Quantcast
Channel: Oromo Videos & News
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

VOA: Ob. Faqaadaa Shawaaqannaa Du’an Boqotan

$
0
0

WAASHINGITAN, DIISII – Dur Yunivarsitii Finfinnee keessa barsiisaa kan turan kabajamuu mirga dhala namaaf falmaa fi xinxalaa waa’ee siyaasaa akkasumas hawaasummaa kan ta’an Obbo Faqaadaa Shawaaqannaa umrii isaanii 61tti Wiixata Caamsaa 9 bara 2017 du’an boqotan.

Kutaa Meerilaand magaalaa Siilvar Spriing keessatti wal’ansa fayyaa argataa kan turan Obbo Faqaadaan waggootii darban digdamii afuriif sochii mormii lammiwwan Itiyoophyaa Waashingtan Diisii fi naannoo ishee jiraatan gaggeessan keessatti bal’inaan kan beekaman turan.

Obbo Faqaadaan qeeqa siyaasaa fi hawaasaa barreeffaman akkasumas sabaa himaa irratti sagaleen dhiyeessuun beekamu. Dabre sinaa keessatti kan dhalatan Obbo Faqaadaan Digrii duraa Yunivarsitii Finfinnee irraa barnoota Joograafiin kan argatan yoo ta’u kopen hegen keessatti immoo Digrii lammaffaa barnoota Medikaal Jograafii jedhamuun argatanii jiran.

Bara 1983 hanga 1993 Yunivarsitii Finfinnee keessa barsiisaa kan turan Obbo Faqaadaan bara 1994 barsiisoota beekamoo Yunivarsii Finfinnee keessaa ari’aman turan 42 keessaa tokko.

Obbo Faqaadaan haadha warraa fi ijoollee 3 akkasumas ijoollee ijoollee isaanii 2 qabu. Sirni awwalchii isaanii sambata dhufu gaggeeffama.

VOA


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1719

Trending Articles