Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

VOA: Aartist Saalihaa Saamii Oromoo Raayyaa Keessatti Waan Ajaa’ibaa Arge, Jeetti

$
0
0

Namoo Daandii | VOA

WASHINGTON DC — Wellistuu beekamtuun, Saalihaa bakka jiraattu, Kaanaadaa irraa gara biyyaatti deemtee, viidiyoo sirbaa fi fiilmii seena-galmeessaa, kan amma bulchiisa naannoo Tigiraay keessa jiru, Oromoo Raayyaa keessatti hojjechuu ishee dubbatti. Saalihaan Oromoo Raayyaa keessa deemtee waliin sirbuu fi viidiyoo sirbaa qopheessuun kan ammaa kun ka jalqabaa akka hin ta’iin dubbbatti. Ammaan dura ennaa wellisaa Kadiir Martuu waliin gar sana deemanii sirba qopheessan illee maanguddoota haasofsiistee viidiyoo isaa kan harkaa qabdu ta’uu ka buuf ibsite, Saalihaan “Oromoo Raayyaa keessaa kan afaan Oromoo qajeelchee dubbatu, nama umuriin soddomii shanii olii qofa. Ijoolleen afaanicha dhabaa jiran,” jechuudhaan gadda ishee dubbatti. Garuu, maqaa lafaa dhageessu heddumminaan maqaa Oromoo ti, jetti.

Fiilmii seena-galeemeessaa amma waraabde kana keessa, aadaa akka buna-qala faa fi seenaa ajaa’ibsiisaa jaarsota Raayyaa Umurii dheeraa qabaniin isheef ibsame kan qabdu ta’uu nuuf ibsite. Gama biraatiin immoo, aartistoota dubartoota Oromoo jajjabeessuu fi hojiiwwan muuziqaa fi filmii ishee eebbisuutti ka fuuleffate qophii guddaa “Haadha Siiqqee” jedhame tokko magaalaa Finfinnee keessatti qopheessaa jirti, Saalihaan.

Qophii kana irratti hojiiwwan ishee eebbisuu qofa otuu hin taane, aartistoota dubartoota carraa beekamuu fi hojii isaanii agarsiisuu hin argatiin beeksiisuun, akkasumas, aartistoota dubartoota Oromoo angafa akka Halloo Daawwii fi Haayyoo Guddattuu fayiif kabajaa barbaachisu kennuun akka keessa jiru illee nuuf ibsite. Qophiin agarsiisa aartii adda addaa kun, akka lakkoobsa Itiiyoophiyaatti Onkoloolessa 20, bara 2008 Galma Finfinnee, ka Yuniviarsitii Finfinnee “Siddist” Kiiloo fuullee jiru keessatti geggeessama jira, jetti Saalihaa Saamii.

VOA


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles