Baarentuu Gadaa irraa*
Shiftoonni sirna hin beekan, seeras hin qaban, seerri isaan hin abboomu. Safuu, duudhaa, namni maal naan jedhaan isaan bira hin jiru.
Bor maal taanaanis qayee shiftootaa hin jiru. Shiftoonni waan saamamu argannaan weeraranii abbaa qabeenyichaa ajjeesuun, irraa hari’uun, hidhanii dararuun saamanii nyaachudha. Shiftoonni har’a maqaa mootummaatiin Impaayeera Itiyoophiyaa weeraranii saboota biyyattii fixaa fi saamaa jiran Wayyaanoonni kanaaf fakkeenya fi ragaa guddaadha.
Wayyaanonnii fi ergamtoonni isaanii kanneen akka OPDO, DHDN, fi BADN Shiftoota safuu, seera, maal naan jedhanii fi bor akkaman ta’aa hin beeknedha. Seera hin qaban, kan qabna jedhaniifis hin abboomaman, ni sobu. Waan ifatti hojjetan hin hojjenne jedhanii haalu. Kan ganama jedhan galgala itti hin deebi’an. Kan galgalaas akkasuma ganama hin jenne jedhu. Hojiin isaanii martuu waliin dhahanii jiraachudha. Kan nuun morma jedhanii shakkan ammoo hidhuu, ajjeesuu fi biyyaa godaansiisuudha.
Shiftoonni kun qabeenya namaa arginaan ijatu dhiiga uffata. Saamuu, irraa ajjeesanii fi hidhanii nyaachuun hojii isaaniti. Waggoota 25n darbaniifis kanuma gochaa turan, ittis jiru. Qabeenya ummataa ijji isaanii arge hunda kan ofii taasifachuuf ykn qircachuuf qawwee fayyadamanii yakka isaanii danda’ame hunda saboota biyyattii mararrattuu addatti ammoo ummata Oromoo irratti raawwataa turaniiru. Raawwachaas jiru. Qabeenyaaf jecha abbaa biyyaa hidhaniiru, ajjeesaniiru biyyaa godaansisaniiru.
Shiftoonni Tigraay kun qabsoo ummata Oromoo isaan raasaa jiruun dhiphatanii kunoo tibba kana isa waggoota 26n darbaniif ukkaamsanii irra taa’aa turan, seeruma ofii baafatan kan “Oromoon Finfinnee irraa dantaa addaa qaba” jedhu akka haaraatti gadi baasun irraa hololaa jiru. Dhimma kanaan wal qabatees wixineen qophaawe akka paarlaamaa fakkeessii biyyatiitiif dhihaatus karaa miidyaalee isaanii odeessaa ykn hololaa turaniiru. Holola kanaanis Oromoon Finfinneerraa faayidaa akkasii fi akkanaa argachuuf jira jechuun oduu afanfajjii uumaa jiru.
Ergamtichi Shoftoota Tigraay; inni maqaaf ministeera muummee jedhamu H/ Dasaalenyis kanuma karaa TV fi Raadiyoo sirnichaa mirkaneessaa ture.
Shiftoonni kun karaa adda addaatiin holola kana gaggeessaa turanis ummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo harkaa hin fudhanne. Wixineen jedhame kun ija seeraatinis haa ta’u karaa kamiinuu fudhatama akka hin qabne addabaabaayitti dubbatamaa jira. Wixineen Wayyaaneedhaan olii- gadi oofamaa jiru kun kan dantaa Oromoo eegsisu odoo hin taane kan Oromoo moogsuuf qophaaye ta’uun eenyufuu ifaadha waan ta’eef gutummaa Oromoo birattii fi hawaasa Oromoo biyyoota alaa jiru biratti balaalleeffatameera. Keessumaa qeerroon Oromoo dhiiga keenya kan dhanglaasaa turree fi jirru gaafii mirga abbaa biyuumaatiif malee lafa abbaa keenyaatirraa akka shiftoonni Tigraayi xixiqqeessanii qunxuranii nuuf kennaniifii miti jechuun hadheeffatanii balaaleffachaa, dura dhaabbachaas turaniiru, ittis jiru. Sobni, sossobaa fi afanfajjiin akkasiitis kan yeroon itti darbe jechuun harkatti busheessaa jiru. Kanarraa ka’uunis kunoo Shiftoonni sobaa fi waliin dhahuudhaan har’a gahan Wayyaanoonni kan jechaa turan san haaluu eegalaniiru.
Hololli maqaa dantaa Oromoon Finfinneerraa qabu deebifina jedhuun gaggeeffamaa turee fi jiru kun ummata Oromoo biratti fudhatama dhabuu kan hubatan shiftoonni Tigraayi kun deebi’anii isuma jechaa turan san haalaa jiru. Sobuun, haaluun, waliin dhahuun,yakka hojjatanii lakkii anaa mitiin aadaa fi amala shiftootaa ta’uun beekamaa ta’us kan Wayyaanee wanti adda isa godhu waan addabaabaayitti ta’e haluudha.
Tiba kana kunoo Wixinee Ergamtichi Hayila Maariyaam Dassaalanyi karaa TV fi Raadiyoo dhugaadha jedhee dubbachaa ture osoo torbanilleen hin guutiin deebisanii haalaa jiru. Hayilamaariyaam wixineen qophaayee jiru kun yeroo dhihootti paarlaammaatti ragga’ee hojirra oola jechaa ture. Ammammoo Gaazexaan miseensa shiftoota kanaa fi leellisaa sirna kanaan ogganamu Ripoortar wixineen jedhame akka hin jirree fi soba ta’e mootummaan shiftoota Tigraay kun haaluu gabaasee jira.
Ummanni Oromoo Wayyaaneen murna akkamii akka taate ummata tolchee beeku dha. Kanarraa ka’uunis irraatti qabsaawaa ture, irrattis qabsaawaa jira. Kan dubbatte haaluun, sobuunii fi waliin dhahuun Wayyaanee kun isa hin dinqu. Shiftoonni kun wixineen kun qophaaweera jedhanis, hin jenne jedhanis Oromoof dubbii ijoo miti. Wixineen kun qophaawuus dhiisuus, dhugaas ta’e soba, dubbii ijoon, gaafiin ummata Oromoo gaafii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ti malee gaafii fayidaa xixxiqoo Finfinneerraa naaf kennaa jedhuu miti. Waan ta’eefis kaleessa dubbatanii har’a haaluun Wayyaanootaa kun sobdoota, sobaan jiraattoota, waliin dhahoota, sirna dhablee fi bor hin beeknee ta’uu isaanii caalaatti mirkaneessuu malee bu’aa siyaasaa fiduuf tokkollee hin qabu. Oromoon holola shiftoota kanaatiin dagamee falmii biyya abbaa isaaf taasisuurraa duubatti jedhu hin jiru. Jiraachus hin qabu.
Oromoon Shiftoota kana ofirraa buqqisuuf qabsoorra jira. Yoo isaan buqqa’an Finfinnees ta’ee guutummaan Oromiyaa akka bilisa bahuu eenyu jalaawuu dhokotaa miti. Shiftoota waliin dhahaa jiraachuuf yaalan kana kan xumura itti godhu, kan umrii isaanii ofirraa gabaabsu numa ummattoota cunqursaa jala jirruudha. Kanumarraa ka’uun ummanni Oromoos ta’e ummattoonni cunqursaa jala jiran kamuu qabsoo jabeessanii itti fufuun dubbii fardii dha.
* Baarentuu Gadaa: gessogeda@gmail.com