Egypt and its enrichment became the chief object of the Pharaohs. Amen or Cush was recognized by Egypt as its chief god. … The ancients looked upon Zeus, Apollo and Osiris as persons. Amen-Ra was the Zeus of Greece that was why they said the gods banqueted with the Ethiopians. He was the Jupiter of Rome. Zeus was king of kings because he was chief ruler in Ethiopia and over the lesser kings in his wide domains stretching from India to farther Norway …
“Horus, Apollo, Belus and Nimrod his son, were recognized and worshiped by all Cushite colonies. In the sculptures the Negro types of Africa are the Assistants at the festivals in Amen’s honor. He, himself, was of the same ancestry. In the later chapters of the Egyptian ritual his name is in the language of the Negroes of Punt.” (Wonderful Ethiopians of the Ancient Cushite Empire, p. 78-79)
Akka kanaa olitti xuqametti, guddinni aadaa gara Gibxiitti kan babal’ate kibba irraa ol ture, caalattuu Meerowwe irraayyi ture. Biyya jalqaba mootidhaan (Abbaa gadaatiin) bulaa turtee. Yeroo sanatti wal lolaa turan. Yoo xiqqaate Meenas jalatti dhaloota Kirstoos dura 5500 keessa laga Abbayyaa (Nile) walitti hidhata qabu turan. Waggaa kumaatamaaf magaalli guddittiin isaanii Memfis turte. Bara bulchiinsa moofaa jedhama, akkasumas ennaa Piraamidiin ijaaramaa ture sana kan jedhu yaada hammatee jira.
Yaadni kana cimsu itti aansee akkas jedha. Dhaloota kiristoos dura bara 2400 fi 2000 jidduu kan ture, yeroo bulchiinsi jeddu galeessi jalqabame jedhama. Kunis guddina magaalaa Tebees ennaa jedhamuun beekama. Akkasumas galma manneen amantii itti beekamuu jalqaban ta’uunis himama. Yeroo namni Ameen-Raa abbaa Gadaa (mootiin) haaran Tebees hogganaa tures jedhama. Hanga hortee 11ffaatti Ameen- Gibxi keessatti Waaqa warra Gibxii ta’uun isaa, sagaleen/ weeduun wayiituu hin turre, garuu yeroo Piraamidiin hortee 5ffaa fi 6ffaa banamaa turetti Ameen Ra achuma ture jedhama. Mootiin Fara’oon jedhamu illee, qaccee (sanyyii) Ameen Raa ta’uu fii qaroo ta’uu isaa himata. Kana ta’uu isaa immoo warri isaan mo’anii of jala galachan hundi ni amanu ykn dubbatu turan.
Qormaanni itti fufiinasaan deemee waayee Ameen Ra ibsuu tokko immoo akkas jedha. Yeroo waayyee gudiina Tebees dubbatamu, akkasumas addunyaa inni weeraree of jala galchetti hidhateen maqaan isaa marsaa waaqefatamtootaa keessa gale. Warri Afrikaa immoo miitii isaanii kan du’e ta’utti amanu. Waanti shakkii hin qabne tokko , dhalata kushii isa guddaa fii kursii mootii warra Gibxii irra kan taa’e ture. Kunis kan agarsiisu, maqaa isaa fi qaccee mootii 11ffaa kan tureen maqaa tokko ta’uu issaati.
Akka Qorattoonii jala bu’anii hurdofanii qoratanitti Ameen Ra kuni Sanyii Kuush ta’ee baayyee cimaa fi loltuu yoo ta’u, biyya weeraree qabatee fii jabinni isaa fagootti dhagahamuun, biyyoonni baayyeen itti waaqefachaa turan. Akka kanaan mootii fara’oonaa birattiis warra Gibxii birattis waaqefataamaa dura taa’atti ilaalama ture. Dur-duri Zehus, Appolloni fi Osiris akka namaattii ilaalamu. Ameen Ran Giriik keessatti Zahus jedhama, sababni isaas maleekonni Tophiyaa (Kush) keessatti kabaja guddaa qabu waan turaniif. Innis Roomaa keessatti akka Juupitar ture. Zahus mootii moototaa ture, sababni isaas hooganaa duraa bulchinsa Itophiyaa (Kush) fi olaanaa mootota isaa gadii addunya irra diriiranii fi Hindii irraa hanga Noorweeyitti jiran hundaaf ture. Akkasumas, ragaaleen isa olii cimsan immoo akkas jedhu. Hoorus, Appoolloo, Beeluus fi Nimoruud warra jedhaman ilmaan Ameen Ra turan. Biyya kolonii Kushotaa turan hundatti fudhatama aragachuu fi itti waaqeffataatuu turan. Ayyaana irreeffannaa Ameen Ra irratti Gurraalen Afrikaas bakka bu’ummaan argamanii kabaja isaa agarsiisaa turan. Inni mataan isaa qaccee isaanii ta’uu mul’isa. Kutaa Seenaa warra Gibxii boodaa keessatti Sirna kabajaa keessatti maqaan isaa Afaan gurraalee Punti keessatti ibsame.
Barreessan biraa immoo akkas jedha, waayeye qaroomina Sanyii Kuushotaa.
“Egypt and Babylon, Mizaraim and Nimrod, both descendants of Ham, led the way and acted as the pioneers of mankind in the various untrodden fields of art, science and literature. Alphabetical writings, astronomy, History, chronology, architecture, plastic art, sculpture, navigation, agriculture and textile industries seem to have had their origin in One or the other these countries” (Rawlinson’s Ancient Monarchies, vol. I)
Hundeen ishhii dhala Afrikaa, Lammii Ameerikaa Addee Dursillaa Dunjee Hawuston Akkas jetti.
Afrikaa keessatti, Itoophiyaa (Kush) Warra Egipti, warra Liibiyaa, warra Kana’aan, warra Feenqaa hundi isaanii hortee Haam. Isaan immoo bifa gurraalee ykn magaallanii fii warra qaroomina keenya jalqabaati. Warra siidaawwan yaadannoo goodaa Shinaar fii sulula laga Abbayyaa keessatti Meerowwee irraa hanga Meemfisitti ijaaran. Kibba Arabiyaattiis, siidawwan mimmidhagaa dhaaban. Akkasumas Itti waamamoo siidawwan yaadannoo (qubbii) kibba Saaybeeriyaa fi Ameerikaa keessa Sulula Misisipii keessa Meeksikoo irraa hanga Beeruttii jiru hundaa dhaabame hundaaf ta’u. Suuraan/fakkiin isaanii fi siidawwan dhaabatan kun sagalee dhabeeyyii, garuu Mootota Kuush/ Itophiyaa durii kan Ardii lafa kanaa gurguddaa sadii aguugan keessa calaqisa jette.
“In Africa the Ethiopian, the Egyptian, The Libyans, the Canaanites’ and Phoenicians were all descendants of Ham. They were a black or dark colored race and the pioneers of our civilization. They were emphatically the monument builders on the plains of Shinar and the valley of the Nile from Meroe to Memphis. In southern Arab they erected wonderful edifices. They were responsible for the monuments that dot southern Siberia and in America along the valley of the Mississippi down to Mexico and in Peru. Their images and monuments stand as ‘voiceless nesses.’ This was the ancient Cushite Empire of Ethiopia that covered three worlds …
“In the oldest recorded traditions, Cushite colonies were established in the Valley of Nile, Barabra and Chalada. These beginning must have been not later than 7000 or 8000 BC or perhaps earlier. They brought to development astronomy and the other science, which have come down to us.” (Wonderful Ethiopians of the Ancient Cushite Empire, Ch. I., p. 17-21)
Warri Giriikii immoo Akkas jechuun ragaa dabalataa nuuf dhiheessu.
“The Greeks looked to old Ethiopia and called the upper Nile the common cradle of mankind. Toward the rich luxuriance of this region they look for the ‘Garden of Eden.’ From these people of the upper Nile arose the oldest tradition and rites and from them sprang the first colonies and arts of antiquity. The Greeks also said that Egyptian derived their civilization and religion from Ethiopia …
“Ethiopians were the first men that ever lived, the only truly autochthonous race and the first to institute the warship of the God and the rites of sacrifice. The highly developed Merodic inscription are not forwarded in Egypt north of the first cataract or in Nubia south of Soba.”
Herodotus (bk.II, p.29) Says that Meroe was a great city and metropolis, most of its buildings were of hard stone. (Meroe-Crowfot pp. 6,30)
Warri kaan immoo, Akkas jechuun qaroomina Kuush ibsu.
The Cyclopedia of Biblical Literature says, “There is every reason to conclude that the separate colonies of priest craft spread from Meroe into Egypt; and the primeval monuments in Ethiopia strongly confirm the native traditions, reported by Diodorus Siculus, that the worship of Zeus-Anumon originated in Meroe, also the worship of Osiris. Herodotus called Ethiopia ‘Wise men occupying the upper Nile, Men of long life, whose manners and customs pertain to the golden age.’ In those primitive days, the central seat of Ethiopia was not the Meroe of our day, which is very ancient but a kingdom that preceded it by many ages, that was Called Meru. Lenormant spoke of the first men of the ancient world as ‘Men of Meru.’
“Diodrus Siculus said that the Chaldeans were a body of learned men resembling the priests of Egypt (both of the same race). Their whole time was spent in philosophic meditation. The learning of the Chaldeans was a family tradition. The scriptures speak of them as ‘wise men of the east.’ The son was taught by the father. These Chaldeans were the same as the priestly race that ruled Egypt for many ages as priests and kings.As Chayas or Casdim they were the superior ruling caste of all Ethiopian colonies.”
Jechoota waayyee qaroomina Kuush (Itophiyaa) ibsu kun hoo akkamitti ilaalama? Kunis Hasoosama jechaadha.
“There had been a rich literature in ancient Ethiopia, which endured until the time of Christ. There are now in existence more than two thousand Ethiopian manuscripts. The early Christian missionaries who entered Ethiopia considered it a duty to destroy all the ancient pagan
literature …
“Kemetic alphabet of Ancient Egypt/Kemet and the Upper Nile Valley of Ancient Africa. The Greek alphabet, the script of English today, is based on the Kemetic alphabet of Ancient Egypt/Kemet and the Upper Nile Valley of Ancient Africa. Ancient Egyptians called their words MDW NTR, or ‘Metu Neter,’ which means divine speech. The Greeks called it, ‘hieroglyphics’ – a Greek word. The etymology of hieroglyphics is sacred (hieros) carvings (glyph) …
“… The ancient Cushite empire of Ethiopians, that covered three continents and held unbroken way for three thousand years. … Old Ethiopia, where as Herodotus said, ‘the gods delighted to banquet with the pious inhabitants.’ The land and the ancient race. The ‘Old Race’ … That Petric found in Egypt of distinct and unique culture, who were the people of the earlier and superior civilization of the first dynasties.”
Dursillaa Dunjee Howustan Akkas jetti. Jaarraa 20ffaa gara jalqabaa keessa kan barreesite kunoo ilaalaa.
“In Africa the Ethiopian, the Egyptian, the Libyans, the Canaanits and Phoenicians were all descendants of Ham. They were a black or dark colored race and the pioneers of our civilization. They were emphatically the monument builders on the plains of Shinar and the valley of the Nile from Meroe to Memphis. In southern Arab they erected wonderful edifices. They were responsible for the monuments that dot southern Siberia and in America along the valley of the Mississippi down to Mexico and in Peru. Their images and monuments stand as ‘voicelessnesses.’ This was the ancient Cushite Empire of Ethiopia that covered three worlds.” (Wonderful Ethiopians of the Ancient Cushite Empire, Ch. I, page 17-21)